< Yeremiya 14 >
1 Awa ndi mawu amene Yehova anamuwuza Yeremiya onena za chilala:
Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
2 “Yuda akulira, mizinda yake ikuvutika; anthu ake adzigwetsa pansi mwachisoni, kulira kwa Yerusalemu kwakula.
“Yihuudaan ni boossi; magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru; isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu; iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira.
3 Anthu awo wolemekezeka akutuma antchito awo kuti akatunge madzi. Apita ku zitsime osapezako madzi. Choncho amabwerera ndi mitsuko yopanda madzi. Amanyazi ndi othedwa nzeru adziphimba kumaso.
Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu; isaanis gara boolla bishaanii dhaqu; garuu bishaan hin argatan. Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu; isaan qaanaʼanii abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
4 Popeza pansi pawumiratu chifukwa kulibe madzi, alimi ali ndi manyazi ndipo amphimba nkhope zawo.
Sababii biyyattii keessaa bokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe; qonnaan bultoonnis abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
5 Ngakhale mbawala yayikazi ikusiya mwana wake wakhanda ku thengo chifukwa kulibe msipu.
Sababii margi hin jirreef, borofni bakkee iyyuu ilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti.
6 Mbidzi zikuyima pa zitunda zopanda kanthu nʼkumapuma wefuwefu ngati nkhandwe; maso awo achita chidima chifukwa chosowa msipu.”
Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii akkuma waangotaa arganu; sababii waan dheedan dhabaniif iji isaanii waa arguu dadhabe.”
7 Anthu akuti, “Ngakhale machimo athu akutitsutsa, koma Inu Yehova chitanipo kanthu chifukwa cha dzina lanu. Pakuti kusakhulupirika kwathu nʼkwakukulu; ife takuchimwirani.
Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi. Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera; nu cubbuu sitti hojjenneerra.
8 Inu Yehova amene Aisraeli amakukhulupirirani ndi amene mumawapulumutsa pa nthawi ya masautso, chifukwa chiyani mukukhala ngati mlendo mʼdziko muno? Chifukwa chiyani muli ngati wapaulendo amene akungogona tsiku limodzi?
Yaa abdii Israaʼel, Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa, ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuu biyyattii keessatti akkuma keessummaa taata?
9 Chifukwa chiyani muli ngati munthu amene wadzidzimutsidwa, kapena ngati wankhondo amene alibe mphamvu yopulumutsa? Komabe Inu Yehova, muli pakati pathu, ndipo tikudziwika ndi dzina lanu; musatitaye ife!”
Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo, akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata? Yaa Waaqayyo, ati nu gidduu jirta; nu maqaa keetiin waamamna; ati nu hin gatin.
10 Zimene Yehova akunena za anthuwa ndi izi: “Iwo amakonda kuyendayenda kwambiri; samatha kudziretsa. Nʼchifukwa chake Ine Yehova sindingawalandire, ndipo tsopano ndidzakumbukira zoyipa zawo ndi kuwalanga chifukwa cha machimo awo.”
Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha: “Isaan jooruu jaallatu; miilla isaanii hin ittifatan. Kanaafuu Waaqayyo isaanitti hin gammadu; inni amma hammina isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.”
11 Kenaka Yehova anandiwuza kuti, “Usawapempherere anthu awa kuti zinthu ziwayendere bwino.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.
12 Ngakhale asale zakudya, Ine sindidzamva kulira kwawo; ngakhale apereke nsembe zopsereza ndi chopereka cha chakudya, sindidzazilandira. Mʼmalo mwake, ndidzawapha ndi lupanga, njala ndi mliri.”
Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
13 Koma ine ndinati, “Aa, Ambuye Yehova, aneneri amawawuza anthuwo kuti, sadzaphedwa ndi lupanga kapena kuvutika ndi njala. Koma kuti Inu mudzawapatsa mtendere wokhawokha pamalo pano.”
Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
14 Ndipo Yehova anandiwuza kuti, “Ndi zabodza kuti aneneriwa akunenera mʼdzina langa. Ine sindinawatume kapena kuwasankha kapenanso kuyankhula nawo. Iwo amakuwuzani zinthu zabodza zomwe amati anaziona mʼmasomphenya, kapena pogwiritsa ntchito mawula achabechabe. Zimene amayankhula ndi zongopeka mʼmutu mwawo.
Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.
15 Nʼchifukwa chake Ine Yehova ndikuti aneneri amenewa akulosera mʼdzina langa pamene Ine sindinawatume. Iwo amati simudzafa pa nkhondo kapena ndi njala mʼdziko muno. Koma tsono ndi iwowo, aneneriwa amene adzafe pa nkhondo kapena ndi njala.
Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.
16 Ndipo anthu amene anawaloserawo adzaponyedwa mʼmisewu ya mu Yerusalemu atafa ndi njala ndi lupanga. Sipadzapezeka wowayika mʼmanda popeza iwowo, akazi awo, ana awo aamuna, onse adzakhala atafa. Ine ndidzawagwetsera chilango chowayenera.
Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
17 “Awuze mawu awa: “‘Maso anga akugwetsa misozi kosalekeza usana ndi usiku; chifukwa anthu anga okondedwa apwetekeka kwambiri, akanthidwa kwambiri.
“Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu: “‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaan haa lolaasu; intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootii akka malee madooftee dhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte.
18 Ndikapita kuthengo, ndikuona amene aphedwa ndi lupanga; ndikapita mu mzinda, ndikuona amene asakazidwa ndi njala. Ngakhale aneneri pamodzi ndi ansembe onse atengedwa.’”
Ani yoon baadiyyaa dhaqe, warra goraadeedhaan dhuman nan arga; yoon magaalaa seene immoo, warra beelaan dhuman nan arga. Raajonnii fi luboonni biyya hin beekne keessa jooru.’”
19 Kodi anthu a ku Yuda mwawakana kwathunthu? Kodi mtima wanu wanyansidwa nawo anthu a ku Ziyoni? Chifukwa chiyani mwatikantha chotere kuti sitingathenso kuchira? Ife tinayembekezera mtendere koma palibe chabwino chomwe chabwera, tinayembekezera kuchira koma panali kuopsezedwa kokhakokha.
Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa? Xiyooniinis ni tuffattaa? Ati maaliif akka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita? Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu raafama qofatu jira.
20 Inu Yehova, ife tikuvomereza kuyipa kwathu ndiponso kulakwa kwa makolo athu; ndithu ife tinakuchimwiranidi.
Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi yakka abbootii keenyaa ni beekna; nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.
21 Musatikane kuopa kuti dzina lanu linganyozedwe; musanyoze mpando wanu waufumu waulemerero. Kumbukirani pangano lanu ndi ife ndipo musachiphwanye.
Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin; teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin. Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu; isas hin cabsin.
22 Mwa milungu yachabechabe ya anthu a mitundu ina, kodi pali mulungu amene angagwetse mvula? Ife chikhulupiriro chathu chili pa Inu, popeza Inu nokha ndinu Yehova Mulungu wathu amene mukhoza kuchita zimenezi.
Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa? Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu? Yaa Waaqayyo Waaqni keenya suma mitii? Kanaafuu abdiin keenya suma; situ waan kana hunda hojjetaatii.