< Masalimo 78 >
1 Ndakatulo ya Asafu. Inu anthu anga imvani chiphunzitso changa; mvetserani mawu a pakamwa panga.
Maskiilii Asaaf. Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa; dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
2 Ndidzatsekula pakamwa panga mʼmafanizo, ndidzayankhula zinthu zobisika, zinthu zakalekale
Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
3 zimene tinazimva ndi kuzidziwa, zimene makolo athu anatiwuza.
Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
4 Sitidzabisira ana awo, tidzafotokozera mʼbado wotsatira ntchito zotamandika za Yehova, mphamvu zake, ndi zozizwitsa zimene Iye wachita.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna.
5 Iye anapereka mawu wodzichitira umboni kwa Yakobo ndi kukhazikitsa lamulo mu Israeli, zimene analamulira makolo athu kuphunzitsa ana awo,
Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; Israaʼeliif immoo seera kenne; waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif, abbootii keenya ajaje;
6 kotero kuti mʼbado wotsatira uthe kuzidziwa, ngakhale ana amene sanabadwe, ndi kuti iwo akafotokozere ana awonso.
kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
7 Choncho iwo adzakhulupirira Mulungu ndipo sadzayiwala ntchito zake koma adzasunga malamulo ake.
Yoos isaan Waaqa amanatu; ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
8 Iwo asadzakhale monga makolo awo, mʼbado wosamvera ndi wowukira, umene mitima yake inali yosamvera Mulungu, umene mizimu yake inali yosakhulupirika kwa Iye.
Isaan akka abbootii isaanii, akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
9 Anthu a ku Efereimu, ngakhale ananyamula mauta, anathawabe pa nthawi ya nkhondo;
Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan; taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
10 iwo sanasunge pangano la Mulungu ndipo anakana kukhala mʼmoyo wotsatira lamulo lake.
Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
11 Anayiwala zimene Iye anachita, zozizwitsa zimene anawaonetsa.
Isaan hojii inni hojjete, dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
12 Iyeyo anachita zodabwitsa makolo athu akuona, mʼdziko la Igupto, mʼchigawo cha Zowani.
Inni fuula abbootii isaanii duratti, biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
13 Anagawa nyanja pakati ndi kudutsitsapo iwowo, Iye anachititsa madzi kuyima chilili ngati khoma.
Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse; bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
14 Anawatsogolera ndi mtambo masana ndi kuwala kwa moto usiku wonse.
Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
15 Iye anangʼamba miyala mʼchipululu ndi kuwapatsa madzi ochuluka ngati a mʼnyanja zambiri;
Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
16 Anatulutsa mitsinje kuchokera mʼmingʼalu ya miyala ndi kuyenda madzi ngati mitsinje.
Kattaa keessaa burqaa burqisiisee akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.
17 Komabe iwowo anapitiriza kumuchimwira Iye, kuwukira Wammwambamwamba mʼchipululu.
Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
18 Ananyoza Mulungu mwadala pomuwumiriza kuti awapatse chakudya chimene anachilakalaka.
Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan beekumsa Waaqaa qoran.
19 Iwo anayankhula motsutsana naye ponena kuti, “Kodi Mulungu angatipatse chakudya mʼchipululu?
Akkana jedhanii Waaqa hamatan; “Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
20 Iye atamenya thanthwe madzi anatuluka, ndipo mitsinje inadzaza ndi madzi. Koma iye angatipatsenso ife chakudya? Kodi angapereke nyama kwa anthu akewa?”
Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe; burqaan guutee irraan dhangalaʼe. Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa? Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
21 Yehova atawamva anakwiya kwambiri; moto wake unayaka kutsutsana ndi Yakobo, ndipo mkwiyo wake unauka kutsutsana ndi Israeli,
Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare; Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame; dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
22 pakuti iwo sanakhulupirire Mulungu kapena kudalira chipulumutso chake.
isaan Waaqa hin amananneetii; fayyisuu isaattis hin amanne.
23 Komabe Iye anapereka lamulo kwa mitambo mmwamba ndi kutsekula makomo a mayiko akumwamba;
Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne; balbala samiis ni bane;
24 anagwetsa mana kuti anthu adye, anawapatsa tirigu wakumwamba.
akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; midhaan samiis isaaniif kenne.
25 Anthu anadya buledi wa angelo, Iye anawatumizira chakudya chonse chimene akanatha kudya.
Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
26 Anamasula mphepo ya kummwera kuchokera kumwamba, ndi kutsogolera mphepo ya kummwera mwa mphamvu zake.
Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe; bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
27 Iye anawagwetsera nyama ngati fumbi, mbalame zowuluka ngati mchenga wa mʼmbali mwa nyanja.
Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
28 Anazibweretsa kwa iwo mʼkati mwa misasa yawo, kuzungulira matenti awo onse.
Innis akka isaan qubata isaanii keessatti naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
29 Iwo anadya mpaka anatsala nazo zochuluka pakuti Iye anawapatsa zimene anazilakalaka.
Isaanis nyaatanii quufan; inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
30 Koma iwowo anasiya kudya chakudya anachilakalakacho, chakudya chili mʼkamwa mwawobe,
Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin, utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
31 mkwiyo wa Mulungu unawayakira; Iye anapha amphamvu onse pakati pawo, kugwetsa anyamata abwino kwambiri mu Israeli.
dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe; innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate; dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.
32 Ngakhale zinali chomwechi, iwo anapitirira kuchimwa; ngakhale anaona zozizwitsa zakezo iwowo sanakhulupirirebe.
Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan; dinqii isaattis hin amanne.
33 Kotero Mulungu anachepetsa masiku awo kuti azimirire ngati mpweya. Iye anachepetsa zaka zawo kuti zithere mʼmasautso.
Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu, akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
34 Mulungu atawapha, iwo amamufunafuna Iyeyo; iwo ankatembenukiranso kwa Iye mwachangu.
Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu, isaan isa barbaaddatan; isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
35 Ankakumbukira kuti Mulungu ndiye Thanthwe lawo, kuti Mulungu Wammwambamwamba ndiye Mpulumutsi wawo.
Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe, akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
36 Komabe ankamuthyasika ndi pakamwa pawo, kumunamiza ndi malilime awo;
Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan; arraba isaaniitiinis isa soban;
37 Mitima yawo sinali yokhazikika pa Iye, iwo sanakhulupirike ku pangano lake.
garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre; isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
38 Komabe Iye anali wachifundo; anakhululukira mphulupulu zawo ndipo sanawawononge. Nthawi ndi nthawi Iye anabweza mkwiyo wake ndipo sanawutse ukali wake wonse.
Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef, cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne. Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate; dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
39 Iye anakumbukira kuti iwo anali anthu chabe, mphepo yopita imene sibwereranso.
Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.
40 Nthawi zambiri iwo ankamuwukira Iye mʼchipululu ndi kumumvetsa chisoni mʼdziko lopanda kanthu!
Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
41 Kawirikawiri iwo ankamuyesa Mulungu; ankamuputa Woyera wa Israeli.
Isaan ammumaa amma Waaqa qoran; Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
42 Sanakumbukire mphamvu zake, tsiku limene Iye anawawombola kwa ozunza,
Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
43 tsiku limene Iyeyo anaonetsa poyera zizindikiro zozizwitsa zake mu Igupto, zozizwitsa zake mʼchigawo cha Zowani.
Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa, kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
44 Iye anasandutsa mitsinje yawo kukhala magazi; Iwo sanathe kumwa madzi ochokera mʼmitsinje yawo.
Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare; isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
45 Iye anawatumizira magulu a ntchentche zimene zinawawononga, ndiponso achule amene anawasakaza.
Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu, fattee isaan barbadeessu itti erge.
46 Iye anapereka mbewu zawo kwa ziwala, zokolola zawo kwa dzombe.
Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif, buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
47 Iye anawononga mphesa zawo ndi matalala ndiponso mitengo yawo yankhuyu ndi chisanu.
Muka wayinii isaanii cabbiidhaan, harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
48 Iye anapereka ngʼombe zawo ku matalala, zoweta zawo ku zingʼaningʼani.
Loon isaanii cabbiif, horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
49 Anakhuthula moto wa ukali wake pa iwo, anawapsera mtima nawakwiyira nʼkuwabweretsera masautso. Zimenezi zinali ngati gulu la angelo osakaza.
Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
50 Analolera kukwiya, sanawapulumutse ku imfa koma anawapereka ku mliri.
Inni aarii isaatiif daandii qopheesse; lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee duʼa isaan hin oolchine.
51 Anakantha ana oyamba kubadwa a Igupto, zipatso zoyamba kucha za mphamvu zawo mʼmatenti a Hamu
Hangafoota Gibxi hunda, ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
52 Koma Iye anatulutsa anthu ake ngati ziweto; anawatsogolera ngati nkhosa kudutsa mʼchipululu.
Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
53 Anawatsogolera bwinobwino kotero kuti analibe mantha koma nyanja inamiza adani awo.
Inni nagaadhaan isaan geggeesse; kanaafuu isaan homaa hin sodaanne; diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
54 Kotero anawafikitsa ku malire a dziko lake loyera, ku dziko lamapiri limene dzanja lake lamanja linawatengera.
Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti, gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
55 Iye anathamangitsa mitundu ya anthu patsogolo pawo ndipo anapereka mayiko awo kwa Aisraeli kuti akhale awo; Iye anakhazikitsa mafuko a Israeli mʼnyumba zawo.
Inni ormoota isaan duraa ariʼe; lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode; gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.
56 Koma iwo anayesa Mulungu ndi kuwukira Wammwambamwamba; sanasunge malamulo ake.
Isaan garuu Waaqa qoran; Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ajaja isaas hin eegne.
57 Anakhala okanika ndi osakhulupirika monga makolo awo, anapotoka monga uta wosakhulupirika.
Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan; akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
58 Anakwiyitsa Iyeyo ndi malo awo opembedzera mafano; anawutsa nsanje yake ndi mafano awo.
Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
59 Pamene Mulungu anamva zimenezi, anakwiya kwambiri; Iye anakana Israeli kwathunthu.
Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
60 Anasiya nyumba ya ku Silo, tenti imene Iyeyo anayimanga pakati pa anthu.
Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa, dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
61 Anatumiza mphamvu zake ku ukapolo, ulemerero wake mʼmanja mwa adani.
Humna isaa boojuutti, ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
62 Anapereka anthu ake ku lupanga; anakwiya kwambiri ndi cholowa chake.
Saba isaa dabarsee goraadeef kenne; handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
63 Moto unanyeketsa anyamata awo, ndipo anamwali awo analibe nyimbo za ukwati;
Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe; durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
64 ansembe awo anaphedwa ndi lupanga, ndipo amayi awo amasiye sanathe kulira.
luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman; niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.
65 Kenaka Ambuye anakhala ngati akudzuka kutulo, ngati munthu wamphamvu wofuwula chifukwa cha vinyo.
Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti, akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
66 Iye anathamangitsa adani ake; anawachititsa manyazi ku nthawi zonse.
Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise; qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
67 Kenaka Iye anakana matenti a Yosefe, sanasankhe fuko la Efereimu;
Dunkaanota Yoosef ni tuffate; gosa Efreemis hin filanne;
68 Koma anasankha fuko la Yuda, phiri la Ziyoni limene analikonda.
inni garuu gosa Yihuudaa, Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
69 Iye anamanga malo ake opatulika ngati zitunda, dziko limene analikhazikitsa kwamuyaya.
Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti, akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
70 Anasankha Davide mtumiki wake ndi kumuchotsa pakati pa makola ankhosa;
Inni Daawit garbicha isaa ni filate; dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
71 kuchokera koyangʼanira nkhosa anamubweretsa kuti akhale mʼbusa wa anthu ake, Yakobo, wa Israeli cholowa chake.
akka inni saba isaa Yaaqoobin, handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee hoolota tiksuu irraa isa fide.
72 Ndipo Davide anawaweta ndi mtima wolungama; ndi manja aluso anawatsogolera.
Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.