< Oweruza 5 >
1 “Tsiku limenelo Debora ndi Baraki mwana wa Abinoamu anayimba nyimbo iyi:
Gaafas Debooraa fi Baaraaqi ilmi Abiinooʼam akkana jedhanii faarfatan:
2 “Popeza kuti atsogoleri anatsogoleradi mʼdziko la Israeli; ndipo anthu anadzipereka okha mwa ufulu, tamandani Yehova:
“Yommuu ilmaan moototaa Israaʼelin hoogganan, yommuu sabni Israaʼelis jaallatee of kennutti Waaqayyoon galateeffadhaa!
3 “Imvani inu mafumu! Tcherani khutu, atsogoleri inu! Ndidzayimba nyimbo, ndidzayimbira Yehova, Mulungu wa Israeli nyimbo yokoma.
“Yaa mootota, waan kana dhagaʼaa! Bulchitoonnis dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon nan faarfadha; amma illee nan faarfadha; Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif nan weeddisa.
4 “Inu Yehova, pamene munkatuluka mu Seiri, pamene mumayenda kuchokera mʼdziko la Edomu, dziko linagwedezeka, mitambo inasungunuka nigwetsa madzi.
“Yaa Waaqayyo, yeroo ati biyya Seeʼiirii baate, yeroo ati biyya Edoomii kaate, lafti ni sochoote; samiiwwanis bokkaa, duumessoonnis bishaan gad roobsan.
5 Mapiri anagwedezeka pamaso pa Yehova, Mulungu wa Israeli.
Tulluuwwan fuula Waaqayyo Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqayyo Waaqa Israaʼel duratti ni raafaman.
6 “Pa nthawi ya Samugara mwana wa Anati, pa nthawi ya Yaeli, misewu inasiyidwa; alendo ankangoyenda mʼtinjira takumbali.
“Bara Ilma Anaat, jabana Shamgaar, bara Yaaʼeel keessa daandiiwwan ni onan; karaa deemtonnis daandii jajalʼaa irra deeman.
7 Anthu a ku midzi anathawa; mu Israeli munalibe midzi mpaka pamene iwe Debora unafika; unafika ngati mayi ku Israeli.
Hamma ani Debooraan, haadha taʼee Israaʼeliif kaʼutti, gandoonni Israaʼel duwwaa hafu.
8 Pamene anasankha milungu ina, nkhondo inabwera ku zipata za mzinda, ndipo chishango kapena mkondo sizinapezeke pakati pa anthu 40,000 mu Israeli.
Yommuu isaan waaqota haaraa filatanitti, waraanni hamma karra magaalaatti dhufe; gaachanni yookaan eeboon tokko, Israaʼeloota kuma afurtama gidduutti hin argamne.
9 Mtima wanga uli ndi atsogoleri a Israeli, uli ndi anthu amene anadzipereka okha mwaufulu pakati pa anthu. Tamandani Yehova!
Garaan koo bulchitoota Israaʼel kanneen fedhiidhaan saba gidduutti argaman wajjin jira. Waaqayyoon leellisaa!
10 “Inu okwera pa abulu oyera, okhala pa zishalo, ndi inu oyenda pa msewu, yankhulani.
“Isin warri harroota adaadii yaabbatan, warri kooraa baladii qabu irra teessan, warri karaa irra deemtan hubadhaa;
11 Ku zitsime, kutali ndi phokoso la a mauta; kumeneko akusimba za kuti Yehova wapambana; akusimba kuti Yehova walipsira anthu ake mu Israeli. “Choncho anthu a Yehova anasonkhana ku zipata za mzinda.
sagalee faarfattootaa dhagaʼaa. Isaan hojii qajeelummaa Waaqayyoo, hojii qajeelummaa loltoonni isaa Israaʼel keessatti godhan odeessu. “Ergasii saboonni Waaqayyoo, gara karra magaalattiitti gad buʼan.
12 Anati, ‘Tsogolera ndiwe, Debora, tsogolera; tsogolera ndiwe, tsogolera, imba nyimbo. Iwe Baraki! nyamuka Tsogolera akapolo ako, iwe mwana wa Abinoamu.’
‘Yaa Debooraa! Dammaqi; dammaqi; dammaqi; dammaqi; faarfannaas faarfadhu! Yaa Baaraaqi! Dammaqi; yaa ilma Abiinooʼam boojiʼamtoota kee boojiʼii fudhadhu.’
13 “Kenaka anthu okhulupirika anatsatira atsogoleri awo; anthu a Yehova anapita kukamenyera Yehova nkhondo kulimbana ndi adani amphamvu.
“Namoonni hafanis, gara warra gurguddaatti gad buʼan; sabni Waaqayyoos, akka loltuu jabaatti gara koo dhufe.
14 Anakalowa mʼchigwa kuchokera ku Efereimu; akutsatira iwe Benjamini ndi abale ako. Akulu a ankhondo anachokera ku Makiri, ndipo onyamula ndodo ya udindo anachokera ku Zebuloni.
Warri hiddi isaanii Amaaleq keessa jiru tokko tokkos Efreem dhufan; Beniyaamis namoota si duukaa buʼan wajjin ture. Ajajjoonni loltoota Maakiir, warri bokkuu ajajjuu qabatanis Zebuuloonii gad buʼan.
15 Olamulira a Isakara anali pamodzi ndi Debora; inde, anthu ochokera ku Isakara anatsatanso Baraki, ndipo anathamangira ku chigwa akumutsatira. Koma pakati pa mafuko a Rubeni panali kusinkhasinkha mtima kwambiri osadziwa chenicheni choyenera kuchita.
Hangafoonni Yisaakor Debooraa wajjin turan; Yisaakoris Baaraaqi wajjin ture; innis Baaraaqi wajjin gara sululaatti gad buʼe. Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaatu ture.
16 Chifukwa chiyani munangokhala ku makola a nkhosa nʼkumangomvetsera zitoliro zoyitanira nkhosa? Pakati pa anthu a fuko la Rubeni panali kusinkhasinkha mtima kwambiri osadziwa chenicheni choyenera kuti achite.
Ati maaliif marʼachuu isaanii dhagaʼuuf jettee gola bushaayee keessa turte? Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaa isaatu ture.
17 Agiliyadi anatsala pa tsidya la Yorodani. Ndipo nʼchifukwa chiyani anthu afuko la Dani anatsarira mʼsitima za pa madzi? Aseri anali pa gombe la Nyanja; anangokhala mʼmadooko mwawo.
Giliʼaad Yordaanos gama taaʼe; Daan maaliif dooniiwwan keessatti hafe? Aasheer qarqara galaanaatti hafe; buufata isaa keessas ture.
18 Azebuloni ndi anthu amene anayika moyo wawo mʼzoopsa. Nawonso anthu a fuko la Nafutali anayika miyoyo yawo pa chiswe pomenya nkhondo pamwamba pa mapiri.
Sabni Zebuuloon duʼaaf of saaxile; Niftaalemis gaarran biyya isaa irratti akkasuma godhe.
19 “Mafumu anabwera, anachita nkhondo; mafumu Akanaani anachita nkhondo ku Tanaki pafupi ndi madzi a ku Megido, koma sanatengeko zofunkha zasiliva.
“Mootonni dhufanii lolan; mootonni Kanaʼaanis Taʼanaakitti bishaanota Megidoo biratti lolan; boojuu meetii tokko illee hin fudhanne.
20 Ngakhalenso nyenyezi zakumwamba zinachita nkhondo, zinathira nkhondo Sisera, zikuyenda mʼnjira zake.
Samii keessaa urjiiwwan ni lolan; adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
21 Mtsinje wa Kisoni unawakokolola, chigumula cha mtsinje wa Kisoni chinawakokolola. Mtima wanga, yenda mwamphamvu, limbika!
Lagni durii, lagni Qiishoon, lagni Qiishoon sun haxaaʼee isaan fudhate. Yaa lubbuu ko, jabaadhuu fuul duratti deemi!
22 Ndipo ziboda za ngʼombe zazimuna zinachita phokoso lalikulu, akavalo ali pa liwiro, akuthamanga kwambiri.
Kotteen fardeenii guddisee didiche; ni gulufan; jabeessaniis gulufan.
23 Mngelo wa Yehova anati ‘Tembererani Merozi.’ ‘Tembererani nzika zake mwaukali, chifukwa sanabwere kudzathandiza Yehova, kulimbana ndi adani ake amphamvu.’
Ergamaan Waaqayyoos, ‘Meerozin abaaraa. Saba ishees jabeessaatii abaaraa; akka Waaqayyo warra jajjabootti kaʼu gargaaruudhaaf, isaan Waaqayyoon gargaaruudhaaf hin dhufneetii’ jedhe.
24 “Akhale wodala kupambana akazi onse, Yaeli mkazi wa Heberi Mkeni; inde mwa akazi onse okhala mʼdziko, akhale wodala iyeyu.
“Yaaʼeel niitiin Hebeer Qeenichaa sun dubartoota hunda keessaa haa eebbifamtu; isheen dubartoota dunkaana keessa jiraatan hunda keessaa haa eebbifamtu.
25 Munthu uja anapempha madzi akumwa, koma iye anamupatsa mkaka; anamupatsa chambiko mʼchikho cha wolemekezeka.
Inni bishaan kadhate; isheen immoo aannan kenniteef; qabee ulfinaatti itittuu dhiʼeessiteef.
26 Anatenga chikhomo cha tenti mʼdzanja lake, anatenganso nyundo ndi dzanja lake lamanja. Ndipo anakhoma nacho Sisera, anamuphwanya mutu wake, ndi kumubowola mu litsipa mwake.
Harka ishee gara qofoo dunkaanaatti hiixatte; harka ishee mirgaatiin burruusa fudhatte; isheenis Siisaaraa dhooftee mataa isaa buruqsite; waraantees illee isaa keessa fullaafte.
27 Anathifukira ku mapazi a mkaziyo nagwa, anagwa; iye anagona pamenepo. Anagwera pa mapazi a mkaziyo, iye anagwa; pamene anagwera, pamenepo anaferapo.
Innis miilla ishee jalatti gombifame; kufee diriires. Miilla ishee jalatti gombifame; ni kufe; iddoo gombifamettis kufee duʼe.
28 “Amayi ake a Sisera anasuzumira pa zenera; nafuwula mokweza kuti, ‘Nʼchifukwa chiyani galeta lake lachedwa kufika? Nʼchifukwa chiyani phokoso la magaleta ake silikumveka?’
“Haati Siisaaraa foddaa keessaan gad ilaalte; qaawwa keessaanis iyyitee, ‘Gaariin isaa maaliif dhufuuf lafa irra harkifate? Didichuun gaariiwwan isaa maaliif ture?’ jette.
29 Amayi ake anzeru kwambiri anamuyankha, ndithudi, mwiniwake anadziyankha yekha kuti,
Dubartoota ishee keessaa isheen ogeettiin deebii kenniteef; taʼus isheen ofuma isheetiin deebiftee,
30 ‘Kodi iwo sakufunafuna zofunkha kuti agawane; akugawana wankhondo aliyense mtsikana mmodzi kapena awiri. Sisera akumupatsa zofunkha: zovala zonyikidwa mu utoto, zoti ndizivala mʼkhosi zovala zopeta zonyika mu utoto, ndi zopeta zomavala mʼkhosi?’
‘Isaan boojuu argatanii addaan qoodachuutti jiru mitii? Tokkoon tokkoon namaa dubartii tokko tokko yookaan lama lama argata mitii? Siisaaraadhaaf uffanni boojuu kan halluudhaan faayeffame, uffanni halluudhaan miidhagfamee hodhame, morma kootiif immoo uffata akka malee miidhagfamee hodhame qoodu mitii? Kun hundi boojuu dha.’
31 “Choncho Yehova! adani anu onse awonongeke, koma iwo amene amakukondani inu akhale ngati dzuwa pamene lituluka ndi mphamvu zake.” Ndipo dziko linakhala pa mtendere zaka makumi anayi.
“Kanaafuu yaa Waaqayyo, diinonni kee hundi haa barbadaaʼani! Warri si jaallatan garuu akka biiftuu, ishee humna guutuun baatu sanaa haa taʼan.” Ergasii biyyattiin waggaa afurtama nagaa argatte.