< Numeri 10 >
1 Yehova anawuza Mose kuti,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
2 “Sula malipenga awiri a siliva, ndipo uziwagwiritsa ntchito posonkhanitsa anthu pamodzi ndiponso powasamutsa mʼmisasa.
“Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami.
3 Pamene akuliza malipenga onse awiri, anthu onse asonkhane kwa iwe pa khomo la tenti ya msonkhano.
Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu.
4 Akaliza limodzi lokha, atsogoleri, akulu a mafuko a Aisraeli, asonkhane kwa iwe.
Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman.
5 Akaliza lipenga lochenjeza, misasa yomwe ili kummawa iyambe kusamuka.
Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman.
6 Akaliza lipenga lochenjeza lachiwiri, misasa yakummwera iyambe kusamuka. Kuliza kwa lipenga lochenjeza kudzakhala chizindikiro choyamba ulendo.
Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha.
7 Pofuna kusonkhanitsa anthu, muziliza malipenga, koma mosiyana ndi mmene malipenga ochenjeza amalizidwira.
Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin.
8 “Ana a Aaroni, ansembe aja, ndiwo aziliza malipengawo. Zimenezi zikhale zokhazikika kwa inu ndi ku mibado yanu yonse.
“Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
9 Pamene mukupita ku nkhondo mʼdziko lanu lomwe, kulimbana ndi mdani amene akukuzunzani, muziliza malipenga ochenjeza ndipo Yehova Mulungu wanu adzakukumbukirani ndi kukulanditsani mʼmanja mwa adani anu.
Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos Waaqayyo Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa.
10 Komanso pa nthawi yanu ya chisangalalo, pa maphwando anu oyikika ndi maphwando a mwezi watsopano, muziliza malipenga pa nsembe zanu zopsereza ndi nsembe zanu za chiyanjano, ndipo zidzakhala chikumbutso chanu pamaso pa Mulungu. Ine ndine Yehova Mulungu wanu.”
Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
11 Pa chaka chachiwiri, mwezi wachiwiri, tsiku la 20, mtambo unachoka pamwamba pa chihema cha umboni.
Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe.
12 Ndipo Aisraeli ananyamuka kuchoka mʼchipululu cha Sinai ndipo anayenda malo osiyanasiyana mpaka pamene mtambo unayima mʼchipululu cha Parani.
Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman.
13 Kameneka kanali koyamba kuti Aisraeli anyamuke monga momwe Yehova analamulira Mose.
Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman.
14 Magulu a msasa wa Yuda ndiwo anayamba kunyamuka potsata mbendera yawo. Mtsogoleri wa gulu lawo anali Naasoni mwana wa Aminadabu.
Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture.
15 Mtsogoleri wa gulu la fuko la Isakara anali Netanieli mwana wa Zuwara,
Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture;
16 Eliabu mwana wa Heloni ndiye anali mtsogoleri wa fuko la Zebuloni.
Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture.
17 Kenaka anagwetsa chihema, ndipo Ageresoni ndi Amerari amene ananyamula chihemacho, ananyamuka.
Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
18 Kenaka magulu a msasa wa fuko la Rubeni ananyamuka potsatira mbendera yawo. Mtsogoleri wawo anali Elizuri mwana wa Sedeuri.
Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture.
19 Mtsogoleri wa fuko la Simeoni anali Selumieli mwana wa Zurisadai,
Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture;
20 ndipo Eliyasafu mwana wa Deuweli ndiye ankatsogolera fuko la Gadi.
Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture.
21 Kenaka Akohati ananyamuka atanyamula zinthu zopatulika. Chihema chinkayenera kuyimikidwa iwo asanafike.
Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
22 Magulu a msasa wa Aefereimu anatsatira potsatira mbendera yawo. Elisama mwana wa Amihudi ndiye anali mtsogoleri wawo.
Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture.
23 Gamalieli mwana wa Pedazuri ndiye anali mtsogoleri wa fuko la Manase.
Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture;
24 Abidani mwana wa Gideoni ndiye anali mtsogoleri wa mtundu wa Benjamini.
Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
25 Pambuyo pa magulu onse panali magulu a msasa wa Dani, omwe ankateteza magulu onsewa ndipo ananyamuka potsatira mbendera yawo. Mtsogoleri wawo anali Ahiyezeri mwana wa Amisadai.
Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture.
26 Pagieli mwana wa Okirani ndiye anali mtsogoleri wa fuko la Aseri,
Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture;
27 ndipo mtsogoleri wa mtundu wa Nafutali anali Ahira mwana wa Enani.
Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture.
28 Umenewu ndiwo unali mndandanda wa kayendedwe ka magulu a Aisraeli pamene ankanyamuka ulendo wawo mʼmagulumagulu.
Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
29 Ndipo Mose anawuza Hobabu mwana wa Reueli Mmidiyani, mpongozi wa Mose kuti, “Tikunyamuka kupita ku malo amene Yehova anati, ‘Ndidzakupatsani.’ Tiye upite nafe ndipo tidzakusamalira bwino, pakuti Yehova analonjeza zinthu zabwino kwa Israeli.”
Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya Waaqayyo, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; Waaqayyo waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.”
30 Hobabu anayankha kuti, “Ayi, sindipita nanu, ndibwerera ku dziko la kwathu ndi kwa abale anga.”
Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
31 Ndipo Mose anati, “Pepa usatisiye popeza ukudziwa kumene tingamange misasa mʼchipululu muno ndipo udzakhala maso athu.
Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa.
32 Iweyo ukapita nafe, tidzagawana nawe zinthu zabwino zomwe Yehova adzatipatsa.”
Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii Waaqayyo nuu kennu si wajjin qoodanna.”
33 Motero ananyamuka ku Phiri la Yehova nayenda ulendo wa masiku atatu. Bokosi la Chipangano cha Yehova linkayenda patsogolo pawo pa masiku atatuwo kuti apeze malo woti apumulepo.
Isaan tulluu Waaqayyoo irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Waaqayyoos iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme.
34 Mtambo wa Yehova unkawaphimba masana pamene ankasamuka pa misasa yawo.
Duumessi Waaqayyoo sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
35 Nthawi iliyonse imene Bokosi la Chipangano likunyamuka, Mose ankanena kuti, “Dzukani, Inu Yehova! Adani anu abalalike; Odana nanu athawe pamaso panu.
Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, kaʼi! Diinonni kee haa bittinneeffaman; warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.”
36 “Pamene likupumula, ankanena kuti, “Bwererani, Inu Yehova, ku chinamtindi cha Aisraeli.”
Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.”