< Obadiya 1 >
1 Masomphenya a Obadiya. Ambuye Yehova akunena kwa Edomu kuti, Tamva uthenga wochokera kwa Yehova: Nthumwi yatumidwa kupita kwa anthu a mitundu kukanena kuti, “Konzekani, tiyeni tikachite nkhondo ndi Edomu.”
Mulʼata Obaadiyaa. Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha. Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra: Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa; waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
2 “Taona, ndidzakuchepetsani pakati pa anthu a mitundu ina; udzanyozedwa kwambiri.
“Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa; atis akka malee tuffatamta.
3 Kudzikuza kwa mtima wako kwakusocheretsa, iwe amene umakhala mʼmapanga a mʼmatanthwe ndipo umamanga nyumba zako pa mapiri ataliatali, iwe amene umanena mu mtima mwako kuti, ‘Ndani anganditsitse pansi?’
Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu, kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu, of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
4 Koma ngakhale umawuluka ngati chiwombankhanga ndi kumanga chisa chako pakati pa nyenyezi, ndidzakutsitsa pansi kuchokera kumeneko,” akutero Yehova.
Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
5 “Anthu akuba akanabwera kwa iwe, kapena anthu olanda zinthu akanafika usiku, aa, tsoka lanji limene likukudikira iwe! Kodi akanangotengako zimene akuzifuna zokha? Ngati anthu othyola mphesa akanafika, kodi akanakusiyiraniko mphesa pangʼono pokha?
“Hattuun yoo sitti dhuftee saamtuun halkaniin sitti seente, balaa akkamiitu si eeggata! Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii? Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii, silaa qarmii wayii hin dhiisanii?
6 Koma Esau adzalandidwa zinthu zonse, chuma chake chobisika chidzabedwa!
Esaawu garuu akkam saamamee qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!
7 Anthu onse ogwirizana nawo adzakupirikitsira kumalire; abwenzi ako adzakunyenga ndi kukugonjetsa; amene amadya chakudya chako adzakutchera msampha, koma iwe sudzazindikira zimenezi.”
Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba; michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu; warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu; ati garuu waan kana hin hubattu.
8 Yehova akunena kuti, “Tsiku limenelo, kodi sindidzawononga anthu onse anzeru a ku Edomu, anthu odziwa zinthu mʼmapiri a Esau?
“Ani bara sana ogeeyyii Edoom, namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa hin balleessuu?” jedha Waaqayyo.
9 Ankhondo ako, iwe Temani, adzachita mantha, ndipo aliyense amene ali mʼphiri la Esau adzaphedwa pa nkhondo.
“Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu; namni tulluuwwan Esaawuu irra jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.
10 Chifukwa cha nkhanza zimene unachitira mʼbale wako Yakobo, udzakhala wamanyazi; adzakuwononga mpaka muyaya.
Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiif ati qaaniidhaan haguugamta; bara baraanis ni balleeffamta.
11 Pamene adani ankamulanda chuma chake pamene alendo analowa pa zipata zake ndi kuchita maere pa Yerusalemu, pa tsikulo iwe unali ngati mmodzi wa iwo.
Gaafa alagoonni qabeenya isaa guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii Yerusaalemitti ixaa buufatanitti, atis kophaa dhaabattee isaan keessaa akka isa tokkoo taate.
12 Iwe sunayenera kunyoza mʼbale wako pa nthawi ya tsoka lake, kapena kunyogodola Ayuda chifukwa cha chiwonongeko chawo, kapena kuwaseka pa nthawi ya mavuto awo.
Gaafa inni milkii dhabetti ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte; yookaan guyyaa badii isaaniitti saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaanii keessa akka malee of tuuluu hin qabdu turte.
13 Iwe sunayenera kudutsa pa zipata za anthu anga pa nthawi ya masautso awo, kapena kuwanyogodola pa tsiku la tsoka lawo, kapena kulanda chuma chawo pa nthawi ya masautso awo.
Bara balaan isaanitti dhufe keessa karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte; yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte; yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.
14 Sunayenera kudikirira pamphambano ya misewu kuti uphe Ayuda othawa, kapena kuwapereka kwa adani awo Ayuda opulumuka pa nthawi ya mavuto awo.”
Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti isaan eeggachuu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaa keessa hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
15 “Tsiku la Yehova layandikira limene adzaweruza mitundu yonse ya anthu. Adzakuchitira zomwe unawachitira ena; zochita zako zidzakubwerera wekha.
“Guyyaan Waaqayyoo saboota hundaaf dhiʼaateera. Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama; hojiin kees matuma keetti deebiʼa.
16 Iwe unamwa pa phiri langa loyera, koteronso mitundu ina yonse idzamwa kosalekeza; iwo adzamwa ndi kudzandira ndipo adzayiwalika pa mbiri ya dziko lapansi.
Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana, saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu; isaan itti deddeebiʼanii dhugu; akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.
17 Koma pa Phiri la Ziyoni padzakhala chipulumutso; phirilo lidzakhala lopatulika, ndipo nyumba ya Yakobo idzalandira cholowa chake.
Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata; inni ni qulqullaaʼa; manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.
18 Nyumba ya Yakobo idzasanduka moto ndipo nyumba ya Yosefe idzasanduka lawi la moto; nyumba ya Esau idzasanduka chiputu, ndipo adzayitenthe pa moto ndi kuyipsereza. Sipadzakhala anthu opulumuka kuchokera mʼnyumba ya Esau.” Yehova wayankhula.
Manni Yaaqoob ibidda, manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa; manni Esaaw huura taʼa; isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu. Mana Esaaw keessaa namni tokko iyyuu hin hafu” jedhee dubbateera Waaqayyo.
19 Anthu ochokera ku Negevi adzakhala ku mapiri a Esau, ndipo anthu ochokera mʼmbali mwa mapiri adzatenga dziko la Afilisti. Adzakhala mʼminda ya Efereimu ndi Samariya, ndipo Benjamini adzatenga Giliyadi.
Namoonni Negeeb tulluuwwan Esaaw ni qabatu; namoonni gaarran jala jiraatan immoo biyya Filisxeemotaa qabatu. Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu; Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.
20 Aisraeli amene ali ku ukapolo adzalandira dziko la Kanaani mpaka ku Zarefati; a ku Yerusalemu amene ali ku ukapolo ku Sefaradi adzalandira mizinda ya ku Negevi.
Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala; boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.
21 Opulumukawo adzapita ku Phiri la Ziyoni ndipo adzalamulira mapiri a Esau. Koma ufumuwo udzakhala wa Yehova.
Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf Tulluu Xiyoonitti ol baʼu. Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.