< 启示录 20 >

1 我又看见一位天使从天上降下来,手里拿着深渊的钥一条大锁炼。 (Abyssos g12)
Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. (Abyssos g12)
2 他捉住了那龙,那古蛇,也就是魔鬼和撒旦,把它捆绑了一千年。
Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
3 天使把它扔进深渊,关起来并封印,这样,他就不能再欺骗各国了,直到一千年结束。 (Abyssos g12)
Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba. (Abyssos g12)
4 我又看见一些宝座,有人坐在上面,获得了审判的权力。也看见那些因为替耶稣作见证,分享上帝的道而被斩首之人。他们没有膜拜野兽或兽像,也没有在额上或手上接受野兽的记号。他们都复活了,在一千年中与基督一同作王。
Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
5 这是第一次复活。(其余的死人还没有复活,直到那一千结束。)
Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
6 在第一次复活中有份的人,得到了祝福,是圣洁的;第二次死亡不会对他们产生力量。他们还要作上帝和基督的祭司,与他一同作王一千年。
Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
7 那一千年结束时,撒旦就要从监牢里被释放出来,
Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
8 迷惑地上四方的列国,以歌革和玛名为代表,将他们从世界的四面八方聚集在一起作战。他们的人数好像海边的沙那么多。
innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
9 他们在地球上行进,围住了信徒的营地还有那被热爱的城市。但有火从天而降,毁灭了他们。
Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
10 那迷惑他们的魔鬼,被拋在硫磺的火湖里,就是野兽和假先知所在质地。他们必昼夜受痛苦,直到永远。 (aiōn g165, Limnē Pyr g3041 g4442)
Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. (aiōn g165, Limnē Pyr g3041 g4442)
11 然后我看到一个白色的大宝座,以及坐在上面的那位。天地都消失了,再也看不见了。
Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
12 我看见死者,无论伟大或渺小,都站在宝座前。书都已打开。还有一本书,就是生命册,也展开了。死去的人都凭着这些书的所记载,照着他们曾经的行为接受审判。
Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
13 于是大海把其中的死人交出来,死亡和阴间也把那里的死人交出来,按照他们曾经的行为接受审判。 (Hadēs g86)
Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. (Hadēs g86)
14 死亡和阴间被拋在火湖里。这火湖就是第二次死亡。 (Hadēs g86, Limnē Pyr g3041 g4442)
Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. (Hadēs g86, Limnē Pyr g3041 g4442)
15 名字没有记在生命册上的人,就被拋在火湖里。 (Limnē Pyr g3041 g4442)
Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame. (Limnē Pyr g3041 g4442)

< 启示录 20 >