< Maliro 5 >
1 Inu Yehova, kumbukirani zimene zinatichitikira; yangʼanani ndipo muone kunyozeka kwathu.
Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu; ilaali; salphina keenyas argi.
2 Apereka cholowa chathu kwa obwera, nyumba zathu kwa alendo.
Handhuuraan keenya alagootaaf, manneen keenyas Namoota Ormaatiif dabarfamanii kennamaniiru.
3 Takhala amasiye ndi wopanda abambo, amayi athu ali ngati akazi amasiye.
Nu ijoollee abbaa hin qabne taane; haadhonni keenya immoo haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
4 Tiyenera kugula madzi amene timamwa, nkhuni zathunso nʼzogula.
Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre; qoraan illee bittaa qofaan arganna.
5 Otilondola atigwira pakhosi; tafowoka ndipo sakutilola kupumula.
Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru; nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
6 Tinadzipereka kwa Aigupto ndi kwa Asiriya kuti tipeze chakudya.
Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
7 Makolo athu anachimwa ndipo anafa kale, koma chilango chawo chili pa ife.
Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban; nu immoo adabbii isaanii baanne.
8 Akapolo akutilamulira, ndipo palibe ndi mmodzi yemwe angatimasule mʼdzanja lawo.
Garbootatu nu bulcha; namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
9 Timapeza chakudya chathu poyika miyoyo yathu pa chiswe chifukwa cha lupanga mʼchipululu.
Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
10 Khungu lathu latentha ngati uvuni mʼngʼanjo, chifukwa cha kuwawa kwa njala.
Gogaan keenya sababii beelaatiin akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
11 Amayi agwiriridwa mu Ziyoni, ndi anamwali mʼmizinda ya Yuda.
Xiyoon keessatti dubartoonni, magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.
12 Akalonga athu akuwapachika pomangirira manja awo, akuluakulu sakuwalemekeza.
Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru; maanguddoonni ulfina hin arganne.
13 Achinyamata akukakamizidwa kupera tirigu; anyamata akudzandira ndi mitolo ya nkhuni.
Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman; ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
14 Akuluakulu anachokapo pa chipata cha mzinda; achinyamata aleka nyimbo zawo.
Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru; dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
15 Chimwemwe chachoka mʼmitima yathu; kuvina kwathu kwasanduka maliro.
Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
16 Chipewa chathu chaufumu chagwa pamutu pathu. Tsoka kwa ife, chifukwa tachimwa!
Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
17 Mitima yathu yakomoka chifukwa cha zimenezi, chifukwa cha zinthu zimenezi maso athu sakuona bwino,
Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
18 pakuti phiri la Ziyoni, limene lasanduka bwinja, nkhandwe zikungoyendayendapo.
Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.
19 Inu Yehova, lamulirani kwamuyaya; mpando wanu waufumu udzakhalabe ku mibadomibado.
Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi; teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
20 Chifukwa chiyani mumatiyiwala nthawi zonse? Chifukwa chiyani mwatitaya nthawi yayitali chotere?
Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta? Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
21 Yehova mutitembenuzire kwa Inu, kuti tibwerere; mukonzenso masiku athu akhale monga akale,
Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi; bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
22 pokhapokha ngati mwatitaya kotheratu, ndi kuti mwatikwiyira kobzola muyeso.
Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte, yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.