< Masalimo 25 >

1 Salimo la Davide. Kwa Inu Yehova, ndipereka moyo wanga.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti ol nan qaba.
2 Ndimadalira Inu Mulungu wanga. Musalole kuti ndichite manyazi kapena kuti adani anga andipambane.
Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. Ati na hin qaanessin; akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
3 Aliyense amene amayembekezera kwa Ambuye sadzachititsidwa manyazi koma achinyengo ndiwo adzachititsidwe manyazi ndipo sadzakhala ndi chodzitetezera.
Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
4 Ndidziwitseni njira zanu Inu Yehova, phunzitseni mayendedwe anu;
Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi;
5 tsogolereni mʼchoonadi chanu ndi kundiphunzitsa, pakuti Inu ndinu Mulungu mpulumutsi wanga, ndipo chiyembekezo changa chili mwa Inu tsiku lonse.
ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
6 Kumbukirani Inu Yehova chifundo ndi chikondi chanu chachikulu, pakuti ndi zakalekale.
Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
7 Musakumbukire machimo a ubwana wanga ndi makhalidwe anga owukira; molingana ndi chikondi chanu ndikumbukireni ine, pakuti Inu Yehova ndinu wabwino.
Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
8 Yehova ndi wabwino ndi wolungama; choncho Iye akulangiza ochimwa mʼnjira yake.
Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas; kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
9 Amatsogolera odzichepetsa kuti achite zolungama ndipo amawaphunzitsa njira zake.
Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.
10 Njira zonse za Yehova ndi zachikondi ndi zokhulupirika kwa iwo amene amasunga zofuna za pangano lake.
Karaan Waaqayyoo hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
11 Chifukwa cha dzina lanu, Inu Yehova, khululukireni mphulupulu zanga, ngakhale kuti ndi zochuluka.
Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
12 Tsono ndani munthu amene amaopa Yehova? Yehova adzamulangiza njira yoti ayitsate.
Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
13 Iye adzakhala pa ulemerero masiku ake onse, ndipo zidzukulu zake zidzalandira dziko ngati cholowa chawo.
Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; sanyiin isaas lafa dhaala.
14 Yehova amawulula chinsinsi chake kwa iwo amene amamuopa; amawulula pangano lake kwa iwowo.
Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; kakuu isaa illee isaan beeksisa.
15 Maso anga ali pa Yehova nthawi zonse, pakuti ndi Iye yekha amene adzawonjola mapazi anga mu msampha.
Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala; inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
16 Tembenukirani kwa ine ndipo mundikomere mtima, pakuti ndili ndekhandekha ndipo ndikuzunzika.
Gara kootti garagali; garaas naa laafi; ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
17 Masautso a mu mtima mwanga achulukirachulukira; masuleni ku zowawa zanga.
Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; dhiphina koo keessaas na baasi.
18 Penyani mazunzo anga ndi zovuta zanga ndipo mufafanize machimo anga onse.
Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
19 Onani mmene adani anga achulukira ndi momwe chidani chawo ndi ine chakulira.
Akka diinonni koo baayʼatan, hammam akka cimsanii na jibban argi!
20 Tetezani moyo wanga ndi kundilanditsa; musalole kuti ndichite manyazi, pakuti ndimathawira kwa Inu.
Lubbuu koo eegi; na oolchis; sababii ani kooluu sitti galeef, akka ani qaanaʼu na hin godhin.
21 Kukhulupirika ndi kulungama kwanga kunditeteze, chifukwa chiyembekezo changa chili mwa Inu.
Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
22 Wombolani Israeli Inu Mulungu, ku mavuto ake onse!
Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa Israaʼelin furi!

< Masalimo 25 >