< Mateyu 28 >
1 Litapita tsiku la Sabata, mmawa wa tsiku loyamba la Sabata, Mariya wa ku Magadala ndi Mariya wina anapita kukaona manda.
Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan.
2 Kunachitika chivomerezi chachikulu, pakuti mngelo wa Ambuye anabwera kuchokera kumwamba ndipo anapita ku manda, nakagubuduza mwala nawukhalira.
Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe.
3 Maonekedwe ake anali ngati mphenzi ndipo zovala zake zinali mbuu ngati matalala.
Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture.
4 Alondawo anachita naye mantha kwambiri kotero kuti ananjenjemera ndi kuwuma ngati akufa.
Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.
5 Mngelo anati kwa amayiwo, “Musachite mantha popeza ndikudziwa kuti mukufuna Yesu amene anapachikidwa.
Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka.
6 Iye muno mulibe, wauka monga mmene ananenera. Bwerani, dzaoneni malo amene anagona.
Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
7 Ndipo pitani msanga kawuzeni ophunzira ake kuti, ‘Wauka kwa akufa ndipo watsogola kupita ku Galileya. Mukamuona Iye kumeneko.’ Taonani ndakuwuzani.”
Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”
8 Pamenepo amayiwo anachoka mofulumira ku mandako ali ndi mantha komabe atadzaza ndi chimwemwe, ndipo anathamanga kukawuza ophunzira ake.
Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan.
9 Mwadzidzidzi Yesu anakumana nawo nati, “Moni.” Iwo anabwera kwa Iye, nagwira mapazi ake namulambira.
Yeruma sana kunoo Yesuus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
10 Ndipo Yesu anawawuza kuti, “Musachite mantha, pitani kawuzeni abale anga kuti apite ku Galileya ndipo kumeneko akandiona Ine.”
Yesuusis, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu” jedheen.
11 Amayi aja akupita, ena mwa alonda aja anapita ku mzinda nafotokozera akulu a ansembe zonse zimene zinachitika.
Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan.
12 Akulu a ansembe atakumana ndi akuluakulu anapangana zochita. Anapatsa alonda aja ndalama zambiri,
Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan.
13 nawawuza kuti, “Muzinena kuti, ‘Ophunzira ake anabwera usiku ndipo amuba ife tili mtulo.’
Akkanas jedhaniin; “‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa.
14 Ngati nkhani iyi imupeze bwanamkubwa, ife tidzamukhazika mtima pansi ndipo simudzakhala mʼmavuto.”
Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.”
15 Pamenepo alondawo anatenga ndalamazo nachita monga mmene anawuzidwira. Ndipo mbiri iyi inawanda pakati pa Ayuda mpaka lero lino.
Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira.
16 Ndipo ophunzira khumi ndi mmodzi aja anapita ku Galileya, ku phiri limene Yesu anawawuza kuti apite.
Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Yesuus dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan.
17 Atamuona Iye, anamulambira; koma ena anakayika.
Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman.
18 Kenaka Yesu anabwera kwa iwo nati, “Ulamuliro wonse kumwamba ndi dziko lapansi wapatsidwa kwa Ine.
Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
19 Chifukwa chake, pitani kaphunzitseni anthu a mitundu yonse, ndi kuwabatiza mʼdzina la Atate ndi la Mwana ndi la Mzimu Woyera,
Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
20 ndi kuwaphunzitsa amvere zonse zimene ndinakulamulirani. Ndipo onani, Ine ndidzakhala pamodzi ndi inu kufikira kutha kwa dziko lapansi pano.” (aiōn )
akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.” (aiōn )