< 撒母耳記下 3 >

1 撒烏耳家與達味家間的戰爭相持很久;但達味家逐漸強盛,撒烏耳家卻日趨衰弱。
Mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraana bara dheeraatu ture. Yeroo Daawit jabaachaa deemetti manni Saaʼol immoo dadhabaa deeme.
2 達味在赫貝龍生的兒子:長子阿默農,是依次勒耳人阿希諾罕所生;
Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis: Inni hangafni Amnoon isa Ahiinooʼam Yizriʼeelittiin deessee dha;
3 次子基肋阿布,是曾作加爾默耳人納巴耳妻子的阿彼蓋耳所生;
inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha; sadaffaan Abesaaloom ilma Maʼakaa kan intalli Talmaayi mooticha Geshuur sun deessee dha;
4 四子阿多尼雅,是哈基特所生;五子舍法提雅,是阿彼塔耳所生;
afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
5 六子依特蘭,是達味妻子厄革拉所生:以上是達味在赫貝龍所生的兒子。
jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha. Isaan kunneen Kebroonitti Daawitiif dhalatan.
6 撒烏耳家同達味家戰爭期間,阿貝乃爾獲得操縱撒烏耳家的權柄。
Yeroo mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraanni turetti Abneer mana Saaʼol irratti humna isaa jabeeffachaa ture.
7 撒烏耳有一妾名叫黎茲帕,是阿雅的女兒,阿貝乃爾娶了她;依市巴耳對阿貝乃爾說:「你為什麼親近我父親的妾﹖」
Saaʼolis intala Ayyaa kan Riixiphaa jedhamtu saajjatoo godhatee ture. Iish-Booshetis Abneeriin, “Ati maaliif saajjatoo abbaa kootii wajjin rafte?” jedhe.
8 為了依市巴耳這句話,阿貝乃爾勃然大怒說:「莫非我是猶大的狗頭﹖直到今天我憐恤你父親撒烏耳,和他的兄弟以及他的朋友,沒有使你落在達味手裏;你今天竟為了一個女人挑我的錯!
Abneer immoo waan Iish-Booshet akkas jedheef akka malee aaree akkana jedhe; “Ani mataa saree Yihuudaatii? Ani hamma harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, mana maatii isaatii fi mana firoota isaatiif amanamaa dha. Siʼi illee dabarsee Daawititti hin kennine. Ati garuu amma waaʼee dubartii kanaatiif na himatta!
9 若我今後不依照上主對達味所誓許的去行:
Yoo ani akka abdiin Waaqni Daawitiif kenne sun raawwatamu gochuu baadhe Waaqayyo Abneer irratti waan hamaa haa godhu; sana caalaa iyyuu isatti haa fidu;
10 廢除撒烏耳家的王位,建立達味的寶座,使他由丹直到貝爾舍巴,統治全以色列和猶大,願天主如此,並加倍地懲罰我! 」
wanni Waaqni kakuudhaan isa abdachiise sunis mana Saaʼol irraa mootummaa fuudhee Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israaʼelii fi Yihuudaa irratti teessoo Daawit jabeessee dhaabuu dha.”
11 依市巴耳因為怕阿貝乃爾,連一句話也不敢回答。
Iish-Booshet waan isa sodaateef Abneeritti waan tokko illee dubbachuu hin dandeenye.
12 阿貝乃爾立即派使者到赫貝龍見達味說:「這地是誰的﹖」是說:「只要你與我訂立盟約,我必伸手援助你,使全以色列都歸順你。」
Ergasii Abneer, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Na wajjin walii galtee godhadhu; anis akka Israaʼel guutumaan guutuutti gara kee goru sin gargaaraa” jedhee Daawititti ergamoota erge.
13 達味答說:「好! 我願與你訂立盟約,但是,我要求你一個條件:就是你來見我時,若不把撒烏耳的女兒米加耳帶來,你休想見我。」
Daawitis, “Gaarii dha; ani si wajjin walii galtee nan godhadha. Garuu waan tokko sin gaafadha; kunis ati yommuu gara koo dhuftutti jalqabatti Miikaal intala Saaʼol naa fidi; yoo kanaa achii gara koo hin dhufin” jedhe.
14 隨後,達味就派使者到撒烏耳的兒子依市巴耳那裏說:「請把我的妻米加耳歸還給我,她是我以一百培肋特舍人的包皮聘定的。」
Ergasiis Daawit, “Niitii koo ishee ani misaa Filisxeemota dhibba tokkootiin kaadhimadhe Miikaalin naa ergi” jedhee Iish-Booshet ilma Saaʼolitti ergamoota erge.
15 依市巴耳就派人,從拉依士的兒子帕耳提耳,她丈夫那裏把她帶來。
Kanaafuu Iish-Booshet nama ergee dhirsa ishee Phaltiiʼeel ilma Laayish irraa ishee fudhate.
16 她的丈夫與她同行,一邊走一邊哭,送她到了巴胡凌。阿貝乃爾向他說:「你回去罷! 」他就回去了。
Dhirsi ishees hamma magaalaa Bahuuriimitti booʼaa ishee duukaa buʼe. Abneeris, “Mana keetti deebiʼi!” jedheen. Kanaafuu inni ni deebiʼe.
17 阿貝乃爾同以色列的長老商議說:「你們早已渴望達味作你們的君王。
Abneer maanguddoota Israaʼel wajjin mariʼatee akkana jedhe; “Isin kanaan dura akka Daawit mootii keessan taʼu hawwaa turtan.
18 現在你們就進行罷! 因為上主曾論及達味說:我要藉我的僕人達味,從培肋舍特人及一切仇敵手中,拯救我的百姓以色列。」
Waaqayyo, ‘Ani garbicha koo Daawitiin saba Israaʼel harka Filisxeemotaatii akkasumas harka diinota isaanii hundaa keessaa nan baasa’ jedhee abdachiiseeraatii isin waan kana galmaan gaʼaa!”
19 阿貝乃爾也遊說了本雅明人;以後阿貝乃爾去赫貝龍見達味,向他報告以色列和本雅明全家共同贊成的事。
Abneer namoota Beniyaam birattis ni dubbate. Ergasiis Kebroon dhaqee waan Israaʼeloonnii fi manni Beniyaam hundi gochuu barbaadan Daawititti hime.
20 阿貝乃爾遂率領二十人去赫貝龍見達味。達味設宴款待了阿貝乃爾和他的隨員。
Yommuu Abneer namoota isaa digdama wajjin Kebroon dhufetti, Daawit isaa fi namoota isaatiif cidha qopheesse.
21 阿貝乃爾向達味說:「我要動身去號召全以色列,來擁護我主大王,使他們與你立約:這樣你能依照你的心願來統治一切。」事後,達味放阿貝乃爾平安走了。
Abneeris Daawitiin, “Ani kaʼee deemee akka isaan gooftaa koo mootii wajjin kakuu galanii fi akka ati warra garaan kee fedhe hunda irratti mootii taatuuf Israaʼeloota hunda walitti nan qaba” jedhe. Kanaaf Daawit isa geggeesse; innis nagaadhaan deeme.
22 達味的臣僕和約阿布出征回來,帶回了很多戰利品。那時,阿貝乃爾已不在赫貝龍達味那裏了,因為達味放他平安走了。
Namoonni Daawitii fi Yooʼaab yommuu suma boojuu hedduu fudhatanii duulaa galan. Abneer garuu Daawit wajjin Kebroon hin turre; Daawit isa geggeessee inni nagaan deemeeraatii.
23 約阿布和他率領的軍隊一來到,就有人告訴他說:「乃爾的兒子阿貝乃爾曾來到君王前,君王放他平安走了。」
Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan hundi yommuu achi gaʼanitti akka Abneer ilmi Neer mooticha bira dhufee mootichi nagaan isa geggeesse isatti himame.
24 約阿布就去見君王說:「你作的是什麼事﹖阿貝乃爾到你這裏來,你為什麼放他平安走了﹖
Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee akkana jedhe; “Maali gochuu kee ti? Kunoo Abneer gara kee dhufee ture. Ati Maaliif isa geggeessite? Inni amma deemeera!
25 你豈不認識乃爾的兒子阿貝乃爾﹖他來是為欺騙你,願探聽你的出入,知道你的一切行動。」
Ati Abneer ilma Neer ni beekta; inni si gowwoomsee sochii keetii fi waan ati gochaa jirtu hunda basaasuudhaaf dhufe.”
26 約阿布離開達味就打發差役去追趕阿貝乃爾。他們從息辣的旱井旁,把他帶回來,。達味一點也不知道。
Yooʼaabis Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamoota erge; isaanis boolla bishaanii kan Siiraa biraa isa deebisan. Daawit garuu waan kana hin beekne.
27 阿貝乃爾一回到赫貝龍,約阿布就領他到大門旁,彷彿要與他暗地交談,就在那裏一刀剌穿了他的肚腹,他立即死了;這樣替他兄弟阿撒耳報了血仇。
Yeroo Abneer Kebroonitti deebiʼettis Yooʼaab waan kophaatti isa wajjin haasaʼuu barbaade fakkeessee gara karraatti isa baase. Achittis haaloo dhiiga obboleessa isaa Asaaheel baasuuf garaa keessa isa waraane; innis ni duʼe.
28 事後,達味一聽說這事,就說:「我和我的國家,對乃爾的兒子阿貝乃爾的血案,在上主面前,永遠是無罪的!
Ergasii Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Anii fi mootummaan koo bara baraan dhiiga Abneer ilma Neer irraa fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu dha.
29 願這罪歸在約阿布的頭上和他父的全家! 願約阿布家中不斷有患淋症,長癩病,只會紡線,喪身刀下和缺糧的人! 」
Cubbuun dhiiga isaa mataa Yooʼaabii fi mana abbaa isaa hundaa irra haa gaʼu! Namni madaa malaa yaasu yookaan lamxii qabu yookaan namni uleetti rarraʼee deemu yookaan namni goraadeen ajjeefamu yookaan namni waan nyaatu dhabu mana Yooʼaabii hin dhabamin.”
30 約阿布和他的兄弟阿彼瑟暗殺了阿貝乃爾,是因為他在基貝紅打仗時,殺死了他們的兄弟阿撒耳。
Sababii inni lola Gibeʼoon irratti obboleessa isaanii Asaaheelin ajjeeseef Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Abneerin ajjeesan.
31 達味向約阿布和同他在一起的民眾說:「要撕裂你們的衣服,穿上喪服,為阿貝乃爾舉哀! 」達味王也跟在靈柩後送葬。
Daawitis Yooʼaabii fi namoota isa wajjin turan hundaan, “Uffata keessan tarsaasaatii uffata gaddaa uffadhaa; fuula Abneer durattis booʼaa” jedhe. Daawit mootichis reeffa Abneer geggeesse.
32 他們在赫貝龍埋葬了阿貝乃爾;君王在阿貝乃爾墓旁放聲大哭,民眾也都哭了。
Isaanis Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichis awwaala Abneer irratti iyyee booʼe; namoonni hundinuus ni booʼan.
33 君王作哀歌弔阿貝乃爾說:「阿貝乃爾豈應像傻瓜一樣死去﹖
Mootichis faaruu gaddaa kana akkana jedhee Abneeriif faarse: “Abneer akka duʼa nama yaraa tokkootti duʼuu qabaa?
34 你的手並未束拷,你的腳也沒帶鐐,怎麼你斃命,竟如兇犯斃命一樣! 」為此民眾更加痛哭。
Harki kee hin hidhamne; miilli kee foncaadhaan hin gaadiʼamne. Ati akkuma nama fuula hamootaa duratti kufu tokkootti kufte.” Namoonni hundinuu amma illee ni booʼaniif.
35 隨後,眾人前來勸君王進食,那時還是白天,達味卻發誓說:「若我在日落前進食,或嘗什麼東西,願天主如此,並加倍地懲罰我!」
Gara saafaattis namoonni hundi dhufanii akka inni waa nyaatuuf Daawitin kadhatan; inni garuu, “Yoo ani hamma biiftuun lixxutti buddeena yookaan waan biraa afaan kootiin qabe Waaqni waan hamaa natti haa fidu; kana caalaa iyyuu natti haa fidu!” jedhee kakate.
36 眾人見到此事,都心悅誠服,因為凡君王所行的,無不叫眾人心悅誠服。
Namoonni hundinuu waan kana arganii gammadan; dhugumaan wanni mootichi godhe hundi isaan gammachiise.
37 如此,眾人和全以色列當天都知道,殺乃爾的兒子阿貝乃爾,不是出於君王的命令。
Kanaafuu gaafa sana namoonni hundii fi Israaʼel hundi akka ajjeefamuu Abneer ilma Neer keessatti mootichi qooda hin qabne beekan.
38 達味向他的臣僕說:「你們不知道今天在以色列喪失了一位將領和偉人嗎﹖
Mootichis namoota isaatiin akkana jedhe; “Isin akka guyyaa harʼaa ilmi mootiitii fi namni guddaan tokko Israaʼel keessaa kufe hin beeknee?
39 我今天雖是傅油的君王,仍年幼無力,責魯雅的兒子們又比我剛強;願上主依照人所行的邪惡,來施行報復! 」
Ani mootii dibame taʼu illee harʼa nama dadhabaa dha; ilmaan Zeruuyaa kunneen natti jabaataniiru. Waaqayyo nama waan hamaa hojjetuuf akkuma hammina hojii isaatti isaaf haa kennu!”

< 撒母耳記下 3 >