< 列王紀下 8 >

1 厄里叟對自己曾復活其子的婦人說:「你和你的家人,應動身往你能居住的地方去僑居,因為上主已決定,這地快要遭受七年饑荒」
Yeroo kanatti Elsaaʼi dubartii ilma ishee duʼaa kaaseef sanaan, “Sababii Waaqayyo beela waggaa torba turu tokko biyya kanatti ajajeef, maatii kee wajjin asii deemiitii iddoo jiraachuu dandeessu kam iyyuu jiraadhu” jedhe.
2 那婦人就立即照天主的人所說的話作了;她和她的家人動身走了,在培肋舍特人的地方,僑居了七年。
Dubartiin sunis kaatee akkuma namni Waaqaa sun jedheen goote. Ishee fi maatiin ishee dhaqanii biyya Filisxeemotaa keessa waggaa torba jiraatan.
3 過了七年,這婦人從培肋舍特地方回來,便去求君王,要收回自己的房屋和田地。
Isheenis dhuma waggaa torbaatti biyya Filisxeemotaatii deebitee manaa fi lafa ishee kadhachuuf gara mootichaa ni dhaqxe.
4 那時,君王正與天主的人僕人革哈齊談話,說:「請你將厄里叟作的一切大事,講給我聽! 」
Mootichis, “Mee waan Elsaaʼi hojjete gurguddaa natti himi” jedhee Gehaaz tajaajilaa nama Waaqaa sana wajjin haasaʼaa ture.
5 當革哈齊正向君王講述先知如何復活死人的時候,恰好厄里叟曾復活其子的那婦人,前來求君王,要收回自己的房屋和田地,革哈齊就說:「我主,大王! 這就是那婦人,這就是厄里叟所復活的那兒子。」
Utuma Gehaaz akka Elsaaʼi nama duʼe illee duʼaa kaase isatti himuutti jiruu dubartiin Elsaaʼi ilma ishee duʼaa kaaseef sun manaa fi lafa ishee kadhachuudhaaf gara mootichaa dhufte. Gehaazis, “Yaa gooftaa koo mooticha, dubartiin Elsaaʼi mucaa ishee duʼaa kaaseef sun kunoo ti” jedhe.
6 君王問那婦人,婦人便將那件事告訴了君王;君王於是將她的事,委託給一個宦官,吩咐他說:「凡這婦人的一切,和自從她離開此地直到今日,田地裏的一切出產,都應歸還給她。」
Mootichi waaʼee waan sanaa dubartittii gaafate; isheenis itti himte. Innis ergasii qondaala tokko dubbii isheetti ramadee, “Galii guyyaa isheen biyyaa baatee jalqabee lafa qotiisaa ishee irraa argame hunda itti dabaliitii waan kan ishee ture hunda deebisiif” jedheen.
7 厄里叟來到大馬士革時,阿蘭王本哈達得正在患病,有人告訴君王說:「天主的人到這裏來了。」
Elsaaʼi Damaasqoo dhaqe; Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa immoo dhukkubsatee ture. Mootiin sunis yommuu, “Namni Waaqaa sun as dhufee jira” jedhanii itti himanitti,
8 君王對哈匝耳說:「你隨身帶些禮物,去拜見天主的人,託他求問上主,我這病還能好嗎﹖」
Hazaaʼeeliin akkana jedhe; “Kennaa wayii fudhadhuutii dhaqii nama Waaqaa sana simadhu. Karaa isaatiinis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan hafaa?’ jedhii Waaqayyoon gaafadhu.”
9 哈匝耳就帶了四十匹駱駝,滿載著大馬士革出產的上等禮品,前去拜見先知;到了以後,就站在先知面前說:「你的弟子阿蘭王本哈達得打發我來問你:我這病還能好嗎﹖」
Hazaaʼeelis waan Damaasqoo keessaa akka malee gaggaarii taʼe fudhatee kennaa feʼiisa gaala afurtamaatiin Elsaaʼin simachuu dhaqe. Ol seenees fuula isaa dura dhaabatee, “Ilma kee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaatu, ‘Ani dhukkuba kana irraa hafaa?’ jedhee sitti na erge” jedheen.
10 厄里叟對他說:「你去告訴他:一定會好;但上主指示我:他一定要死。」
Elsaaʼi immoo, “Dhaqiitii, ‘Ati dhugumaan irraa hafta’ jedhiin; garuu Waaqayyo akka inni dhugumaan duʼu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
11 厄里叟定睛凝視哈匝耳,直使哈匝耳感到慚愧。這時天主的人就哭了。
Elsaaʼi hamma Hazaaʼeel qaanaʼutti utuu ija irraa hin buqqifatin isa ilaale. Ergasii namni Waaqaa sun booʼuu jalqabe.
12 哈匝耳問說:「我主,你為什麼哭﹖」先知回答說:「因為我已知道你將要加於以色列子民的惡行:你要放火焚毀他們的堡壘,用刀殺死他們的青年,摔死他們的兒童,剖開他們的孕婦。」
Hazaaʼeelis, “Gooftaan koo maaliif booʼa?” jedhee gaafate. Inni immoo akkana jedhee deebise; “Sababii ani miidhaa ati Israaʼelitti fiddu beekuuf; ati daʼannoo isaaniitti ibidda naqxa; dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixxa; daaʼimman isaanii lafaan dhooftee mimmiciriqsita; dubartoota isaanii kanneen ulfaaʼan garaa baqaqsita.”
13 哈匝耳說:「你的僕人算什麼﹖只不過是一條狗,他如何能作出這樣的大事﹖」厄里叟回答說:「上主已指示給我,你要作阿蘭王。」
Hazaaʼeel, “Ani garbichi kee sareen kun akkamiin waan hamtuu akkanaa hojjedha?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Waaqayyo akka ati mootii Sooriyaa taatu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
14 哈匝耳就離開厄里叟,回去見他的主上;君王問他說:「厄里叟對你說了些什麼﹖」他回答說:「他告訴我:你一定會好。」
Hazaaʼeel ergasii Elsaaʼi biraa baʼee gara gooftaa isaatti deebiʼe. Yommuu Ben-Hadaad, “Elsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee gaafatettis, Hazaaʼeel, “Inni akka ati dhugumaan irraa haftu natti hime” jedhee deebise.
15 到了第二天,哈匝耳拿了被衾浸在水中蒙在君王的臉上,君王就這樣死了;哈匝耳就篡位為王。
Inni garuu guyyaa itti aanu wayyaa furdaa tokko fuudhee bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa haguuge; akkasiin mootichi duʼe. Ergasii Hazaaʼeel iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
16 以色列王阿哈布的兒子耶曷蘭五年,猶大王約沙法特的兒子約蘭登極為猶大王。
Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe.
17 他即位時年三十二歲,在耶路撒冷為王八年。
Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
18 他走了以色列王所走的道路,像阿哈布家所行的一樣,因為他娶了阿哈布的女兒為妻,行了上主視為惡的事。
Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
19 但是,上主為了他僕人達味的緣故,不願消滅猶大,因為他曾向達味應許過,他的子孫中,要永遠給他留下一盞明燈。
Taʼus Waaqayyo sababii garbicha isaa Daawitiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni Daawitii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
20 約蘭年間,厄東人脫離了猶大的統治,自立為王;
Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
21 那時,約蘭率領自己所有的戰車,到了匝依爾,乘夜間起來,衝出了包圍他和那些戰車長的厄東人,軍民纔得逃回自己的帳幕。
Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan.
22 這樣,厄東人脫離了猶大的統治,直到今日。同時,里貝納也背叛了猶大。
Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile.
23 約蘭其餘的事蹟,他的一切作為,都記載在猶大列王實錄上。
Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
24 約蘭與列祖同眠後,與他的列祖葬在達味城;他的兒子阿哈齊雅繼位為王。
Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti ni awwaalame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
25 以色列王阿哈布的兒子耶曷蘭十二年,猶大王約蘭的兒子阿哈齊雅登極為王。
Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa kudha lammaffaatti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
26 他即位時,年二十二歲,在耶路撒冷作王一年。他的母親名叫阿塔里雅,是以色列王敖默黎的孫女。
Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte.
27 阿哈齊雅走了阿哈布的道路,行了上主視為惡的事,同阿哈布家一樣,因為他是阿哈布家的女婿。
Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii.
28 他同阿哈布的兒子耶曷蘭往辣摩特基肋阿得去,與阿蘭王哈匝耳交戰。阿蘭人擊傷了耶曷蘭,
Ahaaziyaanis Yooraam ilma Ahaab wajjin Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf Raamoot Giliʼaaditti duule. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
29 耶曷蘭就回到依次勒耳,治療他在辣摩特與阿蘭人交戰時所受的傷。猶大王約蘭的兒子阿哈齊雅,由於阿哈布的兒子耶曷蘭患病,就下到依次勒耳去探望他。
kanaafuu Yehooraam mootichi madaa warri Arraam yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.

< 列王紀下 8 >