< 創世記 20 >
1 亞巴郎從那裏遷往乃革布地,定居在卡德士和叔爾之間。當他住在革辣爾時,
Abrahaam achii kaʼee Negeebitti godaanee Qaadeshii fi Shuuri gidduu jiraate. Innis yeroodhaaf Geraaraa keessa ture.
2 亞巴郎一論到他的妻子撒辣就說:「她是我的妹妹。」革辣爾王阿彼肋客於是派人來取了撒辣去。
Achittis Abrahaam, “Isheen obboleettii koo ti” jedhee waaʼee niitii isaa, waaʼee Saaraa dubbate. Abiimelek mootiin Geraaraas nama itti ergee Saaraa fudhate.
3 但是夜間,天主在夢中來對阿彼默肋客說:「為了你取來的那個女人你該死,因為她原是有夫之婦。」
Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.
4 阿彼默肋客尚未接近她,於是說:「我主,連正義的人你也殺害嗎﹖
Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa?
5 那男人不是對我說過「她是我的妹妹嗎﹖」連她自己也說「他是我的哥哥。」我做了這事,是出於心正手潔呀! 」
Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.”
6 天主在夢中對他說:「我也知道,你是出於心正做了這事,所以我阻止了你犯罪得罪我,也沒有讓你接觸她。
Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma.
7 現在你應將女人還給那人,因為他是一位先知,他要為你轉求,你才可生存;倘若你不歸還,你該知道:你以及凡屬於你的,必死無疑。」
Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.”
8 阿彼默肋客很早就起來召集了眾臣僕,將全部實情告訴給他們聽;這些人都很害怕。
Abiimelek guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee qondaaltota isaa hunda walitti waamee waan taʼe hunda isaanitti hime; isaanis akka malee sodaatan.
9 然後阿彼默肋客叫了亞巴郎來,對他說:「你對我們作的是什麼事﹖我在什麼事上得罪了你,竟給我和我的王國招來了這樣大的罪過﹖你對我作了不應該作的事。」
Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.”
10 阿彼默肋客繼而對亞巴郎說:「你作這事,究有什麼意思﹖」
Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate.
11 亞巴郎答說:「我以為在這地方一定沒有人敬畏天主,人會為了我妻子的緣故殺害我。
Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture.
12 何況她實在是我的妹妹,雖不是我母親的女兒,卻是我父親的女兒;後來做了我的妻子。
Taʼus isheen dhugumaan obboleettii koo ti; yoo haadha koo irraa dhalachuu baatte iyyuu isheen intaluma abbaa koo ti; isheenis niitii koo taate.
13 當天主叫我離開父家,在外飄流的時候,我對她說:我們無論到什麼地方,你要說我是你的哥哥,這就我是你待我的大恩。」
Anis yeroo Waaqni mana abbaa kootii na baase sana isheedhaan, ‘Haalli ati ittiin jaalala naaf qabdu mulʼiftu kanaa dha; lafa nu dhaqnu hundumaatti, “Inni obboleessa koo ti” jedhiitii waaʼee koo dubbadhun’ jedhe.”
14 阿彼默肋客把些牛羊奴婢,送給了亞巴郎,也將他的妻子撒辣歸還了他;
Abiimelek ergasii hoolaa fi loon, garboota dhiiraa fi nadheenii fidee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraas ni deebiseef.
15 然後對他說:「看,我的土地盡在你面前,你願住在那裏,就住在那裏。」
Abiimelekis, “Kunoo biyyi koo fuula kee dura jira; idduma feete jiraadhu” jedheen.
16 繼而對撒辣說:「看,我給了你哥哥一千銀子,作為你在闔家人前的遮羞錢;這樣,各方面無可指摘。」
Saaraadhaanis, “Kunoo ani meetii saqilii kuma tokko obboleessa keetiifin kenna. Kunis akka dhugaa qabaachuun kee fuula warra si wajjin jiranii duratti beekamuuf; ati guutumaan guutuutti dhugaa argatteerta” jedhe.
17 亞巴郎懇求了天主,天主就醫好了阿彼默肋客,他的妻子和他的眾婢女,使她們都能生育,
Abrahaamis Waaqa kadhate; Waaqni immoo Abiimelek, niitii isaatii fi garboota isaa dubartoota fayyise; isaanis ijoollee godhatan.
18 因為上主為了亞巴郎妻子撒辣的事,關閉了阿彼默肋客家中所有婦女的子宮。
Waaqayyo sababii niitii Abrahaam sababii Saaraatiif jedhee gadameessa dubartoota mana Abiimelek jiraatanii hunda cufee tureetii.