< Miyambo 25 >

1 Iyi ndi miyambo inanso ya Solomoni, imene anthu a Hezekiya mfumu ya ku Yuda analemba.
Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha:
2 Ulemerero wa Mulungu uli pa kubisa zinthu; ulemerero wa mafumu uli pa kufufuza zinthuzo.
Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
3 Monga momwe kwatalikira kumwamba ndi momwe kulili kuzama kwa dziko lapansi, ndi momwemonso alili maganizo a mfumu kusadziwika kwake.
Akkuma samiiwwan ol dheeratanii laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.
4 Chotsa zoyipa mʼsiliva ndipo wosula adzapanga naye ziwiya.
Meetii irraa xurii baasi; ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
5 Chotsa munthu woyipa pamaso pa mfumu; ndipo ufumu wake udzakhazikika mu chilungamo.
Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.
6 Usamadzikuze ukakhala pamaso pa mfumu, ndipo usamakhale pamalo pa anthu apamwamba;
Fuula mootii duratti ol of hin qabin; iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
7 paja ndi bwino kuti mfumu ichite kukuwuza kuti, “Bwera pamwamba pano,” kulekana ndi kuti ikuchititse manyazi chifukwa cha wina wokuposa. Chimene wachiona ndi maso ako,
inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. Ati waan ija keetiin argite,
8 usafulumire kupita nacho ku bwalo la milandu nanga udzachita chiyani pa mapeto pake ngati mnansi wako adzakuchititsa manyazi?
daftee mana murtiitti hin fidin; yoo ollaan kee si qaanesse, dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?
9 Kamba mlandu ndi mnansi wako, koma osawulula chinsinsi cha munthu wina
Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu; iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
10 kuopa kuti wina akamva mawu ako adzakuchititsa manyazi ndipo mbiri yako yoyipa sidzatha.
yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa; maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.
11 Mawu amodzi woyankhulidwa moyenera ali ngati zokongoletsera zagolide mʼzotengera zasiliva.
Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
12 Kwa munthu womvetsa bwino, kudzudzula kwa munthu wanzeru kuli ngati ndolo zagolide kapena chodzikongoletsera china cha golide wabwino kwambiri.
Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf, lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.
13 Wamthenga wodalirika ali ngati madzi ozizira pa nthawi yokolola kwa anthu amene amutuma; iye amaziziritsa mtima bwana wake.
Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
14 Munthu wonyadira mphatso imene sayipereka ali ngati mitambo ndi mphepo yopanda mvula.
Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.
15 Kupirira ndiye kumagonjetsa mfumu, ndipo kufewa mʼkamwa kutha kumafatsitsa munthu wowuma mtima.
Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
16 Ngati upeza uchi, ingodya okukwanira, kuopa ungakoledwe nawo ndi kuyamba kusanza.
Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu; yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
17 Uzipita kamodzikamodzi ku nyumba ya mnzako ukawirikiza kupita, udzadana naye.
Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin; yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.
18 Munthu wochitira mnzake umboni wonama, ali ngati chibonga kapena lupanga kapena muvi wakuthwa.
Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
19 Kudalira munthu wosankhulupirika pa nthawi ya mavuto, kuli ngati dzino lobowoka kapena phazi lolumala.
Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
20 Kuyimbira nyimbo munthu wachisoni kuli ngati kuvula zovala pa nyengo yozizira kapena kuthira mchere pa chilonda.
Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu, yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.
21 Ngati mdani wako ali ndi njala, mupatse chakudya kuti adye; ngati ali ndi ludzu mupatse madzi kuti amwe.
Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
22 Pochita izi, udzamusenzetsa makala a moto pa mutu pake, ndipo Yehova adzakupatsa mphotho.
Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; Waaqayyos si badhaasa.
23 Monga momwe mphepo yampoto imabweretsera mvula, chonchonso mjedu umadzetsa mkwiyo.
Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu, arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.
24 Nʼkwabwino kukhala pa ngodya ya denga kuposa kukhala mʼnyumba ndi mkazi wolongolola.
Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
25 Mthenga wabwino wochokera ku dziko lakutali ali ngati madzi ozizira kwa munthu waludzu.
Oduun gaariin biyya fagootii dhufu, akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
26 Munthu wolungama amene amagonjera munthu woyipa ali ngati kasupe wodzaza ndi matope kapena chitsime cha madzi oyipa.
Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu, akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.
27 Sibwino kudya uchi wambiri, sibwinonso kudzifunira wekha ulemu.
Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti; ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.
28 Munthu amene samatha kudziretsa ali ngati mzinda umene adani awuthyola ndi kuwusiya wopanda malinga.
Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.

< Miyambo 25 >