< 創世記 42 >
1 雅各伯見埃及有糧食出售,便對自己的兒子們說:「你們為什麼彼此觀望﹖」
Yaaqoob yommuu akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼetti, ilmaan isaatiin, “Isin maaliif wal ilaaltu?” jedhe.
2 繼而說:「我聽說在埃及有糧食出售,你們下到那裏,給我們購買些糧食,叫我們好活下去,不致餓死。」
Itti fufees, “Kunoo ani akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼeera. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf gad buʼaatii achii midhaan nuu bitaa” jedhe.
Obboloota Yoosef keessaa kudhan Gibxi keessaa midhaan bituuf gad buʼan.
4 至於若瑟的弟弟本雅明,雅各伯沒有叫他與哥哥們同去,因為他想:怕他遇害。
Yaaqoob garuu balaatu isa irra gaʼa jedhee waan sodaateef obboleessa Yoosef Beniyaamin isaan wajjin hin ergine.
5 這樣以色列的兒子們也夾在前來購糧的人中,前來購糧,因為客納罕地也發生了飢荒。
Beelli biyya Kanaʼaan keessa waan tureef ilmaan Israaʼelis warra midhaan bitachuu dhaqan wajjin deeman.
6 當時在地方上執政的人是若瑟,給地方上所有人民配售糧食的也是他。若瑟的哥哥們來了,就俯首至地,向他下拜。
Yoosefis bulchaa biyyattii kan uummata biyyattii hundatti midhaan gurguru ture. Obboloonni Yoosefis yommuu achi gaʼanitti fuula isaaniitiin lafatti gombifamanii sagadaniif.
7 若瑟一見他的哥哥們,就認出他們來,卻裝做生人,向他們說了一切嚴厲的話,問他們說:「你們是從那裏來的﹖」他們答說:「我們是從客納罕地來購買糧食的。」
Yoosef akkuma obboloota isaa argeen isaan beeke; garuu akkuma nama isaan hin beekneetti afaan hamaa isaanitti dubbatee, “Isin eessaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate. Jarris, “Midhaan bitachuuf jennee Kanaʼaanii dhufne” jedhanii deebisan.
Yoo Yoosef obboloota isaa beeke iyyuu jarri isa hin beekne.
9 於是若瑟想起了他昔日關於他們所作的夢,便對他們說:「你們是探子,前來刺探本地的虛實。」
Innis abjuu waaʼee isaanii abjoote sana yaadatee, “Isin basaastota dadhabbii biyyattii basaasuuf dhuftanii dha!” jedheen.
10 他們回答說:「我主! 絕對不是:你的僕人們是來購買糧食的。
Isaan immoo akkana jedhanii deebisan; “Yaa gooftaa akkas miti; nu garboonni kee midhaan bitachuu dhufne.
11 我們全是一個人的兒子,我們是誠實人;你的僕人們從未做過探子。」
Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.”
12 若瑟對他們說:「不,你們前來必是為刺探此地的虛實。」
Innis, “Akkas miti; isin dadhabbii biyyattii basaasuu dhuftan” jedheen.
13 他們答說:「你的僕人們原是兄弟十二人,同是客納罕地一個人的兒子;最小的現今在父親那裏,另一個已不在了。」
Isaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu garboonni kee obboloota kudha lama, ilmaanuma abbaa tokkoo kan biyya Kanaʼaan jiraatuu ti. Kunoo quxisuun hunda keenyaa amma abbaa keenya bira jira; inni tokko garuu hin jiru.”
14 若瑟對他們說:「我才說你們是探子;這話實在不錯。
Yoosef garuu akkana jedheen; “Akkuma ani isiniin jedhe sana isin basaastota!
15 為此我要考驗你們:我指著法郎的生命起誓:如果你們最小的弟弟不到這裏來,你們莫想離開此地。
Akki isin ittiin qoramtan kana; ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; yoo obboleessi keessan quxisuun sun as dhufe malee isin asii hin sochootan.
16 你們可由你們中派一個人回去,帶你們的弟弟來,其他的人暫且拘留,以待證明你們的話是否誠實;如果不是真的,我只著法郎的生命起誓:你們必是探子。」
Akka inni dhaqee obboleessa keessan fiduuf of keessaa nama tokko ergaa; isin warri haftan immoo mana hidhaatti galfamtu; akkasiinis dubbiin keessan qoratamee akka dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ni ilaalama; yoo kanaa achii, ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; isin dhugumaan basaastota!”
Innis hunda isaanii guyyaa sadii mana hidhaa keessa turse.
18 第三天,若瑟對他們說:「我原是個敬畏天主的人,你們願意保全性命,應這樣做:
Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii.
19 如果你們是誠實人,叫你們兄弟中一個人留在拘留所內,其餘的人可帶糧食回去,解救家中的飢荒。
Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa.
20 然後給我帶你們的小弟弟來,好證實你們的話,你們也不致於死。」他們就這樣作了。
Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan.
21 他們彼此說:「我們實在該賠補加害我們兄弟的罪,因為他向我們哀求時,我們見了他心靈痛苦,竟不肯聽;為此這場苦難才落到我們身上! 」
Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu dhugumaan sababii obboleessa keenyaatiif adabamaa jirra. Yeroo inni nu kadhatetti lubbuun isaa hammam akka dhiphachaa turte argineerra; nu garuu isa dhagaʼuu didne; dhiphinni kun kanaaf nutti dhufe.”
22 勒烏本就對他們說:「我豈不是對你們說過:不要傷害那孩子嗎﹖你們卻不肯聽;看,現在要追討他的血了。」
Ruubeen immoo, “Ani, ‘Gurbaa kana hin miidhinaa’ jedhee isinitti hin himnee? Isin garuu na dhagaʼuu diddan! Kunoo nu dhiiga isaatti ni gaafatamna” jedhe.
23 他們原不知道若瑟都聽得懂,因為在他們中有一翻譯員。
Sababii Yoosef karaa nama afaan hiikuutiin isaanitti dubbachaa tureef isaan akka inni waan isaan dubbatan hubatu hin beekne.
24 若瑟就由他們前退出去哭了。然後又回來與他們交談,由他們中提出西默盎在他們眼前將他捆綁起來。
Yoosef achi isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe; ergasii immoo isaanitti garagalee isaanitti dubbate. Simiʼooninis isaan keessaa baasisee fuuluma isaanii duratti hiisise.
25 若瑟遂吩咐人將他們的布袋裝滿了糧食,將各人的銀錢仍放在各人的布袋內,並且還給了他們途中所需要的食物;人就對他們這樣做了。
Yoosef akka qalqalloo isaaniitti midhaan guutaniif, akka meetii tokkoo tokkoo isaanii deebisanii qalqalloo isaanii keessa isaaniif kaaʼanii fi akka karaa isaaniitiif galaa isaaniif kennan ajaje. Erga wanni kun isaaniif godhamee booddee
26 他們將購得的糧食馱在驢上,就從那裏起身走了。
jarri midhaan isaanii harroota isaaniitti feʼatanii qajeelan.
27 到了客棧,他們中一人打開了布袋拿料餵驢,看見自己的銀錢仍在布袋口,
Isaan keessaa inni tokko iddoo bulanitti harree isaatiif nyaata kennuuf jedhee qalqalloo isaa bane; kunoo afaan qalqalloo keessattis meetii isaa argate.
28 遂對兄弟們說:「我的銀錢退回來了;看,仍在我的袋裏。」他們心驚起來,彼此戰慄地說:「天主對我們所作的,是怎麼一回事。」
Innis obboloota isaatiin, “Meetiin koo naa deebiʼeera; kunoo qalqalloo koo keessa jira” jedhe. Kana irratti isaan naʼanii walitti garagalanii hollachaa, “Wanni Waaqni nutti hojjete kun maali?” jedhan.
29 他們回到客納罕地,他們的父親雅各伯那裏,將所遇見的事全告訴他說:「
Isaanis gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhufanii waan isaan irra gaʼe hunda isatti himan; akkanas jedhan;
30 那地方的主人對我們說了一些嚴厲的話,將我們視作刺探那地方的人。
“Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe afaan hamaa nutti dubbatee akka waan nu biyyattii basaasuu dhaqneetti nu lakkaaʼe.
Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti.
32 我們原是兄弟十二人,同一父親的兒子,一個已不在了,最小的現在同我們的父親在客納罕地。
Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’
33 那地方的主人對我們說:為叫我知道你們是誠實人,你們兄弟中一人留在我這裏,其餘的人帶糧食回去解救家中的飢荒;
“Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa.
34 然後將你們的弟弟給我帶來,那時我才能知道你們不是探子,確是誠實人,我將你們的兄弟還給你們,你們可在這地方自由行動。」
Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’”
35 當他們倒自己的糧袋時,不料各人的錢囊仍在各人的袋內。他們和他們的父親,一見錢囊,都害怕起來。
Yommuu isaan qalqalloo isaanii keessaa midhaan garagalchanitti, kunoo meetiin tokkoo tokkoo isaanii hidhaa hidhaan qalqalloo isaanii keessa ture. Isaanii fi abbaan isaanii yeroo meetii hidhame sana arganitti ni rifatan.
36 他們的父親雅各伯對他們說:「你們總是使我喪失兒子:若瑟不在了,西默盎不在了,你們還要帶走本雅明! 這一切都落在我身上! 」
Abbaan isaanii Yaaqoobis, “Isin ijoollee koo na dhabsiiftan. Yoosef hin jiru; Simiʼoonis hin jiru. Amma immoo Beniyaamin fudhachuu barbaaddu. Wanni hundi natti hammaateera!” jedheen.
37 勒烏本對他父親說:「如果我不將他給你帶回來,你可殺死我的兩個兒子;只管將他交在我手裏,我必再還給你。」
Ruubeen immoo abbaa isaatiin, “Yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe ilmaan koo lamaan ajjeesuu ni dandeessa; isa imaanaa natti kenni; ani deebisee isa nan fida” jedhe.
38 雅各伯答說:「我兒子不能和你們一同下去,因為他哥哥死了,只剩下了他獨自一個;如果他在你們行的路上遇到什麼不幸,那你們就要使我這白髮老人在憂苦中降入陰府了。」 (Sheol )
Yaaqoob garuu akkana jedhe; “Ilmi koo isin wajjin achi gad hin buʼu; obboleessi isaa duʼeera; isa qofatu hafe. Yoo karaa keessan irratti balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.” (Sheol )