< Hoseya 8 >

1 “Ika lipenga pakamwa pako. Ngati chiwombankhanga, kutsutsana ndi nyumba ya Yehova chifukwa anthu aphwanya pangano langa ndiponso agalukira lamulo langa.
“Malakata afaan keetti kaaʼadhu! Sababii namoonni kakuu koo cabsanii seera kootti fincilaniif risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.
2 Israeli akulirira kwa Ine kuti, ‘Inu Mulungu wathu, ife timakudziwani!’
Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee gara kootti iyyate.
3 Koma Israeli wakana zabwino; mdani adzamuthamangitsa.
Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; kanaafuu diinni isa ariʼa.
4 Amalonga mafumu mosatsata kufuna kwanga. Amasankha akalonga popanda chilolezo changa. Amadzipangira mafano asiliva ndi agolide koma adzawonongeka nawo.
Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. Isaan meetii fi warqee isaaniitiin badiisa isaaniitiif waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
5 Iwe Samariya, taya fano lako la mwana wangʼombe! Mkwiyo wanga wayakira anthuwo. Padzapita nthawi yayitali chotani asanasinthike kukhala oyera mtima?
Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?
6 Mafanowa ndi ochokera ku Israeli! Mwana wa ngʼombe uyu anapangidwa ndi munthu waluso; si Mulungu amene anamupanga. Adzaphwanyidwa nʼkukhala zidutswa, mwana wangʼombe wa ku Samariya.
Isaan warra Israaʼel! Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; inni Waaqa miti. Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
7 “Aisraeli amadzala mphepo ndipo amakolola kamvuluvulu. Tirigu alibe ngala; sadzabala chakudya. Akanabala chakudya alendo akanadya chakudyacho.
“Isaan bubbee facaafatanii bubbee hamaa haammatu. Mukni isaa mataa hin qabu; daraaraas hin baasu. Utuu inni midhaan naqatee silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.
8 Israeli wamezedwa, tsopano ali pakati pa anthu a mitundu ina ngati chinthu cha chabechabe.
Israaʼel liqimfameera; isaan amma saboota gidduutti akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.
9 Pakuti iwo anapita ku Asiriya ngati mbidzi yongodziyendera pa yokha. Efereimu wadzigulitsa kwa zibwenzi zake.
Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; Efreemis michootatti of gurgureera.
10 Ngakhale wadzigulitsa pakati pa mitundu ya anthu, Ine ndidzawasonkhanitsa pamodzi. Iwo adzayamba kuzunzika pansi pa ulamuliro wankhanza wa mfumu yamphamvu.
Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu ani amma walitti isaan nan qaba. Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti ni sukkuumamu.
11 “Ngakhale Efereimu anamanga maguwa ambiri a nsembe zoperekedwa chifukwa cha tchimo, maguwa amenewa akhala malo ochimwirapo.
“Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu, lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.
12 Ndinawalembera zinthu zambiri za malamulo anga, koma iwo anaziyesa ngati zinthu zachilendo.
Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.
13 Amapereka nsembe za nyama kwa Ine ndipo iwo amadya nyamayo, koma Yehova sakondwera nazo. Tsopano Iye adzakumbukira zoyipa zawo ndi kuwalanga chifukwa cha machimo awo: iwowo adzabwerera ku Igupto.
Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; foon sanas ni nyaatu; Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne. Inni amma hammina isaanii yaadatee cubbuu isaanii adaba: Isaan gara Gibxitti deebiʼu.
14 Israeli wayiwala Mlengi wake ndipo wamanga nyumba zaufumu; Yuda wachulukitsa mizinda ya malinga. Koma Ine ndidzaponya moto pa mizinda yawoyo, moto umene udzatenthe malinga awo.”
Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee masaraawwan mootummaa ijaare; Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”

< Hoseya 8 >