< 以西結書 5 >

1 「人子,你拿一把快刀,當理髮的剃刀用,剃去你的頭髮和鬍鬚,然後拿一個天平,分開那些鬚髮。
“Yaa ilma namaa, goraadee qara qabu fudhadhuutii akkuma qarabaa ittiin haaddatanitti mataa keetii fi areeda kee ittiin haaddadhu. Rifeensa sanas madaaliidhaan madaaliitii gargar qoodi.
2 等被困的日子一滿,把三分之一在城內用火燒掉;再拿三分之一在城四周用劍擊砍;其他三分之一,要揚在風中,我要拔出劍來追趕他們。
Yeroo barri marfamuu keetii dhumatutti rifeensa sana keessaa harka sadii keessaa harka tokko magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Harka sadii keessaa harka tokko fuudhii magaalattii marsiitii goraadeen cicciri. Harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbeetti bittinneessi. Ani goraadee luqqifameen isaanan ariʼaatii.
3 但你要從鬍鬚中取出幾根來,繫在你的衣服邊上,
Rifeensa sana irraa xinnoo fuudhiitii handaara wayyaa keetiitti guduunfadhu.
4 再從其中取出幾根投入火中,讓火燒掉;然後你向以色列全家說:
Ammas kanneen keessaa xinnoo fuudhiitii ibiddatti naqi; gubis. Ibiddi achii kaʼee guutummaa mana Israaʼel keessa faffacaʼa.
5 吾主上主這樣說:這就是耶路撒冷! 我將她安置在萬民之中,使萬國環繞著她;
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yerusaalem isheen ani biyyoota itti naannessee saboota walakkaa teessise sun ishee kanaa dha.
6 但是她違背了我的法令,作惡甚於異民,違背我的法律甚於環繞她的列國,因為她們輕視了我的法令,沒有照我的法律行事。
Isheenis sabootaa fi biyyoota naannoo ishee jiraatan caalaa hammina isheetiin seera kootii fi ajaja kootti fincilteerti; isheen seera koo gatteerti; ajaja koos duukaa hin buune.
7 為此,吾主上主這樣說:因為你們比環繞你們的異民更為叛逆,沒有照我的法律行事;沒有遵行我的法令,也沒有按照環繞你們異民的法律行事;
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin saboota naannoo keessan jiraatan caalaa warra hin ajajamne taataniirtu; isin ajaja koo duukaa hin buune yookaan seera koo hin eegne. Isin seera saboonni naannoo keessan jiraatan eegani iyyuu hin eegne.
8 因此吾主上主這樣說:看,我要親自對付你;在你中間,在異民眼前實行懲罰。
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Yerusaalem, ani mataan koo sittan kaʼa; fuula sabootaa durattis sin adaba.
9 為了你的一切醜惡,我要對你實習未曾實行過的,將來也不會實行的事;
Ani sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatiif waanan kanaan dura takkumaa godhee hin beekin, waanan siʼachis gonkumaa hin goone sitti nan fida.
10 在你境內,為父的要吃自己的兒子,為子的要吃自己的父親。我必如此在你境內實行懲罰,且把遺民分散到四方。
Kanaafuu si keessatti abbootiin ijoollee isaanii ni nyaatu; ijoolleen immoo abbootii isaanii ni nyaatu. Ani sin adaba; hambaawwan kee hundas bubbeetti nan bittinneessa.
11 為此我指著我的生命起誓說:──吾主上主的斷語──因為你用你的一切可憎和可惡之物玷污了我的聖所,我必將你剷除,我的眼決不憐視,一點也不憐惜。
Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii ati fakkiiwwan kee kanneen faayidaa hin qabne hundaa fi gochawwan kee jibbisiisoo sanaan mana qulqullummaa koo xureessiteef ani fuula koo sirraa nan deebiffadha; ani si hin baraaru yookaan garaa siif hin laafu.
12 你三分之一的人民要在你境內死於瘟疫,亡於饑荒;另三分之一,在你四周各地喪身刀下;其他三分之一,我要分散到各地。我且拔出劍來追趕他們。
Uummanni kee harka sadii keessaa harki tokko dhaʼichaan duʼa yookaan beelaan si keessatti dhuma; harka sadii keessaa harki tokko dallaa keetiin alatti goraadeedhaan galaafatama; harka sadii keessaa harka tokko immoo anatu bubbeetti bittinneessa; goraadee luqqifameenis ariʼa.
13 這樣,我的忿怒纔可以發洩,我的怒火在他們身上纔會平息,得到了報復;當我的憤怒在他們身上發洩時,他們要承認我,上主,在妒火中講了話。
“Ergasii aariin koo narraa gala; dheekkamsi koo kan isaanitti dhufe sun ni qabbanaaʼa; anis haaloo nan baafadha. Yeroo ani dheekkamsa koo isaanitti fidetti isaan akka ani Waaqayyo hinaaffaa kootiin dubbadhe ni beeku.
14 我要使你成為荒野,使你在環繞你的異民前,和所有的過客前,成為辱罵的對象。
“Saboota naannoo kee jiraatan gidduutti fuula warra achiin darban hundaa duratti onaa fi waan fafaa sin godha.
15 當我大發憤怒,以嚴厲的懲罰在你身上施行裁判時,你就成為環繞你的異民凌辱、恥笑、警戒和警駭的對象:這是我上主說的。
Yeroo ani aariidhaan, dheekkamsaa fi adabbiidhaan si adabutti, ati fuula saboota naannoo kee jiraatanii duratti waan fafaa, waan kolfaa, waan ilaalanii quba itti qabanii fi waan sodaa ni taata. Ani Waaqayyo dubbadheera.
16 當我向你們射出饑荒的毒箭──射出毀滅的箭,毀滅你們時──我必使饑荒在你們境內更加嚴重,斷絕你們的糧源。
Ani yeroon xiyya beelaa kan nama ajjeesuu fi nama barbadeessu isinitti darbadhutti isin balleessuuf jedheen darbadha. Ani beela irratti beela isinittin fida; madda nyaata keessaniis nan gogsa.
17 我必使饑荒和猛獸危害你們,掠去你們的子女,並使瘟疫和血案在你境內盛行,還有刀兵來打擊你:這是我上主說的。」
Ani beelaa fi bineensa isinittan erga; isaanis ijoollee malee isin hambisu. Dhaʼichii fi dhangalaafamuun dhiigaa isin haxaaʼa; ani goraadee isinittin fida. Ani Waaqayyo dubbadheera.”

< 以西結書 5 >