< 申命記 19 >

1 當上主你天主消滅了那些異民,上主你的天主將他們的土地賜給了你,而你佔領了那地,住在他們的城鎮和房屋裏以後,
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee saboota biyya isaanii siif kennu balleessutti, yommuu ati ariitee isaan baaftee magaalaawwanii fi manneen isaanii keessa qubattutti,
2 應在上主你的天主賜給你作產業的地方,劃出三座城,
walakkaa biyya Waaqayyo Waaqni kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti ofii keetiif magaalaawwan sadii addaan baafadhu.
3 修好到那裏去的道路,將上主你的天主給你作產業的地方,分為三個區域,這樣使殺了人的,可逃到那裏去。
Akka namni nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf daandiiwwan hojjedhuutii biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu iddoo sadiitti qoodi.
4 殺人犯逃到那裏得保全性命的案件應是這樣:假使有人無意殺了鄰人,彼此又素無仇怨:
Seerri waaʼee nama nama ajjeesee lubbuu isaa baafachuuf achitti baqatuu jechuunis kan utuu hammina itti hin yaadin akka tasaa nama ollaa isaa ajjeesuu tokko ilaalu kanaa dha.
5 比如他與鄰人同去林中伐樹,當他手揮斧子伐樹時,斧頭脫了柄,落在鄰人身上,以致斃命,他就可逃到這些城中的一座城去,為保全性命,
Namni tokko yoo muka murachuuf namicha ollaa isaa wajjin bosona seenee utuu muka muruuf qottoo isaa ol fudhatuu akkuma tasaa sibiilli irraa buqqaʼee namicha ollaa isaa sana dhaʼee ajjeese, namni sun magaalaawwan kanneen keessaa isa tokkotti baqatee lubbuu ofii isaa oolfachuu dandaʼa.
6 以免報血仇者心中發火追趕殺人者,因路途遙遠,而能趕上他,將他殺死;其實他與那人素無仇怨,罪不該死。
Yoo kanaa achii namni haaloo dhiigaa baasu tokko waan namichi nama ajjeese sun utuu duraan dursee hammina itti hin yaadin ollaa isaa ajjeeseef yoo ajjeefamuu hin qabaatin illee fagoo taʼu iyyuu inni aariidhaan duukaa buʼee qaqqabee isa ajjeesuu dandaʼa.
7 為此我吩咐你:應劃出三座城。
Sababiin ani akka ati magaalaa sadii ofii keetiif addaan baafattu si ajajeefis kanuma.
8 當上主你的天主,照他向你的祖先誓許的,擴展了你的疆域,將許下要給你祖先的整個土地賜給你時,──
Yoo Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya kee siif balʼisee biyya waadaa isaaniif gale sana guutummaatti siif kenne,
9 倘若你謹守遵行我今日吩咐你的這一切誡命,愛上主你的天主,日日履行他的道路,──你應在這三座城以外,另設三座城,
ati Waaqayyoon Waaqa kee akka jaallachuu fi yeroo hunda karaa isaa irra akka deemtuuf ajajawwan ani harʼa siif kennu hunda akka gaariitti yoo eegde, magaalaawwan kanneen irratti magaalaawwan sadii ni dabalatta.
10 免得無罪者的血,流在上主你的天主賜給你作產業的土地上,血債歸在你身上。
Akka lafa kee kan Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennu keessatti dhiigni nama qulqulluu hin dhangalaanee fi atis yakka dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamneef waan kana godhi.
11 但是,如果有人懷恨自己的鄰人,埋伏突擊他,而將他殺死,然後逃到這些城中的一座,
Garuu yoo namni tokko nama ollaa isaa jibbee riphee eeggachuudhaan miidhaa irraan gaʼee isa ajjeesee ergasii immoo magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqate,
12 他本城的長老應派人去,將他從那裏逮回,交於報血仇者手中,將他處死;
maanguddoonni magaalaa inni keessa jiraachaa turee nama itti erganii magaalaa inni itti baqate sanaa isa haa fichisiisan; akka inni ajjeesuufis nama haaloo dhiigaa baʼutti dabarsanii isa haa kennan.
13 你不可憐視他,而應由以色列中洗除無辜的血:如此你纔能平安無事。
Garaa hin laafiniif; akka siif toluuf yakka dhangalaafama dhiiga nama qulqulluu Israaʼel keessaa balleessi.
14 在上主你的天主賜給你作產業所分得的土地上,不可移動你鄰人的地界,因為是先人所劃定的。
Biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin.
15 人無論犯了什麼不義,什麼罪惡,或什麼過錯,只憑一個見證,罪名不得成立;須憑兩個或三個見證的口供,纔可定案。
Nama yakka yookaan seera cabsuu kamiin iyyuu himatame tokkotti muruuf dhuga baʼumsi nama tokkoo gaʼaa miti. Dubbiin sun dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.
16 若有人懷有惡意,起來作證控告某人犯法,
Yoo dhuga baatuun jalʼaan tokko sobaan nama tokkotti dhugaa baʼe,
17 二人應一同站在上主面前,和值班的司祭及判官面前。
namoonni wal dhaban lamaan fuula Waaqayyoo duratti lubootaa fi abbootii murtii kanneen yeroo sanatti hojii irra jiran dura haa dhaabatan.
18 判官應仔細考問。若那作證的是一個假證人,誣告自己的兄弟,
Abbootiin murtiis dubbicha gad fageessanii haa qoran; yoo dhuga baatuun sun sobduu taʼuun isaa mirkanaaʼee obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa baʼe,
19 你就應對付他,如同他想對付自己的兄弟一樣:這樣你便由你中間剷除了這邪惡,
waanuma inni obboleessa isaa gochuu yaade sana isa godhaa. Ati hamaa of keessaa baasuu qabda.
20 其餘的人聽了,必然害怕,在你中間再不致有這樣的惡事發生。
Namoonni hafan waan kana dhagaʼanii ni sodaatu; wanni hamaan akkasiis lammata gidduu keetti hin hojjetamu.
21 你不可發慈悲,要以命償命,以眼還眼,以牙還牙,以手還手,以腳還腳。
Ati gara laafina tokko iyyuu hin argisiisin; qooda lubbuu lubbuun, qooda ijaa ijji, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaas miilli baafamuu qaba.

< 申命記 19 >