< 希伯來書 4 >

1 所以,幾時進入衪安息的恩許仍然存在,我們就應存戒心,免得你們中有人得不到安息,
Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu.
2 因為我們也蒙受了喜訊,有如我們的祖先一樣;可是衪們所聽到的話為衪們毫無益處因為衪們聽的時候沒有懷著信德。
Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine.
3 所以我們這些信了的人,必得進入安息,就如經上說的:『我在怒中起誓說:衪們決不得進入我的安息。』其實天主的化工從創世時已經完成了,
Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni, “Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe” jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera.
4 因為聖經某處論及第七日說:『天主在第七天停止了自己的一切工作,開始安息。』
Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote” jedhee dubbate.
5 但這裏又說:『衪們決不得進入我的安息。』
Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedha.
6 那麼,既然這安息還保留著要一些人進入,而那些先聽到喜訊的人,因背信沒有進入;
Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan wangeelli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle.
7 因此天主重新指定了一個日子,即一個「今天」,就是在很久以後藉達味所宣示的,如上邊說過的:『今天你們如果聽見衪的聲音,不要再心硬了。』
Kanaafuu Waaqni deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawitiitiin, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, mataa hin jabaatinaa” jedha.
8 假使若蘇厄實在使祖先安息了,此後天主便不會再論及別的一個日子。
Utuu Iyyaasuun boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Waaqni ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii.
9 由此看來,為天主的百姓,還保留了一個安息的時日。
Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera;
10 的確,誰進入了天主的安息,衪也就停止自已的工作而安息,正如天主停止自已的正作而安息一樣。
namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.
11 所以我們要努力進入那安息,免得有人照樣因背信而跌倒。
Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.
12 天主的話確實是生活的,是有效力的,比各種雙刃的劍還銳利,直穿入靈魂和神魂,關節與骨髓的分離點,且可辨別心中的感覺和思念。
Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
13 沒有一個受造物,在天主面前不是明顯的,萬物在衪眼前都是袒露敞開的,我們必須向衪交賬。
Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.
14 我們既然有一位偉大的,進入了諸天的司祭,天主子耶穌,我們就應堅持所信奉的真道,
Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.
15 因為我們所有的,不是一位不能同情我們弱點的大司祭,而是一位在各方面與我們相似,受過試探的,只是沒有罪過。
Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.
16 所以我們要懷著依恃之心,走近恩寵的寶座,以獲得仁慈,尋到恩寵,作及時的扶助。
Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.

< 希伯來書 4 >