< Masalimo 90 >
1 Pemphero la Mose munthu wa Mulungu. Ambuye, mwakhala muli malo athu okhalamo pa mibado yonse.
Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa. Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti iddoo jireenyaa nuu taateerta.
2 Mapiri asanabadwe, musanalenge nʼkomwe dziko lapansi ndi dziko lonse, kuyambira muyaya mpaka muyaya Inu ndinu Mulungu.
Utuu tulluuwwan hin dhalatin yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
3 Inu mumabwezera anthu ku fumbi, mumati, “Bwerera ku fumbi iwe mwana wa munthu.”
Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa” jettee namoota biyyootti deebista.
4 Pakuti zaka 1,000 pamaso panu zili ngati tsiku limene lapita kapena ngati kamphindi ka usiku.
Fuula kee duratti waggaan kumni tokko, akkuma guyyaa kaleessa darbee ti; yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.
5 Inu mumasesa anthu mʼtulo ta imfa, iwo ali ngati udzu watsopano wa mmawa,
Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita; isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;
6 ngakhale kuti mmawa umaphuka watsopano, pofika madzulo wauma ndi kufota.
margi sun ganama ganama bayyanatu illee galgala galgala garuu coollagee goga.
7 Ife tathedwa ndi mkwiyo wanu; ndipo taopsezedwa ndi kuyipidwa kwanu.
Aariin kee nu fixeera; dheekkamsi kees nu naasiseera.
8 Mwayika mphulupulu zathu pamaso panu, machimo athu obisika poonekera pamaso panu.
Yakka keenya fuula kee dura, cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.
9 Masiku athu onse amatha ali pansi pa ukali wanu; timatsiriza zaka zathu ndi kubuwula.
Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii; umurii keenyas aaduudhaan fixanna.
10 Kuchuluka kwa masiku athu ndi 70, kapena 80 ngati tili ndi mphamvu; komabe zaka zonsezi ndi za mavuto ndi nkhawa, zimatha mofulumira ndipo ife timawulukira kutali.
Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama, yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa; kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera; inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.
11 Kodi ndani amadziwa mphamvu ya mkwiyo wanu? Pakuti ukali wanu ndi waukulu ngati ulemu umene uyenera Inu.
Humna aarii keetii eenyutu beeka? Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa guddaadhaatii.
12 Tiphunzitseni kuwerenga masiku athu molondola, kuti tikhale ndi mtima wanzeru.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
13 Lezani mtima Inu Yehova! Kodi mudzatikwiyira mpaka liti? Achitireni chifundo atumiki anu.
Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa? Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.
14 Mutikhutitse mmawa ndi chikondi chanu chosatha, kuti tiyimbe ndi chimwemwe ndi kukhala okondwa masiku athu onse.
Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf, ganama ganama araara keetiin nu quufsi.
15 Tisangalatseni masiku ambiri monga masiku amene mwatisautsa, kwa zaka zambiri monga momwe tinaonera mavuto.
Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa, hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.
16 Ntchito zanu zionetsedwe kwa atumiki anu, kukongola kwanu kwa ana awo.
Hojiin kee tajaajiltoota keetti, ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.
17 Kukoma mtima kwa Ambuye Mulungu wathu kukhale pa ife; tikhazikitsireni ntchito ya manja athu; inde, khazikitsani ntchito ya manja athu.
Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu; hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi; eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.