< 申命記 23 >

1 凡外腎受傷或被閹割的人,不得進入上主的集會。
Namni kolaafame yookaan dhagni saala isaa irraa murame kam iyyuu waldaa Waaqayyoo hin seenin.
2 私生子不得進入上主的集會;他的後代即便到了第十代,也不得進入上主的集會。
Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
3 阿孟人和摩阿布人不得進入上主的集會;他們的後代,即便到第十代,也永不得進入上主的集會;
Namni gosa Amoon yookaan gosa Moʼaab yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
4 因為當你們出離埃及時,他們沒有帶食物和水,在路上前來迎接你們;又因他們從美索不達米亞的培托爾,雇了貝熬爾的兒子巴郎來咒罵你;
Isaan yeroo ati Gibxii baatetti karaa irratti buddeenaan yookaan bishaaniin si hin simanne; qooda kanaa akka inni si abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoor namicha biyya Phetoor ishee Phaadaan Arraamitti argamtu sana keessa jiraatu sitti bitan.
5 但是上主你的天主不但不願聽從巴郎,上主你的天主反而將咒罵變為你的祝福,因為上主你的天主愛你。
Taʼus Waaqayyo Waaqni kee abaarsa sana eebbatti siif geeddare malee Balaʼaamin hin dhageenye; Waaqayyo Waaqni kee si jaallataatii.
6 你一生永遠不要為他們謀安寧和幸福。
Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin.
7 你不可憎恨厄東人,因為他是你的兄弟;也不可憎恨埃及人,因為你曾在他們國內做過僑民。
Waan inni obboleessa kee taʼeef nama gosa Edoom hin tuffatin. Ati sababii akka alagaatti biyya isaa keessa jiraatteef nama Gibxi hin tuffatin.
8 他們所生的子孫到了第三代,即能進入上主的集會。
Ijoolleen dhaloota sadaffaa kanneen isaaniif dhalatan waldaa Waaqayyoo seenuu ni dandaʼu.
9 幾時你出征紮營,攻打你的仇敵,應避免一切惡事。
Yommuu diinota kee loluuf baatutti xuraaʼummaa hunda irraa of eegi.
10 你中間如有人夜間夢遺,即成為不潔,應走出營外,不可進入營內;
Namni tokko yoo halkan afeetaa dhangalaasuudhaan of xureesse inni qubata keessaa gad baʼee ala haa turu.
11 傍晚時,應用水洗澡,日落時,才能進營。
Gara galgalaa garuu dhiqatee yeroo aduun dhiitutti gara qubataatti haa deebiʼu.
12 在營外應有廁所,你應去那裏便溺。
Ati qubataan alatti lafa itti gad baatu qopheeffadhu.
13 在你的武器中;應有一把鏟;當你在外便溺時,用它來掘坑,然後用以剷土掩蓋糞便。
Meeshaa kee keessaa waan ittiin lafa qottu qabaadhu; ati yommuu gad teessee kaatutti boolla qotiitii biyyoo itti deebisi.
14 因為上主你的天主在你營中往來,為救護你,將你的仇人交給你,所以你的營地應當聖潔,免得他在你那裏見到討厭的事,而離棄你。
Waaqayyo Waaqni kee si eeguu fi diinota kee dabarsee sitti kennuudhaaf qubata kee keessa deddeebiʼaatii; akka inni gidduu keetti waan xuraaʼaa argee sirraa hin deebineef qubanni kee qulqulluu taʼuu qaba.
15 凡由主人逃到你這裏來的奴僕,你不應將他交給他的主人;
Yoo garbichi tokko kooluu sitti gale, ati dabarsitee gooftaa isaatti isa hin kennin.
16 他應在你中間與你同住,住在他自己所選的地方,住在他喜歡的一座城內;你不可欺負他。
Inni gidduu kee lafa jaallatee fi magaalaa filate keessa haa jiraatu. Atis isa hin cunqursin.
17 以色列婦女中不可有人當廟妓,以色列男人中亦不可有人作廟倡。
Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqa tolfamaa hin taʼin.
18 你不可賣淫的酬金和賣狗的代價,帶到上主你天主的殿內,還任何誓願,因為這兩樣於上主你的天主都是可憎惡的。
Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana Waaqayyo Waaqa keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisoo dhaatii.
19 借給你兄弟銀錢、食物,或任何能生利之物,你不可取利。
Ati maallaqa yookaan nyaata yookaan waan dhala argamsiisu kam iyyuu dhalaan obboleessa keetiif hin liqeessin.
20 對外方人你可取利,對你兄弟卻不可取利,好使上主你的天主在你要去佔領的地上,祝福你進行的一切事業。
Ati nama ormaa irraa dhala gaafachuu ni dandeessa; garuu akka Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtutti waan harki kee tuqe hundaan si eebbisuuf obboleessa kee irraa dhala hin fudhatin.
21 幾時你向上主你的天主許願,不要遲延還願,因為上主你的天主必向你追討,你就不免有罪了。
Ati yoo Waaqayyo Waaqa keetiif wareega tokko wareegde, sababii Waaqayyo Waaqni kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin.
22 如果你不許願,你就沒有罪。
Yoo wareeguu baatte garuu ati cubbamaa hin taatu.
23 凡你口中說出來的,你應遵守;凡你親口說出向上主你的天主所許的願,你應執行。
Waan arrabni kee dubbate gochuuf of eeggadhu; afaanuma keetiin jaallattee Waaqayyo Waaqa keetiif wareegdeertaatii.
24 幾時你進入你鄰人的葡萄園,你可隨意摘食葡萄,可以吃飽,但不可裝入你的器皿內。
Ati yoo iddoo dhaabaa wayinii ollaa keetii keessa seente, ija feete hunda nyaadhu; garuu tokko illee guuboo kee keessa hin kaaʼatin.
25 幾時你進入你鄰人的麥田,可以伸手摘麥穗,但不可在你鄰人的麥田內動鐮刀。
Yoo lafa qotiisaa midhaan ollaa keetii keessa seente, asheetii cirachuu ni dandeessa; garuu midhaan isaa kan dhaabatutti haamtuu kee hin buusin.

< 申命記 23 >