< Miyambo 28 >

1 Munthu woyipa amathawa ngakhale palibe wina womuthamangitsa, koma wolungama ndi wolimba mtima ngati mkango.
Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
2 Pamene mʼdziko muli kuwukirana, dzikolo limakhala ndi olamulira ambiri, koma anthu omvetsa ndi odziwa zinthu bwino ndiwo angakhazikitse bata mʼdzikolo nthawi yayitali.
Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira; bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
3 Munthu wosauka amene amapondereza osauka anzake ali ngati mvula yamkuntho imene imawononga mbewu mʼmunda.
Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
4 Amene amakana malamulo amatamanda anthu oyipa, koma amene amasunga malamulo amatsutsana nawo.
Warri seera didan hamoota jaju; warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
5 Anthu oyipa samvetsa za chiweruzo cholungama, koma amene amafuna kuchita zimene Yehova afuna amachimvetsetsa bwino.
Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan; warri Waaqayyoon barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.
6 Munthu wosauka wa makhalidwe abwino aposa munthu wolemera wa makhalidwe okhotakhota.
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
7 Amene amasunga malamulo ndi mwana wozindikira zinthu, koma amene amayenda ndi anthu adyera amachititsa manyazi abambo ake.
Namni seera eegu ilma ogeessa; michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
8 Amene amachulukitsa chuma chake polandira chiwongoladzanja chochuluka amakundikira chumacho anthu ena, amene adzachitira chifundo anthu osauka.
Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
9 Wokana kumvera malamulo ngakhale pemphero lake lomwe limamunyansa Yehova.
Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
10 Amene amatsogolera anthu olungama kuti ayende mʼnjira yoyipa adzagwera mu msampha wake womwe, koma anthu opanda cholakwa adzalandira cholowa chabwino.
Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu kiyyoo ofii isaa keessa seena; namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
11 Munthu wolemera amadziyesa kuti ndi wanzeru, koma munthu wosauka amene ali ndi nzeru zodziwa zinthu amamutulukira.
Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
12 Pamene olungama apambana pamakhala chikondwerero chachikulu; koma pamene anthu oyipa apatsidwa ulamuliro, anthu amabisala.
Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu.
13 Wobisa machimo ake sadzaona mwayi, koma aliyense amene awulula ndi kuleka machimowo, adzalandira chifundo.
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
14 Ndi wodala munthu amene amaopa Yehova nthawi zonse, koma amene aumitsa mtima wake adzagwa mʼmavuto.
Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha; kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
15 Ngati mkango wobuma kapena chimbalangondo cholusa ndi mmenenso amakhalira munthu woyipa akamalamulira anthu osauka.
Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
16 Wolamulira amene samvetsa zinthu ndiye amakhala wankhanza koma amene amadana ndi phindu lopeza mwachinyengo adzakhala ndi moyo wautali.
Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
17 Munthu amene wapalamula mlandu wopha munthu adzakhala wothawathawa mpaka imfa yake; wina aliyense asamuthandize.
Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
18 Amene amayenda mokhulupirika adzapulumutsidwa koma amene njira zake ndi zokhotakhota adzagwa mʼdzenje.
Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
19 Amene amalima mʼmunda mwake adzakhala ndi chakudya chochuluka, koma amene amangosewera adzakhala mʼmphawi.
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama.
20 Munthu wokhulupirika adzadalitsika kwambiri, koma wofuna kulemera mofulumira adzalangidwa.
Namni amanamaan eebba quufa; kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
21 Kukondera si kwabwino, ena amachita zolakwazo chifukwa cha kachidutswa ka buledi.
Nama wal caalchisuun gaarii miti; namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
22 Munthu wowumira amafunitsitsa kulemera koma sazindikira kuti umphawi udzamugwera.
Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara; inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
23 Amene amadzudzula mnzake potsiriza pake mnzakeyo adzamukonda kwambiri, kupambana amene amanena mawu oshashalika.
Namni nama ifatu dhuma irratti nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
24 Amene amabera abambo ake kapena amayi ake namanena kuti “kumeneko sikulakwa,” ndi mnzake wa munthu amene amasakaza.
Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti.
25 Munthu wadyera amayambitsa mikangano, koma amene amadalira Yehova adzalemera.
Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
26 Amene amadzidalira yekha ndi chitsiru, koma amene amatsata nzeru za ena adzapulumuka.
Namni of amanatu gowwaa dha; kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
27 Amene amapereka kwa osauka sadzasowa kanthu, koma amene amatsinzina maso ake adzatembereredwa kwambiri.
Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
28 Pamene anthu oyipa apatsidwa ulamuliro anthu amabisala, koma anthu oyipa akawonongeka olungama amapeza bwino.
Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti namoonni ni dhokatu; yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.

< Miyambo 28 >