< Maliro 1 >

1 Haa! Mzinda uja wasiyidwa wokhawokha, umene kale unali wodzaza ndi anthu! Kale unali wotchuka pakati pa mitundu ya anthu! Tsopano wasanduka ngati mkazi wamasiye. Kale unali mfumukazi ya onse pa dziko lapansi, tsopano wasanduka kapolo.
Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun akkamitti ontee hafte! Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate! Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun amma garbittii taateerti.
2 Ukulira mowawidwa mtima usiku wonse, misozi ili pa masaya pake. Mwa abwenzi ake onse, palibe ndi mmodzi yemwe womutonthoza. Abwenzi ake onse amuchitira chiwembu; onse akhala adani ake.
Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi; maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa. Michoota ishee hunda keessaa kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru; isaan diinota ishee taʼaniiru.
3 Yuda watengedwa ku ukapolo, kukazunzika ndi kukagwira ntchito yolemetsa. Iye akukhala pakati pa anthu a mitundu ina; ndipo alibe malo opumulira. Onse omuthamangitsa iye amupitirira, ndipo alibe kwina kothawira.
Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti. Isheen saboota gidduu jiraatti, lafa itti boqottu illee hin arganne. Warri ishee ariʼan hundi rakkina ishee keessatti ishee qabatan.
4 Misewu yopita ku Ziyoni ikulira, chifukwa palibe ndi mmodzi yemwe akubwera ku maphwando ake. Zipata zake zonse zili pululu, ansembe akubuwula. Anamwali ake akulira, ndipo ali mʼmasautso woopsa.
Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu; namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu tokko iyyuu hin jiruutii. Karrawwan ishee hundi onanii jiru; luboonni ishee ni aadu; shamarran ishee ni gaddu, isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.
5 Adani ake asanduka mabwana ake; odana naye akupeza bwino. Yehova wamubweretsera mavuto chifukwa cha machimo ake ambiri. Ana ake atengedwa ukapolo pamaso pa mdani.
Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru; diinota isheetti toleera. Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif Waaqayyo gadda itti fideera. Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru; fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.
6 Ulemerero wonse wa mwana wamkazi wa Ziyoni wachokeratu. Akalonga ake ali ngati mbawala zosowa msipu; alibe mphamvu zothawira owathamangitsa.
Intala Xiyoon irraa miidhaginni hundi fudhatameera. Ilmaan mootota ishee akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru; isaan dadhabbiidhaan fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.
7 Pa masiku a masautso ndi kuzunzika kwake, Yerusalemu amakumbukira chuma chonse chimene mʼmasiku amakedzana chinali chake. Anthu ake atagwidwa ndi adani ake, panalibe aliyense womuthandiza. Adani ake ankamuyangʼana ndi kumuseka chifukwa cha kuwonongeka kwake.
Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa Yerusaalem qabeenya bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti. Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre. Diinonni ishee ishee ilaalanii badiisa isheetti kolfan.
8 Yerusalemu wachimwa kwambiri ndipo potero wakhala wodetsedwa. Onse amene ankamulemekeza pano akumunyoza, chifukwa aona umaliseche wake. Iye mwini akubuwula ndipo akubisa nkhope yake.
Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette; akkasiinis xuroofte. Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan; isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii; isheen mataan ishee guungumtee of irra garagalti.
9 Uve wake umaonekera pa zovala zake; iye sanaganizire za tsogolo lake. Nʼchifukwa chake kugwa kwake kunali kwakukulu; ndipo analibe womutonthoza. “Inu Yehova, taonani masautso anga, pakuti mdani wapambana.”
Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane; isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne; kufaatiin ishee nama rifachiisa; kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture. “Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali; diinni moʼateeraatii!”
10 Adani amulanda chuma chake chonse; iye anaona mitundu ya anthu achikunja ikulowa mʼmalo ake opatulika, amene Inu Mulungu munawaletsa kulowa mu msonkhano wanu.
Qabeenya ishee hundatti diinni harka isaa diriirseera; isheen Namoota Ormaa warra ati akka isaan waldaa kee hin seenne dhowwite sana utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.
11 Anthu ake onse akubuwula pamene akufunafuna chakudya; asinthanitsa chuma chawo ndi chakudya kuti akhale ndi moyo. “Inu Yehova, taonani ndipo ganizirani, chifukwa ine ndanyozeka.”
Namoonni ishee hundinuu utuma aadanuu buddeena barbaaddatu; isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. “Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus; ani tuffatameeraatii.”
12 “Kodi zimenezi mukuziyesa zachabe, inu nonse mukudutsa? Yangʼanani ndipo muone. Kodi pali mavuto ofanana ndi amene andigwerawa, amene Ambuye anandibweretsera pa tsiku la ukali wake?
“Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii? Naannoo keessan ilaalaatii argaa. Rakkinni akka rakkina koo kan ani ittiin rakkadhe, kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaatti natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?
13 “Anatumiza moto kuchokera kumwamba, unalowa mpaka mʼmafupa anga. Anayala ukonde kuti ukole mapazi anga ndipo anandibweza. Anandisiya wopanda chilichonse, wolefuka tsiku lonse.
“Inni ol gubbaadhaa ibidda erge; ibidda sana lafee koo keessa seensisa. Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee dugda duubatti na deebise; inni kophaatti na hambisee guyyaa guutuu na dadhabsiise.
14 “Wazindikira machimo anga onse ndipo ndi manja ake anawaluka pamodzi. Machimowa afika pakhosi panga, ndipo Ambuye wandithetsa mphamvu. Iye wandipereka kwa anthu amene sindingalimbane nawo.
“Cubbuun koo waanjootti hidhameera; isaan harka isaatiin walitti foʼaman. Isaan morma kootti rarraafaman; gooftaan humna koo dadhabsiise. Inni warra ani of irraa deebisuu hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.
15 “Ambuye wakana anthu anga onse amphamvu omwe ankakhala nane: wasonkhanitsa gulu lankhondo kuti lilimbane nane, kuti litekedze anyamata anga; mʼmalo ofinyira mphesa Ambuye wapondereza anamwali a Yuda.
“Gooftaan gootota na keessatti argaman hunda gateera; inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii waammate. Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.
16 “Chifukwa cha zimenezi ndikulira ndipo maso anga adzaza ndi misozi. Palibe aliyense pafupi woti anditonthoze, palibe aliyense wondilimbitsa mtima. Ana anga ali okhaokha chifukwa mdani watigonjetsa.
“Wanni ani booʼee iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha. Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru; kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru. Sababii diinni humna argateef ijoolleen koo harka duwwaa hafan.”
17 “Ziyoni wakweza manja ake, koma palibe aliyense womutonthoza. Yehova walamula kuti abale ake a Yakobo akhale adani ake; Yerusalemu wasanduka chinthu chodetsedwa pakati pawo.
Xiyoon harka ishee balʼifatteerti; garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif Waaqayyo Yaaqoobitti ajajeera; Yerusaalemis gidduu isaaniitti waan xuraaʼaa taateerti.
18 “Yehova ndi wolungama, koma ndine ndinawukira malamulo ake. Imvani inu anthu a mitundu yonse; onani masautso anga. Anyamata ndi anamwali anga agwidwa ukapolo.
“Waaqayyo qajeelaa dha; taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture. Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa; rakkina koos ilaalaa. Dargaggoonnii fi shamarran koo boojiʼamanii fudhatamaniiru.
19 “Ndinayitana abwenzi anga koma anandinyenga. Ansembe ndi akuluakulu anga anafa mu mzinda pamene ankafunafuna chakudya kuti akhale ndi moyo.
“Ani tumsitoota koo nan waammadhe; isaan garuu na ganan. Luboonni koo fi maanguddoonni koo utuu lubbuu isaanii oolfachuuf nyaata barbaadatanuu magaalaa keessatti dhuman.
20 “Inu Yehova, onani mmene ine ndavutikira! Ndikuzunzika mʼkati mwanga, ndipo mu mtima mwanga ndasautsidwa chifukwa ndakhala osamvera. Mʼmisewu anthu akuphedwa, ndipo ku mudzi kuli imfa yokhayokha.
“Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali! Ani keessa kootti dhiphadheera; garaa koo keessatti raafameera; ani nama akka malee fincilun tureetii. Alaa goraadeen nama qala; mana keessa immoo duʼa qofatu jira.
21 “Anthu amva kubuwula kwanga, koma palibe wonditonthoza. Adani anga onse amva masautso anga; iwo akusangalala pa zimene Inu mwachita. Lifikitseni tsiku limene munalonjeza lija kuti iwonso adzakhale ngati ine.
“Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru; kan na jajjabeessu garuu hin jiru. Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru; isaan waan ati gootetti gammadaniiru. Akka isaan akkuma koo taʼaniif maaloo ati guyyaa jette sana fidi.
22 “Lolani kuti ntchito zawo zoyipa zifike pamaso panu; muwalange ngati mmene mwandilangira ine chifukwa cha machimo anga onse. Ndikubuwula kwambiri ndipo mtima wanga walefuka.”
“Hamminni isaanii hundinuu fuula kee duratti haa dhiʼaatu; waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif natti fidde sana isaanitti illee fidi! Aaduun koo baayʼateeraatii; onneen koos dadhabdeerti.”

< Maliro 1 >