< Yobu 15 >

1 Pamenepo Elifazi wa ku Temani anayankha kuti,
Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
2 “Kodi munthu wanzeru angayankhe ndi mawu achabechabe otere, kapena angakhutitse mimba yake ndi mphepo yotentha yochokera kummawa?
“Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa? Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa?
3 Kodi angathe kutsutsa ndi mawu opanda pake, kapena kuyankhula mawu opanda phindu?
Inni dubbii faayidaa hin qabneen, haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa?
4 Koma iwe ukuchepetsa zoopa Mulungu ndipo ukutchinga zodzikhuthulira kwa Mulungu.
Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta; Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita.
5 Tchimo lako ndiye likuyankhulitsa pakamwa pakopo; ndipo watengera mayankhulidwe a atambwali.
Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti; atis afaan jalʼootaa filatta.
6 Pakamwa pakopo ndiye pakukutsutsa osati pakamwa panga; milomo yakoyo ikukutsutsa.
Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti; arrabuma keetu ragaa sitti taʼa.
7 “Kodi ndiwe munthu woyamba kubadwa? Kodi unalengedwa mapiri asanalengedwe?
“Situ nama hunda dura dhalatee? Yookaan situ tulluuwwan dura argamee?
8 Kodi unali mʼgulu la alangizi a Mulungu? Kodi ukudziyesa wanzeru ndiwe wekha?
Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa? Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa?
9 Kodi iwe umadziwa chiyani chimene ife sitichidziwa? Kodi iwe uli ndi chidziwitso chanji chimene ife tilibe?
Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali? Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali?
10 Anthu a imvi ndi okalamba ali mbali yathu, anthu amvulazakale kupambana abambo ako.
Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran, warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru.
11 Kodi mawu otonthoza mtima ochokera kwa Mulungu sakukukwanira, mawu oyankhula mofatsawa kwa iwe?
Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu, dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee?
12 Chifukwa chiyani ukupsa mtima, ndipo chifukwa chiyani ukutuzula maso ako,
Yaadni kee maaliif si fudhatee bada? Ijas maaliif babaafta?
13 moti ukupsera mtima Mulungu ndi kuyankhula mawu otero pakamwa pako?
Wanni akka ati Waaqatti aartu, akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali?
14 “Kodi munthu nʼchiyani kuti nʼkukhala woyera mtima kapena wobadwa mwa amayi nʼchiyani kuti nʼkukhala wolungama mtima?
“Akka qulqulluu taʼuuf namni maali? Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali?
15 Ngati Mulungu sakhulupirira ngakhale angelo ake, ngakhale zakumwamba sizoyera pamaso pake,
Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
16 nanga kuli bwanji munthu amene ndi wonyansa ndi wa njira zokhotakhota, amene kuchita zoyipa kuli ngati kumwa madzi.
yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!
17 “Mvetsera kwa ine ndipo ndidzakufotokozera; ndilole ndikuwuze zimene ndaziona,
“Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa; waanan arges sitti nan hima;
18 zimene anandiphunzitsa anthu anzeru, sanandibisire kalikonse kamene anamva kuchokera kwa makolo awo.
waan namoonni ogeeyyiin waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin odeessan sana nan dubbadha;
19 (Ndi kwa iwowa kumene dziko lino linaperekedwa pamene panalibe mlendo wokhala pakati pawo).
biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte; alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne.
20 Munthu woyipa amavutika ndi masautso masiku onse a moyo wake, munthu wankhanza adzavutika zaka zake zonse.
Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu, gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata.
21 Amamva mawu owopsa mʼmakutu mwake, pamene zonse zikuoneka ngati zili bwino, anthu achifwamba amamuthira nkhondo.
Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya; utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu.
22 Iye sakhulupirira kuti angathe kupulumuka ku mdima wa imfa; iyeyo ndi woyenera kuphedwa.
Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu; goraadeetu isa eeggata.
23 Amangoyendayenda pali ponse kunka nafuna chakudya; amadziwa kuti tsiku la mdima lili pafupi.
Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora; akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka.
24 Masautso ndi nthumanzi zimamuchititsa mantha kwambiri; zimamugonjetsa iye monga imachitira mfumu yokonzekera kukathira nkhondo,
Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu; akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu;
25 chifukwa iye amatambasula dzanja lake kuyambana ndi Mulungu ndipo amadzitama yekha polimbana ndi Wamphamvuzonse.
inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera;
26 Amapita mwa mwano kukalimbana naye atanyamula chishango chochindikala ndi cholimba.
gaachana yabbuu fi jabaa qabatee isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera.
27 “Ngakhale nkhope yake ndi yonenepa ndipo mʼchiwuno mwake muli mnofu wambiri,
“Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu,
28 munthuyo adzakhala mʼmizinda yowonongeka ndi mʼnyumba zosayenera kukhalamo anthu, nyumba zimene zikugwa ndi kuwonongeka.
inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa, manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata.
29 Iye sadzalemeranso ndipo chuma chake sichidzakhalitsa, ngakhale minda yake sidzabala zipatso pa dziko lapansi.
Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu.
30 Iyeyo sadzapulumuka mu mdimamo; lawi lamoto lidzawumitsa nthambi zake, ndipo mpweya wochokera mʼkamwa mwa Mulungu udzamusesa.
Inni dukkana jalaa hin baʼu; arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa; hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata.
31 Asadzinyenge yekha podalira zinthu zachabechabe, pakuti pa mapeto pake sadzaphulapo kanthu.
Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef, waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin.
32 Iye adzalandira malipiro ake nthawi yake isanakwane, ndipo nthambi zake sizidzaphukanso.
Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga; dameen isaas hin lalisu.
33 Iye adzakhala ngati mtengo wamphesa wopululidwa zipatso zake zisanapse, adzakhala ngati mtengo wa olivi umene wayoyola maluwa ake.
Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee, akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa.
34 Pakuti anthu osapembedza Mulungu adzakhala osabala ndipo moto udzapsereza nyumba za onse okonda ziphuphu.
Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena; ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba.
35 Iwo amalingalira zaupandu ndipo amachita zoyipa; mtima wawo umakonzekera zachinyengo.”
Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan; garaan isaaniis jalʼina yaada.”

< Yobu 15 >