< 歷代志上 24 >
1 [司祭班次]亞郎的子孫也有他們的班次。亞郎的兒子:納達布、阿彼胡、厄肋阿匝爾和依塔瑪爾。
Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan.
2 納達布和阿彼胡在他們父親以前死了,又沒有兒子,所以厄肋阿匝爾和依塔瑪爾作了司祭。
Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.
3 達味和厄肋阿匝爾的後裔匝多克,並依塔瑪爾的後裔阿希默肋客,將他們的同族兄弟分開班次,按班次服役。
Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.
4 以後發現厄肋阿匝爾的子孫中為首領的人,多於依塔瑪爾的子孫,遂將他們如此劃分:厄肋阿匝爾的後裔中族長十六人,依塔瑪爾的後裔中族長八人,
Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.
5 以抽籤方式將他們分開,彼此同列,因為在厄肋阿匝爾子孫中和依塔瑪爾子孫中,都有在聖所作首領和天主面前作首領的。
Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.
6 肋未人乃塔乃耳的兒子舍瑪雅書記在君王、首領、司祭匝多克、厄彼雅塔爾的兒子阿希默肋客和眾司悸及肋未族長前登記:一籤為厄肋阿匝爾家族,一籤為依塔瑪爾家族。
Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.
Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif, lammaffaan Yedaaʼiyaaf,
sadaffaan Haariimiif, afuraffaan Seʼooriimiif,
shanaffaan Malkiyaaf, jaʼaffaan Miyaamiiniif,
torbaffaan Haqoosiif, saddeettaffaan Abiyaaf,
saglaffaan Yeeshuuʼaaf, kurnaffaan Shekaaniyaaf,
kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif, kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
kudha sadaffaan Huphaaf, kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,
kudhan shanaffaan Bilgaaf, kudha jaʼaffaan Imeeriif,
kudha torbaffaan Heeziiriif, kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,
kudha saglaffaan Phetaayaaf, digdammaffaan Hisqiʼeeliif,
digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, digdamii lammaffaan Gaamuuliif,
digdamii sadaffaan Delaayaaf, digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.
19 這就是他們進入上主殿內,按照上主以色列的天主吩咐他們祖先亞郎所制定的規律,供職的班次。[肋未班次補遺]
Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.
20 肋未的其餘後裔中,有阿默蘭的子孫叔巴耳;叔巴耳的子孫中,有耶赫狄雅。
Ilmaan Lewwii warra hafan: Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel; ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.
21 至於勒哈彼雅:勒哈彼雅子孫中,為首的是依史雅。
Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.
22 依茲哈爾的子孫中,有舍羅摩特;舍羅摩特子孫中,有雅哈特。
Yizihaarota keessaa: Sheloomiit; ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.
23 赫貝龍的子孫中,為首的是耶黎雅,次為阿瑪黎雅,三為烏齊耳,四為耶卡默罕。
Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
24 烏齊耳的子孫中,有米加,米加的子孫中,有沙米爾。
Ilma Uziiʼeel: Miikaa. Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.
25 米加的弟兄:依史雅;依史雅的子孫中,有則加黎雅。
Obboleessa Miikaa: Yishiyaa; Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.
Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.
27 默辣黎的子孫中,有雅哈齊雅的兒子巴尼、芍罕、匝雇爾和依貝黎瑪。
Ilmaan Meraarii: Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.
28 瑪赫里的兒子:厄肋阿匝爾和克士;厄肋阿匝爾沒有兒子。
Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.
Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.
30 慕史的兒子:瑪赫里、厄德爾和耶黎摩特。這些人按照他們的家族,都是肋末的後裔。
Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti. Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti.
31 他們在達味君王與匝多克、阿希默肋客,並司祭及肋末人的族長面前,像他們的弟兄亞郎的子孫,族長與年幼的兄弟,都一樣抽了籤。
Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.