< 以西結書 23 >

1 上主的話傳給我說:「
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 人子,有兩個女人,同是一母的女兒,
“Yaa ilma namaa, dubartoota lama, intallan haadha tokkootu ture.
3 她們在埃及行過淫,年輕時當過娼,在那裏有人撫弄過她們的乳房,在那裏有人糟蹋了她們的童身。
Isaanis shamarrummaa isaaniitii jalqabanii sagaagalummaadhaaf of kennuudhaan biyya Gibxi keessatti sagaagaltoota taʼan. Biyya sanattis harmi isaanii ni tuttuqame; fiixeen guntuta isaanii kan yeroo durbummaa immoo ni qaqqabatame.
4 她們的名字,大的叫敖曷拉,她妹妹叫敖曷里巴。她們本來屬於我,也給我生了子女。至於她們的名字:敖曷拉是指撒瑪黎雅,敖曷里巴是指耶路撒冷。
Ishee hangafni Oholaa, obboleettiin ishee immoo Oholaa jedhamte. Isaanis kan koo turan; ilmaanii fi intallanis daʼan. Aholaan Samaariyaa dha; Oholiibaan immoo Yerusaalemii dha.
5 敖曷拉屬我時,已行邪淫,戀愛了她的情人,鄰邦亞述人,
“Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte;
6 即那穿紫紅衣服的將領和公卿,全是英俊的青年,善於騎馬的騎士。
isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan.
7 於是她與所有的亞述青年行淫,並為她所戀愛的情人及其偶像所玷污。
Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite.
8 但她仍沒有放棄埃及的淫蕩,因為他們在她青年時曾同她共寢過,糟蹋過她的童身,在她身上發洩過淫慾。
Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan.
9 為此我把她交在她情人手中,即她所熱戀的亞述人手中。
“Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne.
10 他們必要揭露她的私處,擄去她的子女,用刀把她殺死:如此,因所加於她身上的懲罰,她成了婦女的警戒。
Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame.
11 她妹妹敖曷里巴雖看見了這一切,但她的情慾更甚於她姐姐,她的淫亂也遠超過她姐姐的淫亂。
“Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte.
12 她也戀愛那些身為將領公卿的鄰邦亞述子民,他們都是衣著華美,善於騎馬的騎士,而且都是英俊的青年。
Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate.
13 我也見了她受玷污,她們兩的行徑完全一樣。
Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu.
14 她的淫行有增無減。當她看見繪畫在牆上的人──用丹青繪畫的加色丁人像,
“Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame,
15 腰間束著佩帶,頭上纏著突出的頭巾,都有軍官的模樣,相似巴比倫人,加色丁即是他們的出生地──
kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture.
16 她的眼一看見,就愛上了他們,遣派使者往加色丁,到他們那裏去。
Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte.
17 巴比倫人一來到她那裏,登上愛情的床,行了淫,玷污了她;她所玷污之後,遂即厭棄了他們。
Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte.
18 她既暴露了自己的淫行,揭開了自己的私處,因此我也厭棄她,如同厭棄她姐姐一樣。
Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale.
19 她又想念年輕時在埃及行淫的日子,遂增強了她的淫慾。
Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte.
20 她仍戀愛體壯似驢,精足似馬的情人。
Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate.
21 於是你渴望你年輕時的淫行,那時埃及人曾撫摸過你的胸懷,撫弄過你青春的乳房。
Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte.
22 因此,敖曷里巴! 吾主上主這樣說:看,我要鼓動你所厭棄的情人來攻擊你,引他們從四周來攻擊你,
“Kanaafuu yaa Oholiibaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani michoota kee kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sana sitti kaasee qixa hundaan sitti nan fida.
23 即巴比倫人和一切加色丁人,培科得、芍亞和科亞,以及一切同他們聯合的亞述人,英俊的青年,一切長官和公卿、軍官和將領,一切善於騎馬的人。
Isaan kunneenis Baabilonotaa fi Kaldoota hunda, namoota Pheqood kan Shooʼaatii fi Qoʼaa turan; isaan wajjinis Asoorota hundattu ture; Asooronni kunneenis dargaggeeyyii mimmiidhagoo hundi isaanii bulchitootaa fi ajajjoota waraanaa, ajajjoota gaarii waraanaatii fi namoota sadarkaa ol aanaa kanneen hundi isaanii fardaan deeman turan.
24 他們率領大軍、車輛和輜重車,大隊士卒,都佩著甲、盾和盔,由四周攻擊你。我讓他們處罰你,照他們的法律判決你。
Isaanis miʼa lolaatii fi gaarii waraanaa, gaariiwwan biraatii fi tuuta uummataa wajjin sitti dhufu; isaanis gaachana guddaa fi xinnaan, gonfoo sibiilaatiin qixa hundaan sitti hiriiru; ani dabarsee isaanitti adabbiif sin kenna; isaan akkuma seera isaaniitti si adabu.
25 如此,我要在你身上發洩我的妒火,讓他們以憤怒待你,割去你的鼻子和耳朵;其餘的都死於刀下;他們還要擄去你的子女,餘下的都為火燒死。
Ani dheekkamsa koo sitti nan erga; isaanis aariidhaan sirra yaaʼu. Funyaanii fi gurra kee sirraa kutu; warri si keessaa hafan iyyuu goraadeedhaan dhumu. Isaan ilmaan keetii fi intallan kee fudhatanii deemu. Warri si keessaa hafan immoo ibiddaan barbadeeffamu.
26 他們還要剝光你的衣服,奪去你的裝飾品。
Akkasumas wayyaa kee sirraa baafatanii faaya kee miidhagaa fudhatu.
27 這樣,我才消除你心中的淫蕩,和由埃及地開始的淫行,使你再不敢舉目看他們,再不想念埃及。
Akkasiin ani addaggummaa fi sagaagalummaa ati biyya Gibxitti jalqabde sana nan dhaaba. Ati dharraadhaan wantoota kanneen hin ilaaltu yookaan lammata biyya Gibxi hin yaadattu.
28 因為吾主上主這樣說:看,我要將你交在你所惱恨的人手中,和你所厭惡的人手中。
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani warra ati jibbite, kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sanatti dabarsee sin kenna.
29 他們要以惱恨對待你,奪去你的一切財物,赤身露體的拋棄你:因此你放蕩的私處,好色和淫亂都要暴露出來。
Isaanis jibbaan sitti dhufanii waan ati itti dadhabde hunda sirraa fudhatu. Qullaa fi harka duwwaa si hambisu; qaaniin sagaagalummaa keetiis ifatti baʼa. Addaggummaan keetii fi halalummaan kee,
30 他們這樣對待你,是因為你同異民行了淫,受了他們偶像的玷污。
waan kana sitti fidaniiru; ati saboota ormaa dharraatee waaqota isaanii tolfamoodhaan of xureessiteertaatii.
31 你既然走了你姐姐的路,我也要把她的苦爵放在你手中。
Ati karaa obboleettiin kee deemte irra deemteerta; kanaafuu ani harka kee keessa xoofoo ishee nan kaaʼa.
32 吾主上主這樣說:你要喝你姐姐又深又大,容量又多的苦爵,你要成為恥笑和辱罵的對象,
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Atis xoofoo guddaa fi gad fagoo, xoofoo obboleettii keetii ni dhugda; ati arrabsoo fi tuffii ni quufta; xoofoon sun dhugaatii baayʼee qabataatii.
33 你要酩酊大醉,滿懷憂愁。你姐姐撒瑪黎雅的爵是驚惶和毀滅的爵,
Ati xoofoo obboleettii keetii kan Samaariyaatiin, xoofoo diigamuutii fi badiisaatiin, kan machiitii fi gaddaatiin ni guutamta.
34 你必要喝,且要喝盡,連渣滓也要吞下;你還要抓破你自己的乳房:這是我所說的──吾主上主的斷語──
Ati ni dhugda; keessaas ni fixxa; xoofoo sana ni caccabsita; harma kee of irraa ciccirta. Ani waan kana dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
35 為此吾主上主這樣說:因為你忘了我,把我拋在背後,你也要親自承擔你好色和淫亂的懲罰。」
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ati waan na irraanfattee duubatti na gatteef gatii addaggummaa keetiitii fi sagaagalummaa keetii ni argatta.”
36 上主對我說:「人子,你要審判敖曷拉和敖曷里巴,向她們說明她們的醜惡:
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholiibaatti ni murtaa? Yoos hojii isaanii jibbisiisaa sana isaanitti himi;
37 她們犯了姦淫,手上帶著殺人的血,同偶像犯了姦淫,還焚化了她們給我所生的子女,祭祀偶像。
isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru.
38 此外,她們還對我行了這事:在那一天她們還玷污了我的聖所,褻瀆了我的安息日,
Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan.
39 因為當她們給她們的偶像祭殺自己的子女時,同一天也進了我的聖所,加以褻瀆。的確,她們在我聖殿中這樣行了。
Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha.
40 並且他們還想從遠方召人來,便遣使者到他們那裏。看,他們果然來了,你就為了他們而沐浴,畫眼,佩戴珠寶。
“Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte.
41 以後你坐在華麗的床上,床前安放桌子,上面擺上本來獻給我的香和油。
Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse.
42 在她那裏可以聽到曠野來的群眾的歡樂嘈雜聲,他們在她們姐妹的腕上帶上鐲子,在她們頭上戴上花冠。
“Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif.
43 那時我就關於這老淫婦說:現今她當然又要去行淫。
Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe.
44 的確,人都到她們那裏,就如到娼妓那裏,也照樣到淫婦敖曷拉和敖曷里巴那裏。
Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan.
45 但正義的人必要裁判她們,如裁判姦婦和流血的人,因為她們是姦婦,血還在她們手上。
Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru.
46 因為吾主上主這樣說:我要使許多人來攻擊她們,叫她們飽受虐待並遭受搶掠。
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jeeqxota itti nan kakaasa; raafamaa fi saamichaaf dabarsee isaan nan kenna.
47 這群人要用石頭砸死她們,用刀砍碎她們,屠殺她們的子女,火燒她們的房屋。
Jeeqxonni sunis dhagaan isaan tumanii goraadee isaaniitiin isaan kukkutu; ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixanii manneen isaanii immoo ni gubu.
48 如此,我要把淫亂由此地剷除,使所有的婦女受到警戒,不敢效法你們的淫行。
“Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa.
49 我要使你們的淫行歸在你們身上。承擔敬拜偶像的罪罰:如此,你們纔承認我是上主。
Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.”

< 以西結書 23 >