< 约翰一书 4 >

1 亲爱的朋友,不要相信所有灵,而是要对灵进行考验,看看这些灵是否出于上帝,因为已有许多假先知来到这世界。
Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
2 你们如何识别上帝的灵?凡是承认耶稣基督以人类的身形来到这世界,那灵就是来自上帝。
Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;
3 那些不接受耶稣的灵,就不是来自上帝。事实上,这样的灵是反基督的灵,你们听过他要来,现在他已经来到这世界。
hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
4 但你们属于上帝,并且已经胜过他们,因为在你们之中的那一位,远比已在这世上的那一位更伟大。
Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.
5 他们属于这个世界,所以都用着这个世界的说话方式,这个世界也就听他们的。
Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata.
6 我们属于上帝,认识上帝的就会听我们的,不属于上帝的就不会听我们的。通过这种方式,我们就可以辨别真理的灵和谬误的灵。
Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.
7 亲爱的朋友们,让我们继续彼此相爱,因为爱来自上帝。爱其他人,你就是上帝所生,就认识上帝。
Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka.
8 不爱其他人,就不认识上帝,因为上帝就是爱。
Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
9 上帝如何向我们显明爱?上帝派他唯一的独子来到这个世界,要让我们可以借着他而活;
Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera.
10 这就是爱!不是我们爱上帝,而是上帝爱我们,派他的儿子与我们的罪达成和解,
Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
11 朋友们,如果上帝就是通过这种方式爱我们,我们也应当以这种方式彼此相爱。
Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.
12 没有人曾见过上帝。但如果我们彼此相爱,上帝就住在我们之中,他的爱就会在我们中得以实现。
Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
13 我们如何知道我们住在他之中,他也住在我们之中?因为他给了我们通过他的灵去爱的能力。
Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna.
14 因为我们就是我们所见之事的见证人,见证父派子作为这世界的救世主。
Akka inni Fayyisaa addunyaa taʼuuf jedhee Abbaan Ilma isaa akka erge argineerra; dhugaa baanas.
15 凡是宣称耶稣是上帝之子的人,上帝就住在他们之中,他们也住在上帝之中。
Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.
16 我们已经经历并相信上帝对我们的爱。上帝就是爱,活在爱之中的人,活在上帝之中的人,上帝也活在他们之中。
Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
17 这就是爱让我们完整的方式,这样我们就可以在审判日充满信心:因为我们在这个世界上的生活,就像他一样。
Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Yesuusin fakkaannaatii.
18 有爱的地方就没有恐惧。上帝给了我们全部的爱,这种爱驱散了我们所有恐惧。如果我们害怕,那是因为我们害怕受到惩罚,这表明我们还没有完全被上帝全部的爱所改造。
Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.
19 我们爱,是因为上帝先爱我们。
Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
20 如果有人说“我爱上帝”,却恨其他基督徒兄弟姐妹,那这个人就是在说谎。如果不爱他们所看到的兄弟,就无法爱那看不见的上帝。
Namni, “Ani Waaqa nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.
21 爱上帝的人,也应当爱他的兄弟姐妹,这就是上帝给我们的命令。
Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.

< 约翰一书 4 >