< Yeremiya 21 >

1 Mfumu Zedekiya inatuma Pasuri mwana wa Malikiya ndi wansembe Zefaniya mwana wa Maseya kwa Yeremiya.
Yeroo Zedeqiyaa Mootichi Phaashihuur ilma Malkiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaasitti ergetti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Jarri ergamanis akkana jedhan;
2 Iwo amati akanene kwa Yeremiya mawu akuti, “Tinenere kwa Yehova chifukwa Nebukadinezara mfumu ya Babuloni akutithira nkhondo. Mwina mwake Yehova nʼkutichitira zodabwitsa kuti Nebukadinezarayo achoke kwathu kuno.”
“Sababii Nebukadnezar mootichi Baabilon nu waraanaa jiruuf Waaqayyoon nuu gaafadhu. Tarii Waaqayyo akkuma duraan godhe sana hojiiwwan dinqii nuuf hojjetee akka mootichi nurraa deebiʼu ni godha taʼaatii.”
3 Koma Yehova anawuza Yeremiya kuti ayankhe Pasuri ndi Zefaniya kuti, “Kamuwuzeni Zedekiya kuti,
Ermiyaas garuu akkana isaaniin jedhe; “Zedeqiyaadhaan akkana jedhaa;
4 ‘Yehova, Mulungu wa Israeli akuti ndikulandeni zida zimene zili mʼmanja mwanu zimene mukugwiritsa ntchito polimbana ndi mfumu ya ku Babuloni ndi ankhondo ake amene akuzingani kunja kwa lingali. Ndipo ndidzasonkhanitsa zidazo mʼkati mwa mzindawu.
‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani miʼoota waraanaa harka keessan jiran, kanneen isin ittiin mootii Baabilonii fi Baabilonota isin marsanii dallaan ala jiran loluuf itti fayyadamtan kana isinitti nan garagalcha. Anis magaalaa kana keessatti isaan walitti nan qaba.
5 Ineyo mwini wakene ndi mkono wotambasula ndi dzanja lamphamvu, ndidzachita nanu nkhondo ndili wokwiya, wokalipa ndi waukali.
Ani mataan koo harka diriirfamee fi irree jabaadhaan, aarii bobaʼuu fi dheekkamsa guddaadhaan waraana isinitti nan bana.
6 Ndidzakantha amene amakhala mu mzinda muno, anthu pamodzi ndi zirombo, ndipo zidzafa ndi mliri woopsa.
Ani waan magaalaa kana keessa jiraatu jechuunis namaa fi horii nan dhaʼa; isaanis dhaʼicha hamaadhaan dhumu.
7 Pambuyo pake, ndidzapereka Zedekiya mfumu ya ku Yuda, nduna zake pamodzi ndi anthu a mu mzinda muno amene adzapulumuke pa nthawi ya mliri, lupanga ndi njala kwa Nebukadinezara mfumu ya ku Babuloni ndi kwa adani awo amene ankafuna kuwapha. Iye adzawapha ndi lupanga. Sadzawachitira chifundo kapena kuwamvera chisoni kapenanso kuwakomera mtima.’
Anis ergasii, jedha Waaqayyo, Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi jiraattota magaalaa kanaa kanneen dhaʼicha jalaa, goraadee fi beela jalaa baʼan Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi diinota isaanii kanneen lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna. Mootichis goraadeedhaan isaan fixa; inni isaaniif hin hilu yookaan hin naʼuuf yookaan garaa hin laafuuf.’
8 “Yehova anati ndiwawuzenso anthu amenewa kuti asankhe pakati pa moyo ndi imfa.
“Amma illee akkana jedhii saba kanatti himi; Waaqayyo akkana jedha: ‘kunoo, ani karaa jireenyaatii fi karaa duʼaa fuula keessan dura nan kaaʼa.
9 Aliyense amene akhale mu mzinda muno adzaphedwa ndi lupanga, njala kapena mliri. Koma aliyense amene apite kukadzipereka kwa Ababuloni amene akuzinganiwa adzakhala ndi moyo, adzapulumuka.
Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeedhaan, beelaan yookaan dhaʼichaan duʼa. Namni gad baʼee Baabilonota isin marsanii jiranitti harka kennatu kam iyyuu garuu ni jiraata; lubbuu isaas ni oolfata.
10 Ine ndatsimikiza kuchitira mzinda uno choyipa osati chabwino, akutero Yehova. Udzaperekedwa mʼdzanja la mfumu ya ku Babuloni, ndipo iyeyo adzawutentha ndi moto.
Ani magaalaa kanaaf waan gaarii gochuuf utuu hin taʼin ishee miidhuuf kutadheera, jedha Waaqayyo. Isheenis dabarfamtee harka mootii Baabilonitti ni kennamti; inni immoo ibiddaan ishee barbadeessa.’
11 “Komanso, uwuze banja laufumu la Yuda kuti, ‘Imva mawu a Yehova;
“Akkasumas mana mootii Yihuudaatiin akkana jedhi; ‘Isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
12 inu a mʼbanja la Davide, Yehova akuti, “‘Weruzani mwachilungamo mmawa uliwonse; pulumutsani mʼdzanja la wozunza aliyense amene walandidwa katundu wake, kuopa kuti ukali wanga ungabuke ndi kuyaka ngati moto wosazimitsika chifukwa cha zoyipa zimene mwachita.
Yaa mana Daawit, Waaqayyo akkana jedha: “‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa; nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa; yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa; namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu.
13 Ndidzalimbana nanu, inu amene mukukhala pamwamba pa chigwa, inu okhala ngati thanthwe lapachidikha, akutero Yehova. Inu amene mumanena kuti, ‘Ndani amene angabwere kudzalimbana nafe? Ndani amene angathe kulowa mʼmalinga mwathu?’
Yaa ishee sulula kanaan ol dirree kattaa qabu irra jiraattu, ani sitti kaʼeen jira, jedha Waaqayyo; isin warri, “Eenyuttu nutti dhufuu dandaʼa? Eenyutus daʼannoo keenya seenuu dandaʼa?” jettan,
14 Ndidzakulangani molingana ndi ntchito zanu, akutero Yehova. Ndidzatentha nkhalango zanu; moto udzapsereza zonse zimene zakuzungulirani.’”
ani akkuma hojii keessaniif malutti isinan adaba, jedha Waaqayyo. Ani ibidda waan naannoo keessan jiru hunda barbadeessu bosona keessanitti nan qabsiisa.’”

< Yeremiya 21 >