< Numeri 14 >
1 Usiku umenewo gulu lonse la Aisraeli linalira mofuwula kwambiri.
Halkan sana namoonni waldaa sanaa hundinuu sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan.
2 Ndipo Aisraeli onse anayankhula motsutsana ndi Mose ndi Aaroni. Gulu lonse linanena kwa iwo kuti, “Kunali bwino tikanafera ku Igupto kapena mʼchipululu muno!
Israaʼeloonni hundinuu Musee fi Aroonitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; “Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee!
3 Nʼchifukwa chiyani Yehova akutilowetsa mʼdziko limenelo? Kodi kuti tikaphedwe ndi lupanga? Kuti akazi ndi ana athu akatengedwe ngati katundu wolanda ku nkhondo? Kodi sikungakhale bwino kuti tibwerere ku Igupto?”
Waaqayyo maaliif akka nu goraadeedhaan dhumnuuf jedhee biyya kanatti nu fida? Niitonni keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu. Biyya Gibxitti deebiʼuun nuu hin wayyuu?”
4 Ndipo anawuzana wina ndi mnzake kuti, “Tiyeni tisankhe mtsogoleri ndipo tibwerere ku Igupto.”
Isaanis, “Amma hoogganaa filannee biyya Gibxitti haa deebinu” waliin jedhan.
5 Koma Mose ndi Aaroni anadzigwetsa pansi chafufumimba pamaso pa Aisraeli onse omwe anasonkhana pamenepo.
Kana irratti Musee fi Aroon fuula guutummaa yaaʼii Israaʼel kanneen achitti walitti qabamanii duratti addaan lafatti gombifaman.
6 Yoswa mwana wa Nuni ndi Kalebe mwana wa Yefune, omwe anali amodzi mwa amene anakazonda nawo dziko, anangʼamba zovala zawo
Jarreen biyyattii keessa deemanii basaasan keessaa Iyyaasuun ilmi Nuuniitii fi Kaaleb ilmi Yefunee uffata ofii tarsaasanii,
7 ndipo anati kwa gulu lonse la Aisraeli, “Dziko limene tinakayendamo ndi kuliona ndi labwino kwambiri zedi.
guutummaa yaaʼii Israaʼelootaatiin akkana jedhan; “Biyyi nu keessa deemnee basaasne sun akka malee gaarii dha.
8 Ngati Yehova akukondwera nafe, adzatitsogolera kulowa mʼdziko limenelo. Dziko loyenda mkaka ndi uchi adzalipereka kwa ife,
Waaqayyo yoo nutti gammade biyya sanatti nu galchee biyyattii aannanii fi damma baaftu sana nuu kenna.
9 koma musawukire Yehova. Komanso musaope anthu a mʼdzikomo, pakuti tidzawagonjetsa. Chitetezo chawachokera, koma ife Yehova ali nafe. Musawaope.”
Isin garuu Waaqayyotti hin fincilinaa. Waan nu isaan lilliqimsinuuf namoota biyya sanaa hin sodaatinaa. Gaaddisni isaan irraa kaʼeera; Waaqayyo nu wajjin jira. Isaan hin sodaatinaa.”
10 Koma gulu lonse linayankhula zofuna kuwagenda miyala. Pamenepo ulemerero wa Yehova unaonekera kwa Aisraeli onse ku tenti ya msonkhano.
Waldaan guutuun garuu dhagaan isaan tumuudhaaf mariʼate. Ulfinni Waaqayyoos fuula dunkaana wal gaʼii duratti Israaʼeloota hundatti mulʼate.
11 Yehova anawuza Mose kuti, “Anthu awa adzandinyoza mpaka liti? Sadzandikhulupirira mpaka liti, ngakhale ndachita zizindikiro zozizwitsa zonsezi pakati pawo?
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kun hamma yoomiitti akkana na tuffata? Utuma ani mallattoowwan kanneen hunda gidduu isaaniitti hojjedhuu isaan hamma yoomiitti na amanuu didu?
12 Ndidzawakantha ndi mliri ndi kuwawononga. Koma ndidzakusandutsa iwe mtundu waukulu ndi wamphamvu kuposa iwo.”
Ani golfaadhaan dhaʼee isaan nan balleessa; siʼi garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa sin godha.”
13 Mose anati kwa Yehova, “Aigupto adzamva zimenezi! Mwa mphamvu yanu munawatulutsa anthu amenewa pakati pawo.
Museen Waaqayyoon akkana jedhe; “Warri Gibxi waaʼee waan kanaa ni dhagaʼu! Ati humna keetiin saba kana gidduu isaaniitii baaftee fiddeertaatii.
14 Ndipo iwowo adzawuza anthu okhala mʼdziko lino zimenezi. Anthuwa amva kale kuti Inu Yehova mumakhala pakati pa anthu amenewa ndi kuti Inuyo Yehova mwawaonekera maso ndi maso. Mtambo wanu umakhala pamwamba pawo ndiponso mumayenda nawo mu mtambo woyima, masana ndi moto woyima, usiku.
Isaanis waaʼee waan kanaa saba biyya sana keessa jiraatutti ni odeessu. Yaa Waaqayyo, isaan akka ati saba kana gidduu jirtu dhagaʼaniiru; yaa Waaqayyo isaan akka ati fuuluma isaaniitti mulʼatu, akka duumassi kee isaaniin ol jiruu fi akka ati guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura deemtu dhagaʼanii jiru.
15 Tsono mukawapha anthu onsewa nthawi imodzi, mayiko amene anamva za Inu adzati,
Yoo ati saba kana yeruma tokkotti barbadeessite, saboonni oduu waaʼee keetii dhagaʼan,
16 ‘Yehova walephera kuwalowetsa anthuwo mʼdziko lomwe anawalonjeza molumbira, ndipo wawapha mʼchipululu.’
‘Waaqayyo biyya kakuudhaan waadaa isaaniif gale sanatti saba kana galchuu hin dandeenye; inni kanumaaf gammoojjii keessatti isaan gogorraʼe’ jedhu.
17 “Chonde Ambuye wonetsani mphamvu yanu monga munalonjezera kuti,
“Egaa akkuma ati akkana jettee dubbatte sanatti jabinni Gooftaa haa argisiifamu:
18 ‘Yehova sakwiya msanga, ndipo ndi wodzaza ndi chikondi chosasinthika, wokhululukira tchimo ndi kuwukira. Koma Iye sadzaleka kulanga ochimwa. Iyeyo amalanga ana chifukwa cha tchimo la makolo awo kufikira mʼbado wachitatu ndi wachinayi.’
‘Waaqayyo dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’
19 Chifukwa cha kukula kwa chikondi chanu chosasinthika, akhululukireni anthuwa tchimo lawo monga mwakhala mukuwakhululukira kuchokera pa nthawi imene anachoka ku Igupto mpaka tsopano.”
Akkuma yeroo isaan biyya Gibxii baʼanii jalqabdee hamma ammaatti dhiifama isaaniif goote sana akkuma jaalala kee guddaa sanaatti cubbuu saba kanaa dhiisiif.”
20 Yehova anayankha kuti, “Ndawakhululukira monga wapemphera.
Waaqayyo akkana jedhee deebiseef; “Ani akkuma ati kadhatte sana isaaniif dhiiseera.
21 Komabe, ndikunenetsa kuti pali Ine, ndiponso pamene dziko lapansi ladzaza ndi ulemerero wa Yehova,
Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni Waaqayyoo dhugumaan lafa hunda guute sana,
22 palibe ndi mmodzi yemwe mwa anthu amene anaona ulemerero wanga ndi zizindikiro zozizwitsa zimene ndinazichita ku Igupto ndi mʼchipululu muno, koma osandimvera ndi kundiyesa kokwanira kakhumi,
namoota ulfina koo arganii, mallattoowwan ani biyya Gibxiitii fi gammoojjii keessatti hojjedhe arganii garuu naa ajajamuu didanii yeroo kudhan na qoran sana keessaa namni tokko iyyuu,
23 palibe ndi mmodzi yemwe wa anthu amenewa amene adzaone dziko limene ndinalonjeza ndi lumbiro kwa makolo awo. Aliyense amene anandinyoza sadzaliona dzikolo.
tokkoon isaanii biyya ani kakuudhaan abbootii isaaniitiif waadaa gale sana hin argan. Namni na tuffate tokko biyya sana hin argu.
24 Koma mtumiki wanga Kalebe, pakuti ali ndi mtima wosiyana ndi ena ndiponso amanditsatira ndi mtima wonse, ndidzamulowetsa mʼdziko limene anapitamolo ndipo zidzukulu zake zidzalandira dzikolo ngati cholowa chawo.
Garbicha koo Kaaleb garuu sababii inni hafuura addaa qabuu fi sababii garaa guutuudhaan na duukaa buʼaa jiruuf, ani biyya inni dhaqe sanatti isa galcha; sanyiin isaas biyya sana ni dhaala.
25 Ndipo popeza kuti Aamaleki ndi Akanaani akukhala ku chigwa, mawa mubwerere ndipo mupite ku chipululu podzera ku Nyanja Yofiira.”
Sababii Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni Sululoota keessa jiraataniif, isin bor deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gammoojjiitti qajeelaa.”
26 Yehova anawuza Mose ndi Aaroni kuti,
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
27 “Kodi anthu oyipawa adzangʼungʼudza ndi kutsutsana nane mpaka liti? Ndamva madandawulo a Aisraeli ongʼungʼudzawa.
“Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera.
28 Tsono awuze kuti, ‘Ndikulumbira pali Ine,’ akutero Yehova, ‘Ndidzakuchitirani zinthu zonse zimene ndamva inu mukunena:
Akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha; ani jiraataadhaatii, akkuma isin gurra kootti dubbattan sana anis isinitti godha:
29 Mitembo yanu idzakhala ili ngundangunda mʼchipululu muno; mtembo wa munthu aliyense pakati panu amene ali ndi zaka makumi awiri kapena kupitirirapo, amene anawerengedwa pa chiwerengero chija ndipo anangʼungʼudza motsutsana nane.
Reeffi keessan jechuunis reeffi warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi digdamaa olii kanneen lakkoobsa uummataa keessatti lakkaaʼamanii natti guunguman hundaa gammoojjii kana keessatti harcaʼee hafa.
30 Palibe ndi mmodzi yemwe mwa inu amene adzalowe mʼdziko lomwe ndinalumbira mokweza manja kuti likhale lanu, kupatula Kalebe mwana wa Yefune ndi Yoswa mwana wa Nuni.
Kaaleb ilma Yefuneetii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan.
31 Koma ana anu amene mukunena kuti adzatengedwa ngati katundu wolanda ku nkhondo, Ine ndidzawalowetsa kuti akasangalale mʼdziko limene munalikana.
Ani garuu ijoollee keessan warra isin ni boojiʼamu jettan sana itti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.
32 Koma inu mitembo yanu idzakhala ngundangunda mʼchipululu muno.
Isin garuu, reeffi keessan gammoojjuma kana keessatti harcaʼa.
33 Ana anu adzakhala abusa mʼchipululu muno zaka makumi anayi, kuvutika chifukwa cha kusakhulupirika kwanu, mpaka munthu womaliza mwa inu atafa mʼchipululu muno.
Ijoolleen keessan waggaa afurtama gammoojjii kana keessa ni jooru; hamma isin hundi gammoojjii keessatti dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniitiif achitti rakkatu.
34 Mudzavutika chifukwa cha machimo anu kwa zaka makumi anayi Chaka chimodzi chikuyimira tsiku limodzi la masiku makumi anayi amene munakazonda dziko lija ndipo mudzadziwa kuyipa kwake kwa kukangana ndi Ine.’
Isin akkuma bultii afurtama biyya sana basaastan, akkasuma bultiin tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa afurtama cubbuu keessaniif dhiphattu; yeroo sana isin akka ani isiniin mormu ni beektu.’
35 Ine Yehova, ndanena, ndidzachitadi zimenezi kwa anthu onse oyipawa, amene agwirizana kunditsutsa. Adzathera mʼchipululu momwe muno, adzafera muno basi.”
Ani Waaqayyo waan kana dubbadheen jira; ani dhugumaan waan kana waldaa hamaa naan mormuuf walitti gurmaaʼe kana guutuutti nan fida. Isaan gammoojjii kana keessatti dhumu; asumattis ni duʼu.”
36 Ndipo anthu amene Mose anawatuma kukazonda dziko aja anachoka pamaso pake nachititsa gulu lonse la anthu kuwukira Moseyo chifukwa chofalitsa mbiri yoyipa ya dzikolo.
Namoonni Museen akka isaan biyyattii basaasaniif erge yommuu achii deebiʼanitti waaʼee biyya sanaa gabaasa hamaa waldaatti gabaasanii akka waldaan Museetti guungumu godhan jechuunis
37 Anthu amene ankafalitsa mbiri yoyipa ya dzikolo anakanthidwa ndi mliri ndipo anafa pamaso pa Yehova.
namoonni waaʼee biyyattii gabaasa hamaa gabaasuutti gaafataman sun dhaʼichaan fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
38 Mwa anthu amene anakaona dzikolo, Yoswa mwana wa Nuni ndi Kalebe mwana wa Yefune ndi okhawo amene anapulumuka.
Namoota biyyattii basaasuu dhaqan keessaa Iyyaasuu ilma Nuunitii fi Kaaleb ilma Yefunee qofatu duʼa oole.
39 Mose atafotokoza izi kwa Aisraeli onse, anthuwo analira kwambiri.
Museen waan kana hunda Israaʼelootatti himnaan isaan akka malee booʼan.
40 Mmamawa tsiku linalo anapita mbali ya ku dziko la mapiri. Iwo anati, “Tachimwa, tipita ku dziko limene Yehova anatilonjeza.”
Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan fiixee biyya gaaraatti ol baʼanii, “Nu cubbuu hojjenneerra; nu amma gara lafa Waaqayyo waadaa nuu gale sanaa dhaqna” jedhan.
41 Koma Mose anati, “Chifukwa chiyani simukumvera lamulo la Yehova? Zimenezi sizitheka!
Museen garuu akkana jedhe; “Isin maaliif ajaja Waaqayyoo cabsitu? Wanni kun isiniif hin milkaaʼu!
42 Musapite chifukwa Yehova sali pakati panu. Mudzagonjetsedwa ndi adani anu
Akka diinota keessaniin hin moʼatamneef ol hin baʼinaa; Waaqayyo isin wajjin hin jiruutii;
43 chifukwa kumeneko mukakumana ndi Aamaleki ndi Akanaani. Popeza mwaleka kutsata Yehova, Iyeyo sadzakhala nanu ndipo mudzaphedwa ndi lupanga.”
Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti dhufuutii. Sababii isin Waaqayyo irraa garagaltaniif inni isin wajjin hin jiraatu; goraadeedhaan barbadeeffamtu.”
44 Komabe mwa maganizo awo anapita molunjika dziko la mapiri ngakhale kuti Mose sanachoke ndi Bokosi la Chipangano la Yehova pa msasa.
Isaan garuu utuu Musee fi taabonni kakuu Waaqayyoo qubata keessaa gad hin baʼin yaaduma isaaniitiin kaʼanii fiixee biyya gaaraatti ol baʼan.
45 Koma Aamaleki ndi Akanaani amene ankakhala ku dziko lamapirilo anatsika ndi kumenyana nawo ndipo anawakantha mʼnjira yonse mpaka ku Horima.
Yommus Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni gaara sana irra jiraatan gad buʼanii isaan dhaʼanii hamma Hormaatti isaan ariʼan.