< Yobu 13 >
1 “Ndaziona ndi maso anga zonsezi, ndazimva ndi makutu anga ndipo ndazimvetsa.
“Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera.
2 Zimene inu mukudziwa, inenso ndimazidziwa; ineyo sindine munthu wamba kwa inu.
Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti.
3 Koma ine ndikulakalaka nditayankhula ndi Wamphamvuzonse ndi kukamba mlandu wanga ndi Mulungu.
Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada.
4 Koma inu mukundipaka mabodza; nonsenu ndinu asingʼanga opanda phindu!
Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha!
5 Achikhala munangokhala chete nonsenu! Apo mukanachita zanzeru.
Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa.
6 Tsopano imvani kudzikanira kwanga; imvani kudandaula kwa pakamwa panga.
Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa.
7 Kodi inu mudzayankhula moyipa kuyankhulira Mulungu? Kodi mudzayankhulira Iyeyo mwachinyengo?
Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu?
8 Kodi mudzaonetsa kuti Iyeyo ngokondera? Kodi inu mudzamuteteza Mulungu pa mlandu wake?
Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu?
9 Mulungu atayangʼanitsitsa, inu nʼkukupezani wosalakwa? Kodi inu mungamunamize Iye monga momwe munganamizire munthu?
Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu?
10 Ndithudi, Iye angathe kukudzudzulani ngati muchita zokondera mseri.
Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama.
11 Kodi ulemerero wake sungakuopseni? Kodi kuopsa kwake sikungakuchititseni mantha?
Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu?
12 Mawu anu anzeru ali ngati miyambi yopanda tanthauzo; mawu anu odzitchinjirizira ali ngati mpanda wadothi.
Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti.
13 “Khalani chete ndipo ndilekeni ndiyankhule; tsono zimene zindichitikire zichitike.
“Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu.
14 Chifukwa chiyani ndikuyika moyo wanga pa chiswe ndi kutengera mʼmanja moyo wangawu?
Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha?
15 Ngakhale Iye andiphe, komabe ndidzamukhulupirira; ndithu, ndidzafotokoza mlandu wanga pamaso pake.
Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
16 Zoonadi, ichi ndiye chidzakhala chipulumutso changa pakuti palibe munthu wosapembedza amene angafike pamaso pake!
Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii!
17 Mvetserani mosamala mawu anga; makutu anu amve zimene ndikunena.
Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu.
18 Pakuti tsopano ndawukonzekera mlandu wanga, ndikudziwa ndipo adzandipeza wolungama.
Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka.
19 Kodi alipo wina amene angatsutsane nane? ngati zili choncho, ndidzakhala chete ndi kufa.
Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas.
20 “Inu Mulungu, ndipatseni zinthu ziwiri izi, ndipo pamenepo ine sindidzakubisalirani:
“Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu.
21 Muchotse dzanja lanu pa ine, ndipo muleke kundichititsa mantha ndi kuopsa kwanuko.
Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin.
22 Tsono muyitane ndipo ndidzayankha, kapena mulole kuti ine ndiyankhule ndipo Inu muyankhe.
Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita.
23 Kodi zolakwa zanga ndi zingati ndipo machimo anga ndi angati? Wonetseni kulakwa kwanga ndi machimo anga.
Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi.
24 Chifukwa chiyani mukundifulatira ndi kundiyesa ine mdani wanu?
Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta?
25 Kodi mudzazunza tsamba lowuluka ndi mphepo? Kodi mudzathamangitsa mungu wowuma?
Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa?
26 Pakuti Inu mwalemba zinthu zowawa zonditsutsa nazo ndipo mukundipaka machimo a pa ubwana wanga.
Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta.
27 Inu mwamanga miyendo yanga ndi maunyolo. Mumayangʼanitsitsa mayendedwe anga onse poyika zizindikiro pamene mapazi anga apondapo.
Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta.
28 “Motero munthu amatha ngati chinthu chofumbwa, ngati chovala chodyedwa ndi njenjete.
“Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.