< Masalimo 76 >

1 Kwa mtsogoleri wa mayimbidwe. Pa zoyimbira za zingwe. Salimo la Asafu. Mulungu amadziwika mu Yuda; dzina lake ndi lotchuka mu Israeli.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
2 Tenti yake ili mu Salemu, malo ake okhalamo mu Ziyoni.
Dunkaanni isaa Saalem keessa, iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
3 Kumeneko Iye anathyola mivi yowuluka, zishango ndi malupanga, zida zankhondo. (Sela)
Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabse.
4 Wolemekezeka ndinu, wamphamvu kuposa mapiri amene ali ndi nyama zambiri.
Ati ifa uffattee miidhagdeerta; ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
5 Anthu owuma mtima amagona atalandidwa chuma, Iwowo amagona tulo tawo totsiriza; palibe mmodzi wamphamvu amene angatukule manja ake.
Gootonni boojiʼamaniiru; hirribaanis fudhatamaniiru; duultota keessaas namni tokko iyyuu harka sochoofachuu hin dandeenye.
6 Pa kudzudzula kwanu, Inu Mulungu wa Yakobo, kavalo pamodzi ndi galeta zimakhala chete zitagona pansi.
Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.
7 Inu nokha ndiye muyenera kuopedwa. Angathe kuyima pamaso panu ndani mukakwiya?
Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
8 Kuchokera kumwamba Inu munalengeza chiweruzo, ndipo dziko linaopa ndi kukhala chete,
Ati samii irraa murtii kennite; laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
9 pamene Inu Mulungu munadzuka kuti muweruze, kupulumutsa onse osautsidwa mʼdziko. (Sela)
yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
10 Zoonadi, ukali wanu pa anthu umakubweretserani matamando ndipo opulumuka ku ukali wanu mumawasunga pafupi nanu.
Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.
11 Chitani malumbiro kwa Yehova Mulungu wanu ndipo muwakwaniritse; anthu onse omuzungulira abweretse mphatso kwa Iye amene ayenera kuopedwa.
Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
12 Iye amaswa mzimu wa olamulira; amaopedwa ndi mafumu a dziko lapansi.
Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; mootonni lafaas isa sodaatu.

< Masalimo 76 >