< Yesaya 22 >
1 Uthenga wonena za Chigwa cha Masomphenya: Kodi chachitika nʼchiyani, kuti nonsenu mukwere pa madenga?
Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa: Amma maaltu isin rakkisee isin hundi fiixee manaatti ol baatan?
2 Iwe mzinda wodzaza ndi chisangalalo chodzaza tsaya, iwe mzinda waphokoso ndi wosokonekera? Anthu ako ophedwa aja sanaphedwe ndi lupanga, kapena kufera pa nkhondo.
Yaa magaalaa wacaan guutamte, yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu, namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne yookaan waraana keessatti hin dhumne.
3 Atsogoleri ako onse ngakhale anathawa limodzi; koma anagwidwa osadziteteza nʼkomwe. Inu munapezeka ndipo nonse pamodzi munatengedwa ukapolo, ngakhale munathawa pamene mdani akanali patali.
Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan; isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman. Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.
4 Nʼchifukwa chake Ine ndinati, “Chokani pamaso panga; ndilekeni ndilire ndi mtima wowawa. Musayesere kunditonthoza chifukwa cha kuwonongeka kwa anthu anga.”
Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa; ani hiqqifadhee nan booʼa. Badiisa saba koo irratti na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
5 Lero Ambuye Yehova Wamphamvuzonse walola kuti tione mavuto ndi kugonjetsedwa ndiponso chisokonezo mʼChigwa cha Masomphenya. Malinga agumuka, komanso anthu akanalira mofuwula ku mapiri.
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa, dhidhiitamuutii fi burjaajii, akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi tulluuwwanittis iyyuu qaba.
6 Ankhondo a ku Elamu anadza pa magaleta ndi akavalo ali ndi mivi mʼmanja. Ankhondo a ku Kiri anakonzeka ndi zishango.
Eelaam manʼee xiyyaa qabattee gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati; Qiiris gaachana ishee qabatti.
7 Zigwa zanu zachonde ndi zodzaza ndi magaleta, ndipo asilikali okwera pa akavalo ayikidwa pa zipata za mzinda;
Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru; abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
8 zonse zoteteza Yuda zachotsedwa. Ndipo tsiku limenelo munayangʼanayangʼana zida zankhondo zomwe zinali mʼnyumba yaufumu ya nkhalango;
Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera. Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa keessa jiru sana abdatta.
9 inu munaona kuti makoma ambiri a mzinda wa Davide anali ndi malo ambiri ogumuka; munasunga madzi mu chidziwe chakumunsi.
Dallaan Magaalaa Daawit karaa baayʼee akka urame argitaniirtu; Haroo Gad aanaa keessattis bishaan kuufattaniirtu.
10 Munawerenga nyumba zonse za mu Yerusalemu ndipo munagwetsa nyumba zina kuti mulimbitse linga logumuka lija.
Isin manneen Yerusaalem lakkooftan; dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.
11 Pakati pa makoma awiri munamanga chitsime chosungiramo madzi ochokera ku dziwe lakale, koma inu simunadalire Mulungu amene anapanga zimenezi, kapena kusamalako za Iye amene anazilenga kale lomwe.
Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti kuusaa bishaanii tolchitan; garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle; yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef ulfina hin kennine.
12 Pa tsiku limenelo, Ambuye Yehova Wamphamvuzonse anakuyitanani kuti mulire ndi kukhetsa misozi; kumeta mutu wanu mpala ndi kuvala ziguduli.
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, akka ati boossee wawwaattuuf, akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.
13 Koma mʼmalo mwake inu munakondwa ndi kusangalala; munapha ngʼombe ndi nkhosa; munadya nyama ndi kumwa vinyo. Inu mumati, “Tiyeni tidye ndi kumwa pakuti mawa tifa!”
Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu, loon gorraʼuu fi hoolota qaluu, foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira! Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii!” jettu.
14 Yehova Wamphamvuzonse wandiwululira mondinongʼoneza kuti, “Tchimo limeneli sindidzakhululuka mpaka tsiku la kufa kwanu,” akutero Ambuye, Yehova Wamphamvuzonse.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
15 Chimene Ambuye, Yehova Wamphamvuzonse akuti, “Pita, ukanene kwa Sabina kapitawo, amene amayangʼanira nyumba yaufumu:
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan, Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:
16 Kodi ukuchita chiyani kuno, nanga ndani anakupatsa chilolezo kuti udzikumbire manda kuno, kudzikumbira manda pa phiri ndi kudzisemera malo opumulira mʼthanthwe?
Ati maal asii hojjetta? Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu, akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu, akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu eenyutu eeyyama siif kenne?
17 “Samalira, Yehova watsala pangʼono kukugwira zolimba ndi kukuponya mwamphamvu, iwe munthu wamphamvu.
“Yaa nama jabaa kunoo, Waaqayyo jabeessee qabee si darbachuuf jira.
18 Iye adzakukulunga kwambiri ngati mpira ndipo adzakuponyera mʼdziko lalikulu. Kumeneko ndiko ukafere ndipo kumeneko ndiko kudzatsalire magaleta ako. Ndipo udzasanduka wochititsa manyazi nyumba ya mbuye wako.
Inni akkuma kubbaa furuursee biyya balʼaa tokko keessa si buusa. Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta; gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
19 Ine ndidzakuchotsa pa ukapitawo wako ndipo ndidzakutsitsa pa udindo wako.
Ani aangoo kee irraa sin buusa; atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
20 “Tsiku limenelo ndidzayitanitsa mtumiki wanga, Eliyakimu mwana wa Hilikiya.
“Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.
21 Ndidzamuveka mkanjo wako ndi kumangira lamba wako mʼchiwuno mwake ndi kumupatsa ulamuliro wako. Iye adzakhala kholo la amene amakhala mu Yerusalemu ndiponso a fuko la Yuda.
Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.
22 Ndidzamupatsa ulamuliro wa banja la Davide. Adzatsekula ndipo palibe adzatseke, adzatseka popanda wina kutsekula.
Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.
23 Ufumu wake udzakhala wokhazikika ngati chikhomo chokhomedwa pa malo olimba. Anthu adzalemekeza nyumba ya abale ake chifukwa cha iye.
Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.
24 Ana ndi abale a nyumba ya abambo ake adzakhala ngati katundu pa iye ngati ziwiya zopanda ntchito zimene zapachikidwa pa chikhomo.
Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
25 “Yehova Wamphamvuzonse akunena kuti, ‘Tsiku limeneli chikhomo chokhomedwa kwambiri chija sichidzalimbanso; chidzazuka ndipo chidzagwa ndipo zonse zopachikidwa zidzawonongedwa.’” Yehova wayankhula chomwechi.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.