< 出埃及記 11 >
1 上主對梅瑟說:「還有一種災禍,我要降在法朗和埃及人身上,以後他必要釋放你們離開此地;他釋放你們的時候,是驅逐你們離開此地。
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa.
2 你要講給百姓聽,叫他們男女各向自己的鄰舍要求金銀之物。」
Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.”
3 上主使百姓在埃及人前蒙恩,同時梅瑟在埃及國,在法朗的臣僕和百姓眼中,也成了偉大的人物。
Waaqayyo akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.
Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba.
5 凡埃及國,從坐寶位的法朗的長子,直到推磨的婢女的長子,以及牲畜的一切頭胎,都要死亡。
Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa.
6 埃及全國要有大哀號,是從前沒有,以後也不會再有的哀號。
Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa.
7 至於以色列子民,連狗也不敢向他們和他們的牲畜吠叫,為叫你們知道,上主已將以色列子民和埃及人分開,
Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Waaqayyo Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu.
8 以後你的這些臣僕全都要到我跟前,跪下哀求我說:你和那跟從你的百姓都去罷! 然後我才離去。」梅瑟氣憤憤地離開法郎出去了。
Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.
9 上主對梅瑟說:「法朗不聽從你們,使我的奇蹟在埃及國多起來。」
Waaqayyo Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe.
10 梅瑟和亞郎在法朗面前行了這些奇蹟;但是上主使法朗的心硬,仍不肯放以色列子民離開自己的國家。
Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.