< 但以理書 4 >
1 拿步高王詔告居於普世的各民族,各邦國及各異語人民說:「願平安豐富地賜予你們!
Nebukadnezar Mooticha irraa, Sabootaa fi namoota afaan garaa garaa dubbatan kanneen guutummaa addunyaa irra jiraatan hundaaf: Nagaan isiniif haa baayʼatu!
2 至高天主對我所行的神蹟奇事,我以為最好宣布出來。
Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Waaqni Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa.
3 他的神蹟何其偉大,他的奇事何其可畏! 他的王國是永遠的王國,他的主權世世常存!
Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha;
Ani Nebukadnezar natti tolee masaraa mootummaa koottis qananiidhaan mana koo nan jiraadhan ture.
5 忽然做了一夢,這夢使我害怕;我當時在床上所有的幻想,腦中所有的異象,使我心慌意亂,
Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge. Utuu ani siree koo irra ciisee jiruu fakkii fi mulʼanni qalbii koo keessa darbu na sodaachise.
6 遂下了一道諭令,召巴比倫所有的智者到我面前來,給我解說那夢的意義。
Kanaafuu ani akka isaan abjuu sana naa hiikaniif akka ogeeyyiin Baabilon hundi fuula koo duratti dhiʼeeffaman nan ajaje.
7 巫師、術士、占星者、占卜者都來了,我當面給他們說出了那夢,但他們卻不能給我解說那夢的意義。
Yommuu tolchitoonni, mortoonni, warri urjii ilaalanii fi waa himtoonni dhufanitti abjuu sana isaanitti nan hime; isaan garuu naaf hiikuu hin dandeenye.
8 最後,達尼爾來到我面前,-他按我神的名字,起名叫貝耳特沙匝,這人身上具有至聖神明的精神;我給他講述夢說:「
Dhuma irratti Daaniʼel fuula duratti dhiʼaate; anis abjuu sana isatti nan hime. Inni Beelxishaazaari jedhamee maqaa waaqa kootiin waamama; hafuurri waaqota qulqulluu isa keessa ture.
9 巫師長貝耳特沙匝! 我知道你這個人具有至聖神明的精神,沒有什麼奧秘可以難住你,請聽我夢中所見的異象,給我一個解釋:
Anis akkanan jedhe; “Yaa Beelxishaazaari, hangafa tolchitootaa, ani akka hafuurri waaqota qulqulluu si keessa jiru nan beeka; icciitiin kam iyyuu sitti hin ulfaatu. Abjuun ani arge kana; hiikkaa isaa natti himi.
10 我在床上腦中所有的異象是這樣:我忽然看見從地中生出一棵樹來,極其高大。
Mulʼanni utuun siree koo irra ciisee jiruu arge isa kanaa dha: Ani nan ilaale; mukni tokko fuula koo dura walakkaa lafaa dhaabatee ture. Dheerinni isaas guddaa ture.
11 這棵樹長的非常粗壯,高可摩天,大地四極都可見到;
Mukni sun akka malee guddatee jabaate; fiixeen isaas samii tuqe; hamma daarii lafaattis ni mulʼata ture.
12 樹葉美麗,果實繁多,足以供養一切生靈,田野的走獸安息在它的蔭下,空中的飛鳥棲息在它的枝杈上,一切生物都由它獲得供養。
Baalli isaa bareedaa, iji isaa akka malee baayʼee ture; mukicha irras nyaata waan hundaaf taʼutu ture. Bineensonni gaaddisa isaa jala boqotu; simbirroon samiis dameellee isaa irra jiraatu; lubbuu qabeeyyiin hundinuus isa irraa nyaatu ture.
13 我在床上,在我腦海所得的異象中,我看見有一位守衛兼聖者自天降下,
“Ani mulʼata utuun siree koo irra ciisee jiruu arge sana keessatti nan ilaale; fuula koo duras ergamaa qulqulluu samiidhaa gad buʼaa jiru tokkotu ture.
14 他大聲呼喊說:砍倒這棵樹,砍斷它的枝條,搖落它的葉子,打下它的果實,叫走獸離開它下面,叫飛鳥飛離它的枝杈,
Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: ‘Mukicha muraa; dameewwan isaa cicciraa; baala isaa harcaasaa; ija isaa bittinneessaa. Bineensonni isa jalaa, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatani.
15 但在地上只留下它根上的餘幹,用鐵索和銅鏈將它捆住,放在田野的青草,
Gufuu fi hiddi isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhamee lafa keessa, marga dirree keessa haa turu. “‘Inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; biqiltuu keessas bineensota wajjin haa jiraatu.
16 使他的心改變不像人心,給他一個獸心,在他身上要這樣經歷七段時期。
Qalbiin isaas qalbii namaa irraa geeddaramee qalbiin horii isaaf haa kennamu; kunis hamma waggaan torba darbutti haa taʼu.
17 這是守衛者宣布的定案,這是聖者所出的命令,好使眾生知道:是至高者統治世人的國家,他將國權願意給誰,就給誰;他可以將人間最卑賤的立為最高者。
“‘Akka namni lubbuun jiraatu hundinuu akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa barbaadeef isaan kennee nama namoota hundaa gad taʼe isaanitti muudu beekaniif ergatamtoonni murtii labsanii qulqulloonni murtoo lallaban.’
18 這是我拿步高王所做的夢。現在,貝耳特沙匝! 請你給我說出這夢的意義,因為我國內所有的智者,都不能使我知道這夢的意義,只有你能,因為只有你具有至聖神明的精神。
“Abjuun ani Nebukadnezar mootiin arge kanaa dha. Egaa yaa Beelxishaazaari waan namoota mootummaa kootii qaqqaroo keessaa tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenyeef abjuun sun maal akka taʼe natti himi. Ati garuu sababii hafuurri waaqota qulqulluu si keessa jiruuf ni dandeessa.”
19 名叫貝特沙匝的達尼爾,一時愕然,他想像的事,使他恐懼;君王於是說道:「貝耳特沙匝! 不要為這夢和這夢的意義心亂! 」貝耳特沙匝回答說:「我的主上! 願這夢應驗在仇恨你的人身上,願這夢的朕兆應驗在你的敵人身上!
Ergasii Daaniʼel inni Beelxishaazaari jedhamu sun yeroodhaaf akka malee jeeqamee yaadni isaas isa rifachiise. Kanaafuu mootichi, “Yaa Beelxishaazaar, abjuun kun yookaan hiikkaan isaa si hin rifachiisin” jedhe. Beelxishaazaaris akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo abjuun kun warra si jibbaniif, hiikkaan isaa immoo diinota keetiif haa taʼu!
20 你所見的那棵樹,長的非常粗大,高可摩天,大地四極都可見到,
Mukni ati argite kan akka malee guddatee fi cimaan, kan fiixeen isaa samii tuqee hamma daarii lafaatti mulʼatu,
21 樹葉美麗,果實繁多,足以供養一切生靈,田野的走獸安息在它的蔭下,空中的飛鳥棲息在它的枝條上。
kan baalli isaa bareedu, kan ija baayʼee qabu, kan iji isaa waan hundaaf nyaata taʼu, kan bineensotaaf gaaddisa, kan damee isaa irratti simbirroonni samii mandhee ijaarratan,
22 大王! 那樹就是你,你長得高大強壯,你的偉大高可摩天,你的權勢達於地極。
yaa Mootii, mukni sun siʼi! Ati guddaa fi jabaa taateerta; guddinni kee hamma samii gaʼutti ol baʼee bulchiinsi kees hamma daarii lafaatti balʼata.
23 至於大王所見的那位警衛兼聖者自天降下說:砍倒、毀滅這棵樹! 只在地上留下它根子的餘幹,用鐵索和銅鏈將它捆住,放在田野的青草中,讓他為露水浸濕,與田野的走獸分食,這樣在他身上直到經歷了七段時期。-
“Yaa Mootii, ati ergamaa qulqulluu tokko utuu inni, ‘Mukicha muraa balleessaa; gufuu fi hidda isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhaatii lafa keessatti marga dirree irratti dhiisaa; inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; akka bineensota bosonaatti haa jiraatu; waggaan torbas isa haa darbu’ jechaa samiidhaa buʼu argite.
24 大王! 這是那夢的意義,這是要臨到我主,大王身上的至高者的判決:
“Yaa Mootii hiikkaan isaa kana; labsiin Waaqni Waan Hundaa Olii gooftaa koo irratti baases kana:
25 你將由人間被驅逐,與田野的走獸為伍,你吃草如同牛一樣,為露水浸濕,要這樣經歷七段時期,直到你承認至高者統治世人的國度,願意給誰,就給誰。
Ati saba keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta; akka loonii marga nyaatta; fixeensa samiitiinis ni jiita. Ati hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni mootummoota kanas abbaa barbaadeef kennuu dandaʼu beektutti waggaan torba si darba.
26 至於所說在地中只留下樹根的餘幹,是說到你承認上天統治一切時,你的國仍再歸於你。
Ajajni akka gufuun muka sanaa hidda isaa wajjin hafuuf kenname sunis akka mootummaan kee yeroo ati ol aantummaan kan samii taʼe beektutti siif deebifamu argisiisa.
27 為此,大王! 望你接納我的勸告:厲行正義,補贖罪過,憐貧濟困,以抵償不義;如此你的福樂或許可得延長。」
Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.”
Kun hundi Nebukadnezar Mooticha irra gaʼe.
29 十二個月以後,王在巴比倫王宮的樓台上散步時,
Jiʼa kudha lama booddee mootichi utuu gubbaa masaraa mootummaa Baabilon irra asii fi achi deddeebiʼaa jiruu,
30 自言自語說:「這不是我以大能大力,為彰顯我的威榮而建為王都的大巴比倫嗎﹖」
“Kun Baabilon guddittii ani akka isheen mana jireenya mootii taatuuf ulfina maqaa kootiif jedhee humna koo jabaadhaan ijaare sanaa mitii?” jedhe.
31 這些話君王還未說出口,便有聲音從天上傳來說:「拿步高王! 現在有話告訴你:你的王位已被人奪去了!
Utuu inni dubbii isaa afaanii hin fixatin sagaleen akkana jedhu tokko samiidhaa dhufe; “Yaa Nebukadnezar Mooticha, wanni sirratti labsame kana: Aangoon mootummaa keetii sirraa fudhatameera.
32 你要由人間被驅逐,與田野的走獸為伍,你要吃草如同牛一樣,這樣,在你身上經歷七段時期,直到你承認至高者統治世人的國度,他願意給誰,就給誰。」
Ati uummata keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta. Akka looniis marga nyaatta. Hamma ati akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti Gooftaa taʼee fi akka inni mootummoota sana abbaa fedheef kennu beektutti waggaan torba si darba.”
33 這話立即在拿步高身上應驗了:他被逐離開了人群,吃草如同牛一樣,他的身體為露水浸濕,直報他的頭髮長得有如鷹的羽翼,指甲有如鳥的爪子。
Yommusuma wanni waaʼee Nebukadnezar dubbatame sun ni raawwatame. Innis uummata keessaa ariʼamee akka loonii marga nyaate. Inni hamma rifeensi isaa akka baallee risaa guddatee qeensi isaa akka qeensa allaattii fakkaatutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
34 這期限過了以後,我拿步高舉目望天,我的理智恢復了常態,我立刻稱謝至高者,讚美頌揚永生者,因為他的主權永遠常存,他的王國世世常在。
Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara samii ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Waaqa Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef.
35 地上的一切居民為他等於虛無,他對天上的軍旅和地上的居民隨意而行,沒有能阻止他的,或問他說:你作什麼﹖
Uummanni lafaa hundi
36 就在那一時刻,我的理智恢復了常態,恢復了我王國的光榮,仍享威嚴富貴,我的朝臣和大官仍前來求見;我的國又歸我所有,並且也給我增加了極大的權勢。
Akkuma qalbiin koo naaf deebiʼeenis, ulfina mootummaa kootiitiif ulfinnii fi miidhaginni koo yommusuma naaf deebiʼan. Gorsitoonnii fi qondaaltonni koo na barbaadan; anis teessoo kootti deebifamee kan durii caalaas guddaa nan taʼe.
37 現在,我拿步高要稱頌、讚揚和光榮天上的君王,因為他的一切作為是真理,他的到路是正義;凡行動傲慢的,他都能壓伏。」
Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha samii sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.