< 列王紀上 20 >
1 [本哈達得進攻阿哈布]阿蘭王本哈達得召集了自己所有的軍隊,帶同三十二個王子,乘坐戰馬戰車,前去圍攻撒瑪黎雅。
Yeroo kanatti Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota ofii isaa guutuu walitti qabate. Mootonni soddomii lama kanneen fardeenii fi gaariiwwan qabanis isa wajjin turan. Innis dhaqee Samaariyaa marsee lole.
Innis akkana jedhee gara magaalaa Ahaab mooticha Israaʼelitti ergamoota erge; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha;
3 對他說:「本哈達得這樣說:你的金銀全應歸我,只是你的妻子兒女,仍歸於你。」
‘Meetiin keetii fi warqeen kee kanuma koo ti; niitonni keetii fi ijoolleen kee babbareedoonis kanuma koo ti.’”
4 以色列王回答說:「我主大王,就依照你的話,我和我的一切都歸於你。」
Mootiin Israaʼel immoo, “Yaa gooftaa koo mooticha, akkuma ati jette sana anii fi wanni ani qabu hundi keetuma” jedhee deebiseef.
5 不料,使者們又回答說:「本哈達得這樣說:我已派人通知你:將你的金銀和你的妻子兒女全交給我。
Ergamoonni sun ammas dhufanii akkana jedhaniin; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha; ‘Ani akka ati meetii fi warqee kee, niitotaa fi ijoollee kee naaf kennituuf ergaa sitti ergeera.
6 須知,明天這時,我必派我的僕人到你這裏來,搜索你和你僕人的房屋,凡他們看中的東西,都要隨手拿去。」
Garuu ani bor yoona masaraa mootummaa keetiitii fi manneen qondaaltota keetii soquuf qondaaltota koo nan erga. Isaanis waan ati jaallattu hunda fudhatanii deemu.’”
7 以色列王將國內所有長老召來,說:「你們想想看:這人要求是多麼無理! 他先派人要我的金銀,我沒有拒絕他;現在竟又派人來我這裏,要我的妻子兒女。」
Mootichi Israaʼel immoo maanguddoota biyya sanaa hunda walitti waamee akkana jedheen; “Akka namichi kun rakkina uumuu barbaadu mee isinuu ilaalaa! Yeroo inni niitotaa fi ijoollee koo, meetii fi warqee koo fudhachuuf nama ergetti ani hin dhowwanne.”
8 眾長老和全體人民對他說:「你不要聽從,也不要應允! 」
Maanguddoonnii fi namoonni hundinuu, “Ati dubbii isaa hin dhagaʼin yookaan waan inni barbaadu tole hin jedhin” jedhaniin.
9 因此,他對本哈達得的使者說:「你們回去告訴我主大王說:你第一次派人向你僕人所要求的,我必全照辦;至於這另一要求,我卻不能照辦。」使者遂回去,向本哈達得回話。
Kanaafuu inni, “‘Garbichi kee waan ati jalqabatti ajajje hunda ni guuta; ani garuu waan ati amma gaafatte kana gochuu hin dandaʼu’ jedhaatii gooftaa koo mootichatti himaa” jedhee ergamoota Ben-Hadaadiif deebii kenne. Isaanis kaʼanii deebii sana fuudhanii Ben-Hadaaditti geessan.
10 本哈達得於是派人對阿哈布說:「如果撒瑪黎雅的塵土,足夠跟隨我的人每人抓一把,願眾神明嚴厲,且加倍嚴厲地懲罰我! 」
Ben-Hadaad immoo, “Yoo biyyoon Samaariyaa namoota koo warra na duukaa buʼan konyee tokko tokko illee wal gaʼe, waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jedhee ergaa biraa Ahaabitti erge.
11 以色列王回答說:「有句俗話說:佩帶武器的人,不可像卸去了武器的人那樣自負。」
Mootiin Israaʼelis, “‘Namni miʼa lolaa hidhachaa jiru tokko akka nama miʼa lolaa of irraa hiikaa jiru tokkootti of jajuu hin qabu’ jedhaatii itti hima” jedhee deebise.
12 本哈達得和眾王正在帳內飲酒,一聽見這話,就對他的臣僕說:「列隊進攻! 」他們即刻列隊攻城。阿哈布賴主獲勝
Ben-Hadaadis utuma mootota wajjin dunkaana keessatti waa dhugaa jiruu ergaa kana dhagaʼee, “Isin lolaaf qophaaʼaa” jedhee namoota ofii isaa ajaje. Kanaafuu isaan magaalaa sana dhaʼuuf qophaaʼan.
13 這時,忽然有一個先知,來見以色列王阿哈布說:「上主這樣說:你不是看見這支強大的軍隊嗎﹖今天,我要將他們交在你手中,叫你知道我是上主。」
Yeroo kanatti raajiin tokko gara Ahaab mooticha Israaʼel dhufee, “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati loltoota akka malee baayʼatan kana argitaa? Ani harʼa dabarsee harka keetti isaan nan kenna; atis ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta’” jedhe.
14 阿哈布問說:「藉著誰﹖」先知回答說:「上主這樣說:藉著眾省長的少年軍人。」阿哈布又問說:「誰指揮作戰﹖」先知回答說:「你自己。」
Ahaab garuu, “Eenyutu waan kana hojjeta?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanitu waan kana hojjeta’” jedhee deebiseef. Innis, “Eenyutu lola jalqaba?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Situ jalqaba” jedhee deebiseef.
15 於是阿哈布檢閱了眾省長的少年人,計有二百三十二人;然後又檢閱了所有軍人,即全體以色列子民,共七千人。
Kanaafuu Ahaab tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan dhibba lamaa fi soddomii lama walitti waame. Ergasiis Israaʼeloota hafan keessaa walumaa galatti namoota kuma torba walitti qabe.
16 到了中午,他們出發,那時,本哈達得正和協助他的三十二個王子在帳中飲酒。
Isaanis utuma Ben-Hadaadii fi mootonni soddomii lama kanneen isa tumsan dunkaana keessatti dhuganii machaaʼaa jiranuu guyyaa saafaadhaan itti qajeelan.
17 眾省長的少年軍人首先出發,本哈達得派出的探子回報他說:「有人從撒瑪黎雅出來了。」
Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanis jalqabatti gad baʼan. Ben-Hadaadis gaaddota ergee ture; isaanis deebiʼanii, “Namoonni muraasni Samaariyaadhaa baʼanii dhufuutti jiru” jedhanii isatti himan.
18 他遂吩咐說:「如果他們前來,是為求和,將他們活活捉住;如果他們前來,是為交戰,也將他們活活捉住。」
Inni immoo, “Yoo isaan nagaaf dhufan utuma isaan lubbuun jiranuu isaan qabaa; yoo isaan lolaaf dhufanis akkasuma utuma isaan lubbuun jiranuu qabaa” jedhe.
Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan sunis loltoota dura buʼanii magaalaa sanaa baʼan;
20 個個見人便殺,阿蘭人逃走,以色列人在後面乘勝追趕;阿蘭王本哈達得急速上馬與騎兵一起逃走。
tokkoon tokkoon isaaniis diina isaanii dhaʼanii ajjeesan. Kana irratti warri Sooriyaa ni baqatan; Israaʼeloonni immoo isaan ariʼan. Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa garuu farda yaabbatee abbootii fardaa wajjin baqatee jalaa baʼe.
21 那時,以色列王出來,擄掠了許多戰馬和戰車,使阿蘭人大敗。
Mootiin Israaʼel ittuma fufee abbootii fardaatii fi gaariiwwanii lolee moʼachuudhaan warra Sooriyaa akka malee miidhe.
22 那為先知前來對以色列王說:「你要發奮圖強,留心認清你當作的事,因為明年春季,阿蘭王必要再來攻擊你。」阿蘭王整軍再戰
Ergasii raajiin sun gara mooticha Israaʼel dhufee, “Of jabeessi; waan gochuu qabdus sirriitti hubadhu; mootiin Sooriyaa bara dhufu keessa deebiʼee si lolaatii” jedhe.
23 阿蘭王的臣僕對阿蘭王說:「以色列的神是山神,所以他們必我們強;但如果我們在平原上與他們交戰,我們必會得勝。
Yeroo kanatti qondaaltonni mootii Sooriyaa akkana jedhanii isa gorsan; “Waaqonni isaanii waaqota gaarranii ti. Sababiin isaan akka malee nutti jabaataniif kana. Nu yoo lafa diriiraa irratti isaan lolle garuu dhugumaan isaan caalaa jabaanna.
24 這是大王應該作的事:廢除眾王子各人的職位,另立軍長代替,
Ati amma waan kana godhi: Mootota hunda aangoo isaanii irraa ariʼiitii iddoo isaanii ajajjoota kaan buusi.
25 召募新軍,補充所損失的軍隊,照數補充戰馬戰車;然後在平原上與他們會戰,我們定能戰勝他們。」阿蘭王聽從了他們的建議,就這樣進行。本哈達得在戰再敗
Akkasumas loltoota akka loltoota kee kanneen dhuman sanaa jechuunis qooda fardaa farda, qooda gaarii immoo gaarii qopheessi. Akkasiin nu dirree irratti Israaʼelin loluu dandeenya; isaan caalaas ni jabaanna.” Innis dubbii isaanii fudhatee akkuma isaan jedhan sana godhe.
26 過年以後,本哈達得檢閱了阿蘭人上到阿費克,進攻以色列。
Bara itti aanu keessa Ben-Hadaad namoota Sooriyaa walitti qabatee Israaʼelin loluuf Afeeqitti ol baʼe.
27 以色列子民也動員起來,攜帶軍糧,出來迎戰;以色列子民在他們對面紮營,好像兩群山羊;至於阿蘭人卻遍地皆是。
Israaʼeloonnis walitti qabamanii waan nyaatan qabatanii jaratti duulan. Israaʼeloonni akkuma bushaayee karra xixinnaa lamaatti fuullee isaanii qubatan; warri Sooriyaa garuu baadiyyaa keessa guutan.
28 天主的人又前來對以色列王說:「上主這樣說:既然阿蘭人說:上主是山神而不是平原神,所以我必將這支龐大的軍隊交在你手中,叫你們知道我是上主。」
Namni Waaqaa sunis dhufee mootii Israaʼeliin akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Sababii warri Sooriyaa Waaqayyo Waaqa gaarraniiti malee Waaqa sululootaa miti jedhaniif, ani tuuta akka malee guddaa kana hunda dabarsee harka keetti nan kenna; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
29 以色列人和阿蘭人相對紮營七天;第七天上,就交戰了;一天之內以色列子民殺死了十萬阿蘭步兵,
Isaanis bultii torbaaf fuullee walii qubatanii, bultii torbaffaatti waraanni jalqabame. Israaʼeloonnis guyyuma tokkotti warra Sooriyaa keessaa loltoota lafoo kuma dhibba tokko ajjeesan.
30 其餘的人都逃入阿費克城內,城牆倒塌,壓死了殘存的兩萬七千人。本哈達得也逃入城內,藏在極嚴密的暗室內。本哈達得投降
Warri hafan kaan magaalaa Afeeqitti baqatanii achittis nama kuma digdamii torba irratti dallaan dhagaa jige. Ben-Hadaad immoo magaalaa sanatti baqatee kutaa mana tokkoo kan gara keessaa keessatti dhokate.
31 本哈達得的臣僕對本哈達得說:「看,我們聽說以色列家的君王,都是仁慈的君王,請你讓我們腰裏束上麻布,頭上繫上繩索,去見以色列王,或者他會保全你的性命。」
Qondaaltonni isaas akkana jedhaniin; “Ilaa, nu akka mootonni mana Israaʼel mootota nama maaran taʼan dhageenyeerra. Mee kottaa nu mudhii keenyatti uffata gaddaa hidhannee, mataa keenyatti immoo funyoo marannee mootii Israaʼel bira haa dhaqnu. Inni lubbuu kee ni oolcha taʼaatii.”
32 於是他們腰裏束上麻布,頭上繫上繩索,去見以色列王說:「你的僕人本哈達得說:求你保全我的性命! 」阿哈布問說:「他還活著麼﹖他是我的兄弟。」
Kanaafuu isaan mudhii isaaniitti uffata gaddaa hidhatanii, mataa isaaniitti funyoo maratanii mootii Israaʼel bira dhaqanii, “Garbichi kee Ben-Hadaad, ‘Maaloo lubbuu koo naa oolchi’ siin jedha” jedhaniin. Mootichi immoo, “Inni hamma ammaattuu lubbuun jiraa? Inni obboleessa koo ti” jedhee deebise.
33 這些人認為這話是個吉兆,急忙抓住他的話說:「本哈達得確是陛下的兄弟。」阿哈布說:「你們去領他來! 」本哈達得便出來參見君王;阿哈布請他上了自己的車。
Namoonni sunis waan kana akka mallattoo gaariitti fudhatanii dubbii isaa dafanii qabatanii “Eeyyee, Ben-Hadaad obboleessa kee ti!” jedhan. Mootichis, “Dhaqaatii isa fidaa” jedhe. Yommuu Ben-Hadaad dhufettis Ahaab akka inni ol baʼee gaarii isaa keessa seenu godhe.
34 本哈達得對君王說:「我父親從你父親手中搶去的城市,我都要歸還給你;並且你可在大馬士革設立市場,如同我父親在撒瑪黎雅所設立的一樣。」阿哈布說:「我就根據這條約放你走。」這樣,君王與他訂立了條約,放他走了。阿哈布失策受責
Ben-Hadaadis akkana jedheen; “Ani magaalaawwan abbaan koo abbaa kee irraa fudhate sana siifin deebisa. Akkuma abbaan koo Samaariyaa keessatti hojjete sana, ati Damaasqoo keessatti lafa gabaa ofii keetii dhaabbachuu dandeessa.” Ahaab immoo, “Ani walii galteedhaan gad si dhiisa” jedheen. Kanaafuu isa wajjin walii galtee godhatee gad isa dhiise.
35 那時,有個先知的弟子奉上主的命,對自己的同伴說:「請你打我! 」那人卻拒絕打他。
Ilmaan raajotaa keessaa tokko ajaja Waaqayyootiin michuu isaa tokkoon, “Maaloo na dhaʼi” jedhe. Namichi sun garuu isa dhaʼuu dide.
36 他就對那人說:「既然你不聽上主的命,看,你一離開我,就有一個獅子把你咬死。」那人一離開他,果然路上遇見一隻獅子,把他咬死了。
Kanaafuu raajiin sun, “Waan ati dubbii Waaqayyootiif hin ajajamniif akkuma ati na biraa deemtuun leenci si ajjeesa” jedheen. Erga namichi kaʼee deemee booddee leenci dhufee isa argate isa ajjeese.
37 以後,先知的弟子有遇見一個人,對他說:「請你打我! 」那人就動手打他,將他打傷了。
Raajiin sun nama biraa argee, “Maaloo na dhaʼi” jedheen. Kanaafuu namichi sun dhaʼee isa madeesse.
38 先知便站在路旁,用頭巾遮住自己的眼睛,等候君王。
Ergasii raajiin sun ija haguuggatee eenyummaa isaa dhokfatee dhaqee qarqara karaa dhaabatee mooticha eegaa ture.
39 君王從那裏經過時,他便對君王呼喊說:「你的僕人出來交戰,忽有一個人轉來,給我帶來一個人說:你要看守這個人,倘若失蹤了,定要你替他償命,或賠償一「塔冷通」銀子。
Utuma mootichi karaa sana darbaa jiruu raajiin sun isa waamee akkana jedheen; “Garbichi kee lola walakkaa seenee jennaan namni tokko nama boojiʼame tokko fidee, ‘Namicha kana eegi. Yoo inni bade lubbuun kee qooda lubbuu isaa baafamti yookaan meetii taalaantii tokkoo baafta’ jedhe.
40 你的僕人正在東忙西亂時,那人不見了。」以色列王對他說:「這就是你的定案,你已經自下判決。」
Namichi sunis utuu garbichi kee hojiin qabamee asii fi achi fiigaa jiruu bade.” Mootichi Israaʼelis deebisee, “Wanni sitti murtaaʼu sanuma; ati mataan kee iyyuu murteerta” jedheen.
41 他於是急忙拉下他遮眼的頭巾,以色列王纔認出他原是一位先知。
Raajiin sunis dafee ija isaa irraa haguuggii gad buufate; mootichi Israaʼelis akka inni raajota keessaa isa tokko taʼe hubate.
42 先知對君王說:「上主這樣說:你既然親手放走了我所要消滅的人,所以你要替他償命,你的人民必意抵償他的人民。」
Innis mootichaan akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati namicha ani akka inni duʼu itti mure gad lakkifteerta. Kanaafuu lubbuun kee qooda lubbuu isaa, sabni kees qooda saba isaa galaafatama.’”
43 以色列王悶悶不樂地回了撒瑪黎雅,進了自己的宮殿。
Mootichi Israaʼel sunis akka malee aaree dheekkamaa gara masaraa mootummaa isaa kan Samaariyaa keessa jiru sanaa dhaqe.