< Oweruza 7 >

1 Yeru-Baala (Gideoni) ndi anthu ake onse anadzuka mʼmamawa nakamanga misasa pambali pa kasupe ku Harodi. Misasa ya Amidiyani inali mʼchigwa kumpoto kwa phiri la More.
Yerub-Baʼaal namichi Gidewoon jedhamu sunii fi namoonni isaa hundi ganama kaʼanii burqaa Harood bira qubatan. Qubanni Midiyaanotaa iddoo namoonni Gidewoon qubatan sanaan karaa kaabaatiin gaara Mooree bira sulula keessa ture.
2 Yehova anati kwa Gideoni, “Anthu uli nawowa andichulukira kwambiri kuti ndigonjetse Amidiyani chifukwa Aisraeli angamadzitukumule pamaso panga ndi kumanena kuti, ‘Tadzipulumutsa ndi mphamvu zathu.’
Waaqayyos Gidewooniin akkana jedhe; “Akka ani Midiyaanota dabarsee harka isaaniitti hin kennineef Israaʼeloonni si wajjin jiran akka male baayʼee dha. Akka sabni Israaʼel, ‘Jabina kootu na oolche’ jedhee natti hin koorreef,
3 Tsono lengeza kwa anthu kuti, ‘Aliyense amene akuchita mantha ndi kunjenjemera abwerere kwawo, ndipo achoke kuno ku phiri la Giliyadi.’” Choncho anthu 22,000 anachoka, ndipo anatsalira anthu 10,000.
‘Namni sodaatee hollate kam iyyuu Tulluu Giliʼaad dhiisee gara mana isaatti haa deebiʼu’ jedhiitii amma sabatti himi.” Kanaafuu namoonni kuma digdamii lama deebiʼanii kuma kudhan achitti hafan.
4 Koma Yehova anawuza Gideoni kuti, “Anthuwa achulukabe. Uwatenge upite nawo ku mtsinje ndipo ndikawayesa kumeneko mʼmalo mwako. Ndikadzanena kuti, ‘Uyu apite nawe’ adzapita nawe; koma ndikanena kuti ‘Uyu asapite nawe,’ sadzapita nawe.”
Waaqayyo garuu Gidewooniin akkana jedhe; “Amma iyyuu namoota baayʼeetu jira. Isaan fudhadhuutii gara bishaaniitti gad buʼi; ani achitti isaan gargari siif foʼa. Yoo ani, ‘Inni kun si wajjin ni deema’ jedhe, inni ni deema; yoo ani, ‘Inni kun si wajjin hin deemu’ jedhe garuu inni hin deemu.”
5 Choncho Gideoni anatenga anthuwo ndi kupita nawo ku madzi. Kumeneko Yehova anamuwuza kuti, “Amene amwe madzi mokhathira ndi manja ngati galu uwayike pawokha, ndipo amene amwe atagwada pansi uwayikenso pawokha.”
Kanaafuu Gidewoon namoota gara bishaaniitti gad buuse. Waaqayyos achitti, “Warra akkuma sareetti arrabaan bishaan dhugan, warra jilbeenfatanii dhugan irraa gargari baasi” isaan jedhe.
6 Ndipo anthu 300 anamwa mokhathira, pamene ena onse anagwada pansi pakumwa.
Namoonni dhibba sadii konyee isaaniitiin waraabbatanii dhugan. Warri hafan hundi garuu dhuguuf jilbeenfatan.
7 Yehova anati kwa Gideoni, “Ndi anthu 300 amene anamwa madzi mokhathira ndi manja awo ndidzakupulumutsani ndipo ndidzapereka Amidiyani mʼmanja mwanu. Koma anthu ena onse apite ku nyumba kwawo.”
Waaqayyo Gidewooniin, “Ani namoota harka isaaniitiin dhugan dhibba sadan kanaan si furee Midiyaanota dabarsee harka keetti nan kenna. Warri kaan hundi gara qeʼee isaaniitti haa deebiʼan” jedheen.
8 Choncho analola anthu ena onse kuti apite ku nyumba zawo kupatula anthu 300 osankhika aja. Iwowa anatenga zakudya ndi malipenga a anthuwo. Ndipo misasa ya ankhondo Amidiyani inali kumunsi kwa chigwa.
Kanaafuu Gidewoon akka Israaʼeloonni hafan hundi gara dunkaana isaaniitti deebiʼan godhee namoota dhibba sadan garuu turfate; isaanis warra kaan irraa galaa fi malakata fudhatan. Qubanni Midiyaanotaas Gidewooniin gad sulula keessa ture.
9 Usiku umenewo Yehova anati kwa Gideoni, “Dzuka, pita kachite nkhondo ku misasayo, chifukwa ndayipereka mʼmanja mwako.
Halkanuma sana Waaqayyo Gidewooniin akkana jedhe; “Kaʼiitii qubata sanatti gad buʼi; ani dabarsee harka keetti siifin kennaatii.
10 Ngati ukuopa, upite ku msasako ndi Pura wantchito wako,
Ati yoo gad buʼuu sodaatte garuu tajaajilaa kee Fuuraa wajjin gara qubata sanaatti gad buʼiitii
11 ndipo ukamvere zimene akunena ndipo pambuyo pake udzalimba mtima ndi kupita kukayithira nkhondo misasayo.” Choncho iye ndi wantchito wake Pura anapita kumbali ina ya msasawo kumene kunali ankhondo.
waan isaan dubbachaa jiran dhagaʼi. Sana booddee qubata sana rukutuudhaaf jabina ni argatta.” Kanaafuu innii fi tajaajilaan isaa Fuuraan gara moggaa qubata sanaatti gad buʼan.
12 Amidiyani, Aamaleki ndi anthu ena onse akummawa anadzaza chigwa chonse ngati dzombe. Ngamira zawo zinali zambiri zosawerengeka ngati mchenga wa mʼmbali mwa nyanja.
Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuutii dhufan hundi akkuma hoomaa hawwaannisaa walitti gobbatanii sululicha keessa qubatanii turan. Baayʼinni gaalawwan isaaniis akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabu ture.
13 Gideoni atafika anangomva munthu wina akuwuza mnzake maloto ake kuti, “Ine ndinalota nditaona dengu la buledi wa barele likugubuduzika kupita ku misasa ya Amidiyani. Litafika linawomba tenti moti inagwa ndi kuphwasukaphwasuka.”
Gidewoonis utuu namichi tokko waaʼee abjuu isaa michuu ofii isaatti himuu achi gaʼe. Namichi sunis akkana jedhe; “Ani abjuu tokko nan abjoodhe; kunoo maxinoon garbuu tokko gangalachaa dhufee qubata Midiyaanotaa irra buʼe. Innis dhufee akka dunkaanni jiguuf humnaan dhaʼe; dunkaanni sunis ni kufe.”
14 Ndipo mnzakeyo anamuyankha kuti, “Iyi ndi nkhondo ya Gideoni mwana wa Yowasi, wa ku Israeli. Mulungu wapereka Amidiyani pamodzi ndi ankhondo ake onse mʼdzanja mwake.”
Michuun isaas deebisee, “Kun goraadee Gidewoon ilma Yooʼaash Israaʼelichaati malee waan biraa miti. Waaqnis Midiyaanotaa fi guutummaa qubata sanaa dabarsee harka Gidewoonitti kenneera” jedhe.
15 Gideoni atamva za malotowo ndi kumasulira kwake, anapembedza Mulungu. Kenaka anabwerera ku msasa wa Israeli nawawuza kuti, “Dzukani popeza Yehova wapereka msasa wa Midiyani mʼmanja mwanu.”
Gidewoon yommuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa dhagaʼetti Waaqaaf sagade. Gara qubata Israaʼelootaattis deebiʼee, “Kaʼaa! Waaqayyo qubata Midiyaanotaa dabarsee harka keessanitti kenneeraa” jedhe.
16 Anawagawa anthu 300 aja magulu atatu, nawapatsa malipenga mʼmanja mwawo ndi mbiya zimene mʼkati mwake munali nsakali zoyaka.
Innis namoota dhibba sadan garee sadiitti qooduudhaan, harka hunda isaaniitti malakataa fi okkotee guci keessa jiru qabachiise.
17 Anawuza anthuwo kuti, “Muzikayangʼana ine ndi kuchita zimene ndizikachita. Ndikakafika kumalire a msasa, mukachite zomwe ndikachita ine.
Gidewoonis akkana isaaniin jedhe; “Na ilaalaa; waan ani hojjedhus hojjedhaa; yommuu ani qarqara qubatichaatti dhiʼaadhutti qalbeeffadhaatii waanuma ani godhu godhaa.
18 Ndikadzaliza lipenga ndi onse amene ali ndi ine, inunso mukalize malipenga kumbali zonse za misasa yonse ndi kufuwula kuti, ‘Lupanga la Yehova ndi la Gideoni.’”
Yeroo anii fi warri na wajjin jiran hundii malakata keenya afuufnutti, isinis naannoo qubatichaa hundatti afuufaatii, ‘Waaqayyoof, Gidewooniifis’ jedhaa iyyaa.”
19 Choncho Gideoni pamodzi ndi amuna 100 omwe anali nawo anafika ku malire a msasa pakati pa usiku, alonda atangosinthana kumene. Iwo analiza malipenga awo ndi kuphwanya mbiya zimene zinali mʼmanja mwawo.
Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sun akkuma waardiyyoonni wal geeddaraniin jalqaba eegumsa walakkaa halkaniitti qarqara qubata sanaa bira gaʼan. Isaanis malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan.
20 Magulu awiri ena aja anayimbanso malipenga ndi kuswa mbiya zawo. Aliyense ananyamula nsakali ya moto ku dzanja lamanzere ndi lipenga ku dzanja lamanja ndipo anafuwula kuti, “Lupanga la Yehova ndi la Gideoni.”
Gareen sadanuu malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan. Harka bitaatti guca, harka mirgaatti immoo malakata afuufan qabatanii, “Goraadee Waaqayyootii fi Gidewoon!” jedhanii iyyan.
21 Aliyense anayima pa malo pake kuzungulira misasa. Ankhondo a mʼmisasa muja anadzuka nayamba kuthawa akufuwula.
Tokkoon tokkoon namaas naannoo qubatichaatti iddoo kennameef qabate; Midiyaanonni hundis iyyaa baqatan.
22 Anthu 300 aja ataliza malipenga, Yehova anawasokoneza ankhondo a Midiyani aja motero kuti ankamenyana okhaokha. Ankhondowo anathawira ku Beti-Sita cha ku Zerera mpaka ku malire a Abeli-Mehola pafupi ndi Tabati.
Yeroo malakanni dhibbi sadan sun afuufametti Waaqayyo akka namni qubata sana keessa ture tokko tokkoon goraadee isaa walitti luqqifatu godhe; raayyaan waraanaas karaa Zereeraatiin gara Beet Shiixaatti, isa biras darbanii hamma daarii Abeel Mehoolaa ishee Xabaati bira jirtu sanaatti baqatanii deeman.
23 Aisraeli a fuko la Nafutali, fuko la Aseri, ndi fuko lonse la Manase anayitanidwa, ndipo iwo anathamangitsa Amidiyaniwo.
Israaʼeloonnis Niftaalem, Aasheerii fi Minaasee hundumaa keessaa waamanii Midiyaanota of dura ariʼan.
24 Gideoni anatumiza amithenga ku dziko lonse la ku mapiri la Efereimu kukanena kuti, “Tsikani mumenyane ndi Amidiyani ndipo mulande madooko awo owolokera mpaka ku Beti-Bara.” Choncho anthu onse a fuko la Efereimu anasonkhana ndipo analanda madooko awo owolokera mpaka ku Betibaala.
Gidewoonis guutummaa biyya gaaraa Efreemitti ergamoota ergee, “Kottaa Midiyaanotatti duulaatii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos isaan dursaatii qabadhaa” jedhe. Kanaafuu namoonni Efreem hundi baʼanii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos qabatan.
25 Iwo anagwiranso atsogoleri awiri a nkhondo a Amidiyani, Orebu ndi Zeebu. Anapha Orebu ku thanthwe la Orebu, koma Zeebu anamuphera ku malo ofinyira mphesa ku Zeebu pothamangitsa Amidiyani. Mitu ya Orebu ndi Zeebu anabwera nayo kwa Gideoni kutsidya kwa Yorodani.
Akkasumas hooggantoota Midiyaanotaa lamaan jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin qabatan. Hereeb kattaa Hereeb biratti Zeʼeeb immoo iddoo wayinii itti cuunfan kan Zeʼeebiitti ajjeesan. Isaanis Midiyaanota ariʼanii mataa Hereebii fi mataa Zeʼeeb gara gama laga Yordaanos Gidewoonitti fidan.

< Oweruza 7 >