< 提摩太後書 1 >

1 奉天主的旨意,為傳佈在基督耶穌內所恩許的生命,作基督耶穌宗徒的保祿,
Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Kiristoos Yesuusiin galame sanaatti fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
2 致書給可愛的兒子弟茂德。願恩寵、仁慈與平安,由天主父和我們的主基督耶穌賜與你!
Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti: Abbaa keenya Waaqaa fi Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
3 當我在黑夜白日的祈禱中,不斷地懷念你時,我就感謝我繼續祖先,以純潔的良心所服事的天主。
Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa kadhannaa koo keessatti si yaadadhutti Waaqa akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha.
4 我每想起你的眼淚,我便渴望見你,為叫我滿心喜樂;
Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa.
5 我記得你那毫無虛偽的信德,這信德首先存在你外祖母羅依和你母親歐尼刻的心中,我深信也存在你的心中。
Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.
6 為了那原故,我提醒你把天主藉我的覆手所賦予你的恩賜,再熾燃起來,
Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Waaqaa kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa.
7 因為天主所賜給我們的,並非怯懦之神,而是大能、愛德和慎重之神。
Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
8 所以你不要以給我們的主作證為恥,也不要以我這為主被囚的人為恥,但要依賴天主的大能,為福音同我共同勞苦。
Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu;
9 天主拯救了我們,以聖召召叫了我們,並不是按照我們的行為,而是按照衪的決意和恩寵:這恩寵是萬世以前,在基督耶穌內賜與我們的, (aiōnios g166)
Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname; (aiōnios g166)
10 如今藉著我們的救主基督耶穌的出現,出現示了出來;衪毀滅了死亡,藉著福音彰顯了不朽的生命。
amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
11 為這福音,我被立為宣講者,為宗徒,為導師。
Anis wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.
12 為了這原故,我現在受這些苦難,但我並不以此為恥,因為我知道我所信賴的是誰,也深信衪有能力保管我所受的寄托,直至那一日。
Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.
13 你要以信德及在基督耶穌內的愛德,把從我所聽的健全的道理,奉為模範;
Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin qabdu jabeessii qabadhu.
14 且依賴那住在我們內的聖神,保管你所受的美好寄托。
Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.
15 你知道那些在亞細亞的人都離棄了我,其中有菲革羅和赫摩革乃。
Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru.
16 願主賜仁慈於敖乃息佛羅的家庭,因為他屢次使我精神快慰,也不以我鎖鏈為恥,
Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii.
17 而且他一到了羅馬,急切地訪尋我,也找到了我。
Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture.
18 願主到那一日,賜他獲得主的仁慈! 他在厄弗所怎樣為我服了務,你們知道得更清楚。
Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta.

< 提摩太後書 1 >