< 申命記 32 >

1 蒼天,傾聽,我要發言;大地,聆聽我口要說的話!
Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha; yaa lafa, atis dubbii afaan kootii dhagaʼi.
2 願我的教訓如雨下降,我的言語似露滴落,像降在綠茵上的細雨,像落在青草上的甘霖!
Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu; dubbiin koos akka fixeensaa gad haa coccophu; marga irratti akka tiifuu, biqiltuu corqaa irrattis akka bokkaa guddaa haa roobu.
3 因為我要宣揚上主的名,請讚頌我們的天主!
Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa. Guddina Waaqa keenyaa jajadhaa!
4 他是磐石,他的作為完美無比;他的行徑公平正直,他是忠實無妄的天主,公義而又正直。
Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundinuus qajeelaa dha. Inni Waaqa amanamaa hin dogoggorre, tolaa fi qajeelaa dha.
5 那不堪稱為子女的,自趨墮落,背叛了他,實在是個邪惡敗壞的世代!
Isaan hammina isatti hojjetaniiru; siʼachi isaan sababii qaanii isaaniitiif ijoollee isaa miti; isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha.
6 愚昧無知的人民,你們就這樣報答上主嗎﹖他不是生育你,創造你,使你生存的大父嗎﹖
Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne, ati akkasitti Waaqayyoof deebii kennitaa? Inni Abbaa kee, Uumaa kee, kan si hojjetee fi si tolche mitii?
7 你回想往古的時日,思念歷代的歲月;問你的父親,問你的長輩,他必給你講述;
Baroota durii yaadadhu; dhaloota darbe illee qalbeeffadhu. Inni siif ibsaatii abbaa kee gaafadhu; maanguddoota kees gaafadhu; isaan sitti himuutii.
8 當至高者為民族分配產業時,分佈人的子孫時,按照天使的數目,為萬民劃定了疆界;
Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti, yommuu sanyii namaas gargar qoqoodetti, akkuma baayʼina ilmaan Israaʼelitti namootaaf daarii dhaabe.
9 但雅各伯是上主所保留的一分,以色列成為他特有的產業。
Qoodni Waaqayyoo saba isaa ti; Yaaqoob immoo dhaala dhuunfaa isaa ti.
10 上主在曠野之地,在野獸咆哮的原野,發見了他,遂將他抱起,加以撫育,加以保護,有如自己的眼珠。
Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi gammoojjii nama gubu keessatti isa argate. Inni gaachana taʼeefii isa eege; akka qaroo ija isaattis isa eege;
11 老鷹怎樣守候自己的窩巢,飛翔在幼雛之上,上主也怎樣伸展雙翅,把他背在自己的翼上。
akkuma risaan mana ishee diigdee ilmaan ishee irra qoochoo qabdu, akkuma qoochoo ishee balʼiftee ol isaan fudhattu, akkuma qoochoo isheetiinis isaan baattu sana,
12 上主獨自領導了他,他旁邊並沒有外邦的神祇。
Waaqayyo qofatu isa geggeesse; waaqni ormaa tokko iyyuu isa wajjin hin turre.
13 上主使他馳騁於高原之上,以田間的出產養育他,使他享受巖穴間的蜜,堅石中的油,
Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise; midhaan lafa qotiisaa isa soore. Kattaa keessaa damma isa nyaachise; dhagaa gurraacha keessaa immoo zayitii kenneef;
14 牛酪和羊乳,肥美的羔羊和公羊,巴商的公牛與山羊,以及上等的麥麵;並以葡萄美酒作你的飲品。
dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee, xobbaallaawwanii fi reʼoota cooman, korbeeyyii hoolaa filatamoo Baashaan, ija qamadii gaariis isa soore. Ati cuunfaa dhiiga wayinii qulqulluus ni dhugde.
15 雅各伯吃肥了,耶叔戎吃胖了,會踢人了。──的確,你胖了,肥了,飽滿了。──他遂拋棄了造他的天主,輕視了救他的磐石。
Yishuruun ni gabbate; ni dhiite; nyaatee quufe; ni ulfaate; ni cululuqe. Waaqa isa uume ni dhiise; Kattaa Fayyisaa isaa taʼes ni tuffate.
16 他們以邪神的敬禮激起他的妒火,以可憎惡的事物,惹他動怒;
Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan; waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.
17 他們所祭祀的是邪神,而非真神,是向來所不認識的神,是近來新興,你們的祖先所不敬畏的神。
Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif, waaqota hin beekiniif, waaqota reefuu dhufaniif, waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
18 你忽略了那生你的磐石,忘記了那使你出世的天主。
Ati Kattaa si dhalche gante; Waaqa si uume irraanfatte.
19 上主一見,大為震怒,遂拋棄了自己的子女,
Waaqayyo waan kana argee isaan tuffate; inni ilmaanii fi intallan ofii isaatti aareeraatii.
20 說我要掩面不顧他們,要看他們的結局如何;這實在是敗壞的一代,毫無信實的子女。
Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha; dhuma isaaniis nan arga” jedhe; isaan dhaloota jalʼaa, ijoollee hin amanamneedhaatii.
21 他們以虛妄之神,激起我的怒火,以虛無之物,惹我動怒;我也要以那不成子民的人激起他們的妒火,以愚昧的民族惹他們發怒。
Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan; waaqota tolfamoo isaanii kanneen faayidaa hin qabneenis na aarsan. Anis warra saba hin taʼiniin akka isaan hinaafan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isaan nan aarsa.
22 我的怒火一燃起,必燒到陰府的深底,吞滅大地及其出產,焚毀山岳的基礎。 (Sheol h7585)
Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii; innis hamma siiʼoolitti gad dhidhimee ni bobaʼa. Lafaa fi waan isheen baaftu ni nyaata; hundee tulluuwwaniitti illee ibidda qabsiisa. (Sheol h7585)
23 我要將災禍不斷加在他們身上,向他們射盡我的箭矢。
“Ani waan hamaa isaan irra nan tuula; xiyya koos isaanitti nan fixadha.
24 他們必因饑餓而衰弱,必為熱症、毒疫所消滅;我還使尖牙的野獸和土中爬行的毒蟲傷害他們。
Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi dhaʼicha isaanitti nan erga; ilkaan bineensaa qaramaa isaa, hadhaa buutii lafa irra lootuus isaanitti nan erga.
25 外有刀劍,內有恐怖,使少男少女,乳兒白頭,同歸於盡。
Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha; mana isaaniitti sodaatu moʼa. Dargaggoonnii fi dargaggeettiiwwan, daaʼimmanii fi maanguddoonni ni dhumu.
26 我原想粉碎他們,將他們的記念由人間消滅;
Anis isaan nan bittinneessa; yaadannoo isaaniis sanyii namaa keessaa nan balleessa.
27 但我怕仇人自誇,怕敵人誤會說:「是我的手得勝了,而不是上主行了這一切。」
Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii, ‘Harka keenyatu moʼate malee, Waaqayyo waan kana hunda hin goone’ hin jenne, ani dhaadannoo diinaa sodaadheera.”
28 他們原是無謀的民族,沒有一點見識。
Isaan saba qalbii hin qabne, kan hubannaa tokko illee hin qabnee dha.
29 如果他們有點智慧,定會明瞭此事,看清未來的局勢。
Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii silaa dhuma isaanii ni beeku turan!
30 「若不是他們的磐石出賣了他們,上主放棄了他們一人怎能追擊一千,兩人怎能打跑一萬﹖」
Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee, yoo Waaqayyo dabarsee isaan kenne malee, akkamitti namni tokko nama kuma tokko yookaan namni lama nama kuma kudhan gugsa?
31 連我們的仇人也承認,他們的磐石不如我們的磐石。
Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti; kana immoo diinonni keenya iyyuu hin ganan.
32 誠然,他們的葡萄秧,出自索多瑪的葡萄園,來在哈摩辣的田園;他們的葡萄是毒葡萄,粒粒葡萄皆酸苦。
Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi lafa qotiisaa Gomoraa irraa dhufa. Iji wayinii isaanii summiidhaan, hurbuun isaaniis waan hadhaaʼuun guutameera.
33 他們的酒是蛇的毒汁,是蝮蛇的猛烈毒液。
Wayiniin isaanii hadhaa bofaa, summii bofa hadhaan isaa nama ajjeesuu ti.
34 這事豈不是貯藏在我身旁,封閉在我府庫裏﹖
“Kun waan na biratti eegame, kan galmee koo keessattis chaappaadhaan cufame mitii?
35 等到他們失足之時,我必復仇報復;他們滅亡的日子確已臨近,給他們預定的命運就要來到。
Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa. Yeroo isaatti miilli isaanii ni mucucaata; guyyaan badiisa isaanii dhiʼaateera; badiisni isaaniis isaanitti ariifateera.”
36 因為上主要衛護自己的人民,憐恤自己的僕人。當他看見他們的能力已逝,奴隸與自由人已到絕境,
Waaqayyo yommuu akka isaan humna dhaban, akka garbichis taʼu namni birmaduun tokko iyyuu hin hafne argutti, saba isaatiif ni murteessa; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
37 必問說:「他們的神祇在那裏,他們投靠的磐石究在何處﹖
Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan, waaqonni tolfamoon isaanii amma eessa jiru?
38 一向吃他們祭牲脂肪的,喝他們奠祭酒漿的,都在那裏﹖讓他們起來援助你們罷! 讓他們做你們的保障罷!
Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan, kanneen dhibaayyuu daadhii wayinii isaanii dhuganis eessa jiru? Mee kaʼanii isaan haa gargaaran! Mee daʼannoo haa kennaniif!
39 現在你們應認清,只有我是「那一位,」除我以外沒有別神;我使人死,也使人活;我擊傷人,也加以治療;誰也不能由我手中救出。
“Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa! Ana malee Waaqni biraa hin jiru. Ani nan ajjeesa; nan jiraachisas; nan madeessa; nan fayyisas; namni harka kootii baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
40 我向天舉手宣誓:我生活至於永遠!
Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii harka koo samiitti ol qabee nan kakadha;
41 我一磨亮我的刀劍,我一掌握裁判權,必向我的敵人雪恨,對恨我的人報復。
ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee harki koo murtiidhaaf isa qabatutti, ani diinota koo haaloo nan baʼa; warra na jibbaniif illee waan isaaniif malu nan kenna.
42 我要使我的箭矢醉飲鮮血,使我的刀劍吞食血肉:陣亡和俘虜的鮮血,仇敵將領的頭顱。」
Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti, ani akka xiyyi koo dhiigaan machaaʼu nan godha; dhiigni sunis dhiiga warra qalamaniitii fi boojiʼamanii kan mataa hooggantoota diinaa ti.”
43 萬國,你們應向他的百姓祝賀! 因為上主必為自己的僕人報血仇,向仇敵報復,聖潔自己的土地和百姓。
Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf, yaa sabootaa, namoota isaa wajjin gammadaa. Inni diinota isaa haaloo baʼa; biyyaa fi saba isaatiif araara ni buusa.
44 梅瑟和農的兒子若蘇厄前來,將這篇詩歌的話朗誦給百姓聽。
Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise.
45 梅瑟向全以色列人一朗誦完了,
Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti,
46 就對他們說:「你們應把我今日警告你們的一切話記在心內,好吩咐你們的子孫,謹守遵行這法律上的一切話。
akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa.
47 因為這為你們不是空洞的話,而是關係你們的生命;由於遵守這話,你們纔能在過約但河後所要佔領的地上,長久居留。」
Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
48 上主就在當天對梅瑟說:「
Gaafasuma Waaqayyo akkana jedhee Museetti hime;
49 你到摩阿布去,上這座阿巴陵山,即面對耶里哥的乃波山上去,觀看我要給以色列子民作產業的客納罕地。
“Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali.
50 你要死在你所上的山上,歸到你本族那裏,像你哥哥亞郎死在曷爾山,歸到他本族那裏一樣。
Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta.
51 因為你們在親曠野,卡德士的默黎巴水邊,在以色列子民中對我失信,沒有在他們中尊我為聖;
Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif.
52 為此,我賜給以色列子民的地方,你只可由對面眺望,卻不能進去。」
Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.”

< 申命記 32 >