< Mika 5 >
1 Iwe mzinda wa anthu ankhondo, sonkhanitsa anthu ako ankhondo, pakuti anthu atizungulira kuti alimbane nafe. Adzakantha ndi ndodo pa chibwano cha wolamulira wa Israeli.
Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi; nu marfamneerraatii. Isaan uleedhaan maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.
2 “Koma iwe Betelehemu Efurata, ngakhale uli wonyozeka pakati pa mafuko a Yuda, mwa iwe mudzatuluka munthu amene adzalamulira Israeli, amene chiyambi chake nʼchakalekale, nʼchamasiku amakedzana.”
“Garuu yaa Beetlihem Efraataa, ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu, kan bulchaa Israaʼel taʼu, kan jiraachuun isaa durumaa, kan bara duriitii jalqabee ture tokko si keessaa baʼee naaf dhufa.”
3 Nʼchifukwa chake Israeli adzasiyidwa mpaka pa nthawi imene mayi amene ali woyembekezera adzachire. Ndipo abale ake onse otsalira adzabwerera kudzakhala pamodzi ndi Aisraeli.
Kanaafuu Israaʼel hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee obboloonni isaa warri hafan Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.
4 Iye adzalimbika, ndipo adzaweta nkhosa zake mwa mphamvu ya Yehova, mu ulemerero wa dzina la Yehova Mulungu wake. Ndipo iwo adzakhala mu mtendere, pakuti ukulu wake udzakhala ponseponse pa dziko lapansi.
Inni jabina Waaqayyootiin surraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiin dhaabatee bushaayee isaa tikfata. Yeroo sanatti surraan isaa waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.
5 Ndipo Iye adzakhala mtendere wawo. Asiriya akadzalowa mʼdziko lathu ndi kuyamba kuthira nkhondo malo athu otetezedwa, tidzawadzutsira abusa asanu ndi awiri, ngakhalenso atsogoleri asanu ndi atatu.
Inni nagaa keenya taʼa; yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daʼannoo keenya keessa baʼanitti nu tiksoota torbaa fi ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.
6 Iwo adzagonjetsa dziko la Asiriya ndi lupanga, dziko la Nimurodi adzalilamulira mwankhondo. Adzatipulumutsa kwa Asiriya akadzafika mʼmalire a mʼdziko lathu kudzatithira nkhondo.
Isaan biyya Asoor goraadeedhaan biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu. Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daarii keenya keessa baʼanitti, inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.
7 Otsalira a Yakobo adzakhala pakati pa mitundu yambiri ya anthu ngati mame ochokera kwa Yehova, ngati mvumbi pa udzu, omwe sulamulidwa ndi munthu kapena kudikira lamulo la anthu.
Hambaan Yaaqoob namoota hedduu gidduutti akkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akkuma tiifuu marga irraa kan nama hin eegnee yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.
8 Otsala a Yakobo adzakhala pakati pa mitundu ya anthu, mʼgulu la anthu a mitundu yambiri, ngati mkango pakati pa nyama za mʼnkhalango. Ngati mwana wa mkango pakati pa gulu la nkhosa, amene pozidutsa amazidya ndi kuzikhadzula, ndipo palibe angathe kuzilanditsa.
Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti, uummata hedduu gidduuttis, akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu, akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.
9 Mudzagonjetsa adani anu, ndipo adani anu onse adzawonongeka.
Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa; amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.
10 Yehova akuti, “Tsiku limenelo ndidzawononga akavalo anu onse ndi kuphwasula magaleta anu.
Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa; gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.
11 Ndidzawononga mizinda ya mʼdziko mwanu ndi kugwetsa malinga anu onse.
Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa; daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.
12 Ndidzawononga ufiti wanu ndipo sikudzakhalanso anthu owombeza mawula.
Ani falfaltoota keessan nan balleessa; isinis deebitanii hin mortan.
13 Ndidzawononga mafano anu osema pamodzi ndi miyala yanu yopatulika imene ili pakati panu; simudzagwadiranso zinthu zopanga ndi manja anu.
Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii gidduu keetii nan balleessa; ati siʼachi gad jettee hojii harka keetiitiif hin sagaddu.
14 Ndidzazula mitengo ya mafano a Asera imene ili pakati panu, ndipo ndidzawononga mizinda yanu.
Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee magaalaawwan kees nan barbadeessa.
15 Ndidzayilanga mwaukali ndi mokwiya mitundu imene sinandimvere Ine.”
Ani saboota naaf hin ajajamin irratti aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”