< 列王紀上 17 >

1 [厄里亞先知預言旱災]基肋阿得提市貝出身的提市貝人厄里亞對阿哈布說:「我指著我所服侍的永生上主、以色列的天主起誓:這幾年如果沒有我的命令,天決不降露或落雨! 」
Eeliyaas namichi Tishbii kan biyya Giliʼaad keessaa magaalaa Tishbiitii dhufe tokko Ahaabiin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqa Israaʼel, Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajilu sanaa! Yoo ani dubbadhe malee waggoota muraasa dhufan keessa fixeensi yookaan bokkaan hin jiraatu.”
2 有上主的話傳於厄里亞說:「
Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas dhufe;
3 你離開這裏,轉向東方,隱居在約但河東的革黎特校河旁。
“Asii deemiitii gara baʼa biiftuutti qajeelii Laga Keriit kan gama baʼa Yordaanositti argamu keessa dhokadhu.
4 你要喝那小河裏的水,我已經吩咐烏鴉在那裏供給你食物。」
Ati Laga sana keessaa bishaan ni dhugda; anis akka isaan achitti si sooraniif arraageyyii ajajeera.”
5 厄里亞就依照上主的話去做,去住在約但河東的革黎特小河旁。
Kanaafuu inni dhaqee waan Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Gara Laga Keriit kan gara baʼa Yordaanositti argamu sanaas deemee achi jiraate.
6 烏鴉早晨給他送餅和肉來,晚上也給他送餅和肉來;渴了,就喝那小河裏的水。
Arraageyyiinis ganama ganama buddeenaa fi foon, galgala galgalas buddeenaa fi foon fidaafii turan; innis bishaan Laga sanaa dhuga ture.
7 不幾天以後,那地方沒有落雨,小河也乾涸了。
Yeroo gabaabaa booddee sababii biyya sana keessa roobni hin jiraatiniif lagichis ni goge.
8 有上主的話傳於厄里亞說:「
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
9 你起身往漆冬匝爾法特去,住在那裏;我已吩咐那裏的一個寡婦供養你。」
“Dafii gara Saraaphtaa Siidoonaa keessatti argamtu sanaa dhaqiitii achi jiraadhu. Ani akka isheen waan ati nyaattu siif kennituuf haadha hiyyeessaa tokko achitti ajajeeraa.”
10 他就起身往匝爾法特去了,來到城門時,看見一個寡婦在那裏拾木柴。厄里亞喚她說:「請你用器皿取點水來給我喝! 」
Kanaafuu inni kaʼee Saraaphtaa dhaqe. Yommuu inni karra magaalaa sanaa bira gaʼetti haati hiyyeessaa tokko qoraan funaannachaa turte. Innis ishee waamee, “Maaloo akka ani dhuguuf bishaan xinnoo naa fidi” jedheen.
11 她正要去取水的時候,厄里亞又叫住她說:「請你也順便給我拿點餅來! 」
Akkuma isheen bishaan fiduuf deemuu jalqabdeenis ishee waamee, “Maaloo buddeena xinnaa isaa illee naa fidi” jedheen.
12 那寡婦說:「我指著永生上主你的天主起誓:我沒有餅,缸裏只有一把麵,罐裏還有一點油。你看,我正要拾兩根木柴,回去為我和我的兒子做點東西,吃了等死。」
Isheen immoo akkana jettee deebifte; “Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, ani daakuu konyee tokkittii okkotee keessa jirtuu fi zayitii xinnoo kubbaayyaa keessa jirtu tokko malee buddeena tokko illee hin qabu. Ani akka nu nyaannee duunuuf manatti galee ofii kootii fi ilma kootiif nyaata qopheessuuf jedhee qoraan funaannachaan jira.”
13 厄里亞對她說:「你不用害怕,僅管照你所說的去做;只是先為我做一個小餅,給我拿來! 然後,再為你和你的兒子做,
Eeliyaasis akkana jedhee deebiseef; “Hin sodaatin. Galiitii akkuma jette sana godhi. Jalqabatti garuu waanuma qabdu sana irraa Maxinoo xinnaa isaa tolchii naa fidi; ergasii immoo ofii keetii fi mucaa keetiif qopheessi.
14 因為上主以色列的天主這樣說:直到上主使雨落在在地上的那一天,缸裏的麵,決不會用完;罐裏的油,也決不會缺少。」
Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Hamma guyyaa Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsuutti daakuun okkotee keessaa hin dhumu; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumu.’”
15 那個寡婦就照了厄里亞的話去做了;她和厄里亞並她的孩子吃了許多日子;
Isheenis dhaqxee akkuma Eeliyaas jedheen sana goote. Kanaafuu Eeliyaas, dubartiin sunii fi maatiin ishee guyyaa baayʼee nyaatan.
16 缸裏的麵,果然沒有用完,罐裏的油,也沒有減少,正如上主藉著厄里亞所說的話。復活寡婦的兒子
Akkuma dubbii Waaqayyoo kan inni karaa Eeliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne.
17 這事以後,那婦人,即那家的主母的兒子病了,病得很重,就斷了氣。
Ergasiis ilmi haadha mana sanaa ni dhukkubsate. Dhukkubni isaas ittuma jabaachaa deemee dhuma irratti hafuura baafachuu dadhabe.
18 婦人於是對厄里亞說:「天主的人,我與你有什麼關係﹖你到我這裏來,竟叫上主記起我的罪惡,殺死了我的兒子! 」
Isheenis Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqaa, ati hammina maalii narraa qabda? Ati waaʼee cubbuu koo na yaadachiiftee ilma koo ajjeesuuf dhuftee?” jette.
19 厄里亞對婦人說:「把你的兒子交給我! 」於是厄里亞從她懷裏接過孩子來,抱到他住的樓上,放在自己的床上,
Eeliyaas immoo, “Mee ilma kee natti kenni” jedheen. Innis harka isheetii fuudhee baatee kutaa manaa kan ol aanu iddoo ofii jiraatutti geessee siree isaa irra isa ciibse.
20 呼求上主說:「上主,我的天主! 我寄居在這寡婦家中,難道你也忍心加害於她,殺死她的兒子嗎﹖」
Ergasii inni, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati akka mucaan ishee duʼu gochuudhaan haadha hiyyeessaa kan ani gargaarsa isheetiin jiraadhu kanatti illee rakkoo fiddee?” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
21 厄里亞三次伏在孩子身上,呼求上主說:「上主,我的天主,求你使這孩子的靈魂再回到他身上! 」
Innis yeroo sadii mucaa sana irratti diriiree, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, mucaa kana lubbuun isaa itti haa deebitu” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
22 上主聽了厄里亞的呼求,孩子的靈魂又回到他身上,孩子就又活了。
Waaqayyos iyya Eeliyaas ni dhagaʼe; lubbuun mucaa sanaas itti deebite; innis ni jiraate.
23 厄里亞將孩子曾樓上抱下來,到房間內,把孩子交給他的母親說:「看,你兒子活了! 」
Eeliyaasis mucaa sana baatee kutaa ol aanu sana keessaa gad buusee gara manaatti isa geesse. Haadha isaattis isa kennee, “Kunoo mucaan kee jira!” jedheen.
24 那婦人對厄里亞說:「現在我知道你是天主的人,上主藉著你的口所說的話,確是真理。」
Kana irratti dubartiin sun Eeliyaasiin, “Ani amma akka ati nama Waaqaa taatee fi akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan keetii baʼu dhugaa taʼe beekeera” jette.

< 列王紀上 17 >