< Masalimo 92 >
1 Salimo. Nyimbo ya pa tsiku la Sabata. Nʼkwabwino kutamanda Yehova ndi kuyimbira nyimbo dzina lanu, Inu Wammwambamwamba,
Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
2 Kulengeza chikondi chanu mmawa, ndi kukhulupirika kwanu nthawi ya usiku,
Jaalala kee ganamaan, amanamummaa kees halkaniin labsuun,
3 kuyimbira nyimbo choyimbira cha zingwe khumi ndi mayimbidwe abwino a zeze.
kiraara ribuu kudhaniitiin, sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
4 Pakuti Inu mumandisangalatsa ndi ntchito zanu, Inu Yehova; Ine ndikuyimba mwachimwemwe pa ntchito ya manja anu.
Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
5 Ndi yayikuludi ntchito yanu Yehova, maganizo anu ndi ozamadi!
Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha; yaadni kees akkam gad fagoo dha!
6 Munthu wopanda nzeru sadziwa, zitsiru sizizindikira,
Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; gowwaanis hin hubatu;
7 kuti ngakhale anthu oyipa aphuka ngati udzu ndipo anthu onse ochita zoyipa apindula, adzawonongedwa kwamuyaya.
hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
8 Koma Inu Yehova, ndinu wokwezedwa kwamuyaya.
Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
9 Zoonadi adani anu Yehova, zoonadi adani anu adzawonongeka; onse ochita zoyipa adzabalalitsidwa.
Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee, kunoo diinonni kee ni badu; warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
10 Inu mwakweza nyanga yanga ngati nyanga ya njati; mafuta abwino akhuthulidwa pamutu wanga.
Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; zayitii haaraa natti dhangalaafte.
11 Maso anga aona kugonjetsedwa kwa olimbana nane, makutu anga amva za kugwa kwa amaliwongo anga oyipa.
Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
12 Anthu olungama adzaphuka ngati mtengo wa mgwalangwa, adzakula ngati mkungudza wa ku Lebanoni;
Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
13 odzalidwa mʼnyumba ya Yehova, adzakula bwino mʼmabwalo a Mulungu wathu.
isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
14 Iwo adzaberekabe zipatso mu ukalamba wawo, adzakhala anthete ndi obiriwira,
Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; gabbataniis dagaaganii jiraatu.
15 kulengeza kuti, “Yehova ndi wolungama; Iye ndiye Thanthwe langa, ndipo mwa Iye mulibe choyipa.”
Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti; hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.