< Genesis 24 >

1 Tsopano Abrahamu anali atakalamba kwambiri, ndipo Yehova anamudalitsa mu zonse anachita.
Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; Waaqayyos waan hundumaan isa eebbise.
2 Tsiku lina Abrahamu anawuza wantchito wake wamkulu amene ankayangʼanira zonse anali nazo, kuti “Ika dzanja lako pansi pa ntchafu yanga.
Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi.
3 Ndikufuna kuti ulumbire pamaso pa Yehova, Mulungu wakumwamba ndi dziko lapansi, kuti sudzamupezera mwana wanga mkazi pakati pa atsikana Achikanaani a kuno kumene ndikukhala,
Ani akka ati intallan warra Kanaʼaan kanneen ani gidduu isaanii jiraadhuu keessaa ilma kootiif niitii hin fidneef Waaqayyo Waaqa samiitii fi Waaqa lafaatiin kakattu nan barbaada;
4 koma kuti udzapita ku dziko la kwathu ndi kukamupezera mkazi mwana wanga Isake pakati pa abale anga.”
garuu gara biyya kootii fi gara firoota koo dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif niitii barbaadi.”
5 Wantchito uja anafunsa kuti, “Nanga atakhala kuti mkaziyo sakufuna kubwera nane kuno? Kodi ine ndingadzatenge mwana wanu ndi kubwerera naye ku dziko kumene munachokera?”
Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate.
6 Abrahamu anati, “Uwonetsetse kuti usadzabwerere naye mwana wanga kumeneko.
Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu.
7 Yehova Mulungu wakumwamba amene ananditenga kwa makolo anga nanditulutsa mʼdziko lobadwira, ameneyo anayankhula nane molumbira kuti, ‘Kwa zidzukulu zako ndidzapereka dziko ili.’ Iyeyu adzatumiza mngelo wake kuti akutsogolere kumeneko kukapezera mwana wanga mkazi.
Waaqayyo Waaqni samii inni mana abbaa kootii fi biyya ani itti dhaladhe keessaa na fidee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna’ jechuudhaan natti dubbatee kakatee waadaa naa seene sun akka ati achii ilma kootiif niitii fidduuf ergamaa isaa fuula kee dura ni erga.
8 Ngati mkaziyo adzakana kubwerera nawe ndiye kuti udzakhala womasuka ku lumbiro langa. Koma usadzamutenge mwana wanga ndi kubwerera naye kumeneko.”
Yoo dubartiin sun si wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baatte immoo ati kakuu koo kana irraa bilisa taata. Ilma koo garuu gonkumaa achi hin deebisin.”
9 Choncho wantchitoyo anayika dzanja lake pansi pa ntchafu ya mbuye wake Abrahamu nalumbira kwa iye kuti adzachitadi monga mwa mawu a Abrahamu.
Kanaafuu tajaajilaan sun harka isaa gudeeda gooftaa isaa Abrahaam jala kaaʼee waaʼee waan kanaa kakateef.
10 Tsono wantchito uja anatengapo ngamira khumi mwa ngamira za mbuye wake pamodzi ndi zinthu zabwino za mitundumitundu. Ndipo ananyamuka kupita ku mzinda wa Nahori, mʼdziko la Mesopotamiya.
Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe.
11 Atafika, anagwaditsa pansi ngamira zija pafupi ndi chitsime chimene chinali kunja kwa mzinda uja. Awa anali madzulo ndithu, nthawi imene amayi amapita kukatunga madzi.
Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture.
12 Ndipo wantchito uja anapemphera nati, “Haa, Yehova, Mulungu wa mbuye wanga Abrahamu, mulole kuti zinthu zindiyendere ine lero, ndipo muonetseni mbuye wanga Abrahamu kukoma mtima kwanu kosasinthika.
Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam, harʼa na milkeessiitii gooftaa koo Abrahaamiif garaa laafi.
13 Taonani ndayima pambali pa chitsimechi, ndipo atsikana a mu mzindawu akubwera kudzatunga madzi.
Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheen jira; intallan warra magaalaa kanaas bishaan waraabbachuuf as baʼaa jiru.
14 Ine ndipempha mtsikana wina kuti, ‘Chonde tula mtsuko wako kuti ndimweko madzi.’ Tsono iye akayankha kuti ‘Imwani,’ ndipo ndidzapatsanso ngamira zanu madziwo, ameneyo akhale mkazi amene mwasankhira mtumiki wanu Isake.” Zimenezi zikachitika, ndidzadziwa kuti mwaonetsadi kukoma mtima kwanu kosasinthika kwa mbuye wanga.
Intalli ani, ‘Maaloo akka ani bishaan dhuguuf okkotee kee gad qabi’ jedheenii isheenis, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees siifin obaasaa’ naan jettu ishee ati garbicha kee Yisihaaqiif filatte haa taatu. Anis kanaan akka ati gooftaa kootiif garaa laafte beeka.”
15 Asanatsirize kupemphera, anangoona Rebeka watulukira atasenza mtsuko wake pa phewa. Iyeyu anali mwana wa Betueli mwana wa Milika, mkazi wa Nahori mʼbale wake wa Abrahamu.
Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti.
16 Mtsikanayo anali wokongola kwambiri, namwali amene sanadziwe mwamuna. Iye anatsikira ku chitsime nadzaza mtsuko nakweranso ku mtunda.
Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite.
17 Wantchito uja anathamanga kukakumana naye nati, “Chonde patseko madzi pangʼono a mu mtsuko wakowo kuti ndimwe.”
Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen.
18 Mtsikanayo anati, “Imwani mbuye wanga.” Ndipo mofulumira anatsitsa mtsuko uja nawuyika mʼmanja ndi kumupatsa kuti amwe.
Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef.
19 Atatha kupereka madzi akumwa kwa mlendo uja, mtsikanayo anati, “Ndikatungiranso ngamira madzi kuti zimwe mpaka zitakwana.”
Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette.
20 Choncho anafulumira kukhuthula madzi a mu mtsuko aja momwera ziweto, nathamanga kubwerera ku chitsime kukatunga madzi ena, ndipo anatunga okwanira ngamira zake zonse.
Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde.
21 Modekha, munthu uja anayangʼanitsitsa kwambiri mtsikana uja kuti adziwedi ngati Yehova anamutsogolera pa ulendo wake uja kapena ayi.
Namichi sunis akka Waaqayyo karaa isaaf milkeesse yookaan akka isaaf hin milkeessin baruuf jedhee calʼisee xiyyeeffatee ishee ilaalaa ture.
22 Ngamira zija zitatha kumwa, mlendo uja anatulutsa chipini chagolide cholemera theka la sekeli ndi zibangiri zagolide ziwiri zolemera masekeli 100.
Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee,
23 Kenaka anafunsa namwaliyo kuti, “Chonde tandiwuza, kodi ndiwe mwana wa yani? Ndipo kodi malo alipo kwanu woti ife nʼkugona?”
“Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate.
24 Anamuyankha kuti, “Ine ndine mwana wa Betueli, mwana amene Milika anaberekera Nahori.”
Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette.
25 Ndipo anapitiriza kunena kuti, “Chakudya chodyetsa nyamazi chilipo kwathu ndipo malo woti mugone aliponso.”
Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen.
26 Kenaka munthuyo anawerama pansi napembedza Yehova,
Namichis gad jedhee Waaqayyoof sagade;
27 nati, “Alemekezeke Yehova, Mulungu wa mbuye wanga Abrahamu, amene waonetsa kukoma mtima kwake kosasintha ndi kukhulupirika kwake kwa mbuye wanga. Yehova wanditsogolera pa ulendo wanga mpaka ndafika ku nyumba kwa abale ake a mbuye wanga.”
akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni gooftaa koo Abrahaam kan arjummaa isaatii fi amanamummaa isaa gooftaa koo hin dhowwatin sun haa eebbifamu. Waaqayyo anas gara mana obboloota gooftaa kootti karaa irra na qajeelcheera.”
28 Mtsikana uja anathamanga nakafotokozera zimenezi anthu a kwa amayi ake.
Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte.
29 Tsono Rebeka anali ndi mlongo wake dzina lake Labani.
Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe.
30 Iyeyu atangoona chipini pa mphuno ndi zibangiri pa mikono ya mlongo wake komanso kumva zimene mlendo uja ananena kwa Rebekayo, anathamangira kwa mlendo uja, ndipo anamupeza atangoyima ndi ngamira zake pafupi ndi chitsime.
Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture.
31 Iye anati, “Tiyeni kwathu, ndinu munthu amene Yehova wamudalitsa. Bwanji mwangoyimirira panja pano? Ine ndakukonzerani malo ogona inu ndi ngamira zanu.”
Namicha sanaanis, “Yaa namicha Waaqayyo eebbise, kottu; ati maaliif ala dhaabatta? Ani manicha qopheesseera; gaalawwaniifis iddoo qopheesseera” jedhe.
32 Choncho munthu uja analowa mʼnyumba. Labani anatsitsa katundu anali pa ngamira uja. Kenaka anazipatsa ngamira zija chakudya, ndiponso anapereka madzi wosamba mapazi kwa mlendo uja ndi anthu ena onse.
Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne.
33 Chakudya chitabwera mlendo uja anati, “Sindidya mpaka nditakuwuzani zimene ndadzera kuno.” Labani anati, “Yankhulani.”
Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe. Laabaanis, “Himadhukaa” jedheen.
34 Motero iye anati, “Ine ndine wantchito wa Abrahamu.
Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
35 Yehova wadalitsa mbuye wanga kwambiri, ndiponso walemera. Wamupatsa nkhosa ndi ngʼombe, siliva ndi golide, antchito aamuna ndi antchito aakazi, komanso ngamira ndi abulu.
Waaqayyo, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera.
36 Sara, mkazi wa mbuye wanga anamubalira iye mwana wamwamuna ngakhale kuti Sarayo anali wokalamba. Tsono mbuye wanga wamupatsa mwanayo chuma chonse.
Niitiin gooftaa kootii Saaraan bara dulluma ishee keessa ilma isaaf deesse; innis waan qabu hunda ilma isaatiif kenneera.
37 Tsono mbuye wanga anandilumbiritsa kuti ndisunge mawu ake akuti, ‘Usadzamupezere mwana wanga mkazi kuchokera mwa atsikana a dziko lino la Kanaani,
Gooftaan koo akkana jedhee na kakachiise; ‘Ati intallan Kanaʼaan kanneen ani biyya isaanii keessa jiraadhu keessaa ilma koof niitii hin fidin;
38 koma upite ku banja la abambo anga ndi kwa abale anga kuti ukamupezere mkazi mwana wanga.’”
garuu gara mana abbaa kootii fi gara gosa koo dhaqiitii ilma kootiif niitii fidi.’
39 “Ndipo ine ndinati kwa mbuye wanga, ‘Nanga mkaziyo akakapanda kubwera nane pamodzi?’
“Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe.
40 “Iye anayankha, ‘Yehova amene ndakhala ndikumumvera nthawi zonse, adzatumiza mngelo wake kuti akuperekeze ndipo adzakuthandiza mpaka ukamupezere mwana wanga mkazi kuchokera ku mtundu wanga, wa fuko langa.
“Innis akkana naan jedhe; ‘Waaqayyo inni ani fuula isaa dura jiraadhu ergamaa isaa si wajjin ergee karaa kee siif milkeessa; atis gosa koo fi mana abbaa koo keessaa ilma kootiif niitii ni fidda.
41 Ukadzachita zimenezi udzakhala mfulu wosamangidwa ndi lumbiro langali. Koma tsono ukadzafika kwa fuko langa, ndipo ngati sadzalola kukupatsa mbeta ya mwana wanga, aponso udzamasuka ku lumbiro langali.’”
Ati yommuu gara gosa koo dhaqxu kakuu koo irraa bilisa taata; yoo isaan intala sana sitti kennuu didani iyyuu ati kakuu koo irraa bilisa taata.’
42 “Tsono lero lino pamene ndafika pa chitsime, ndinapempha kuti, ‘Yehova, Mulungu wa mbuye wanga, Abrahamu, ngati Inu mwandidalitsadi pa ulendowu,
“Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa Waaqayyo, Waaqa gooftaa koo Abrahaam yoo fedhii kee taʼe karaa ani deemu naa milkeessi.
43 taonani ndayima pambali pa chitsime ichi; ndipo ndidzati kwa namwali amene atabwere kudzatunga kuti, chonde nditamwako madzi a mu mtsuko wakowu,’
Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheera; yoo durbi tokko bishaan waraabbachuu dhuftee ani immoo, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi” jedheenii,
44 ndipo ngati adzandiyankha kuti, ‘Imwani ndipo ndizimwetsanso madzi ngamira zanuzi,’ ameneyo akhale yemwe Yehova wamusankhira mwana wa mbuye wanga.”
isheenis, “Dhugi; ani gaalawwan keetiifis nan waraaba” naan jette, isheen kan Waaqayyo ilma gooftaa kootiif file haa taatu.’
45 “Ndisanatsirize kupemphera, ndinangoona Rebeka akutulukira mtsuko wake uli pa phewa. Anatsetserekera ku chitsime kukatunga madzi ndipo ndinati kwa iye, ‘Chonde patseko madzi akumwa.’
“Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen.
46 “Mofulumira, anatsitsa mtsuko wake pa phewa pake nati, ‘Imwani ndiponso ndizimwetsa madzi ngamira zanuzi.’ Kotero ine ndinamwa ndipo anamwetsanso ngamirazo.
“Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte.
47 “Ndinamufunsa kuti, ‘Ndiwe mwana wa yani?’ “Iye anati, ‘Ndine mwana wa Betueli mwana wa Nahori, amene Milika anamuberekera.’ “Tsono ndinayika chipini pa mphuno yake ndi kumveka zibangiri mʼmikono yake,
“Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe. “Ishee immoo, ‘Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha’ jette. “Anis funyaan isheetti amartii, harka isheetti immoo bitawoo nan kaaʼe.
48 kenaka ndinawerama pansi ndi kupembedza Yehova. Ndipo ndinatamanda Yehova, Mulungu wa mbuye wanga Abrahamu, amene anandilondolera mokhulupirika njira yanga. Iye wandifikitsa kwa mʼbale wake kumene ndapezera mbeta mwana wa mbuye wanga.
Anis gad jedhee Waaqayyoof nan sagade; Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam isa akka ani intala fira isaa ilma isaatiif geessu karaa qajeelaa irra na buuse sana nan eebbise.
49 Tsono ngati mukufuna kuonetsa kukoma mtima kwanu kwa mbuye wanga, ndikuonetsa kukhulupirika kwanu, ndiwuzeni; ndipo ngati si choncho ndiwuzeninso kuti ndidziwe chochita.”
Egaa isin yoo gooftaa kootti garaa laafummaa fi amanamummaa argisiiftan natti himaa; yoo taʼuu baate immoo akka ani gara bitaatti yookaan gara mirgaatti goru natti himaa.”
50 Labani ndi Betueli anayankha nati, “Izi ndi zochokera kwa Yehova, ndipo ife sitinganenepo kanthu.
Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun Waaqayyo biraa dhufe; nu waan hamaa yookaan waan tolaa sitti dubbachuu hin dandeenyu.
51 Nayu Rebeka, mutengeni muzipita naye kuti akakhale mkazi wa mwana wa mbuye wanu, monga Yehova wanenera.”
Kunoo, Ribqaan fuula kee dura jirti; ishee fudhadhuu deemi; isheenis akkuma Waaqayyo dubbatetti niitii ilma gooftaa keetii haa taatu.”
52 Wantchito wa Abrahamu uja atamva zimene anawerama pansi pamaso pa Yehova.
Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee Waaqayyoof sagade.
53 Kenaka wantchitoyo anatulutsa ziwiya zagolide ndi zasiliva ndi zovala nazipereka kwa Rebeka. Anaperekanso mphatso zina za mtengowapatali kwa mlongo wake ndi amayi ake a Rebeka.
Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne.
54 Tsono wantchito uja ndi anthu amene anali naye anadya, kumwa nagona komweko. Kutacha mmawa wake, wantchito uja anati, “Mundilole ndibwerere kwa mbuye wanga.”
Innii fi namoonni isa wajjin turanis nyaatanii dhuganii achuma bulan. Yommuu isaan guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti tajaajilaan sun, “Akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” jedhe.
55 Koma mlongo wake ndi amayi ake a Rebeka anayankha kuti, “Muloleni mtsikanayu abakhala nafe masiku khumi kapena kupyolerapo, kenaka mukhoza kupita.”
Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan.
56 Koma iye anawawuza kuti, “Chonde musandichedwetse. Yehova wandithandiza kale pa ulendo wanga. Mundilole ndibwerere kwa mbuye wanga.”
Inni garuu, “Erga Waaqayyo karaa koo naa milkeessee isin na hin tursinaa; akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” isaaniin jedhe.
57 Koma iwo anati, “Bwanji timuyitane mtsikanayo ndipo timufunse ngati afuna kupita nanu panopa.”
Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan.
58 Choncho iwo anamuyitana Rebeka uja namufunsa kuti, “Kodi ukufuna kupita ndi munthuyu panopa?” Iye anayankha kuti, “Ndipita.”
Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan. Isheenis, “Ani nan deema” jette.
59 Kotero anamulola Rebeka pamodzi ndi mlezi wake kuti apite ndi wantchito wa Abrahamu pamodzi ndi anthu amene anali naye.
Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan.
60 Ndipo iwo anadalitsa Rebeka ndi kumuwuza kuti, “Iwe ndiwe mlongo wathu, Mulungu akudalitse iwe, ukhale mayi wa anthu miyandamiyanda; ndi kuti zidzukulu zako zidzalanda mizinda ya adani awo.”
Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan; “Yaa obboleettii keenya, kumaa kumaatama taʼi; sanyiin kee karra diinota isaa haa dhaalu.”
61 Kenaka Rebeka ndi antchito ake ananyamuka kukakwera ngamira zawo ndipo anapita naye pamodzi munthu uja. Choncho wantchito uja anatenga Rebeka nʼkumapita.
Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme.
62 Pa nthawiyi nʼkuti Isake atafika kuchokera ku chitsime cha Wamoyo Wondipenya (Beeri-lahai-roi), popeza tsopano ankakhala ku Negevi.
Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture.
63 Tsiku lina chakumadzulo, Isake anatuluka kukayendayenda ku munda, ndipo atakweza maso anaona ngamira zikubwera.
Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge.
64 Rebeka nayenso anatukula maso naona Isake. Ndipo anatsika pa ngamira yake
Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee
65 nafunsa wantchito uja kuti, “Kodi munthu uyo ndi ndani akuyenda mʼmundamo kubwera kudzakumana nafe?” Wantchitoyo anayankha, “Ndiye mbuye wanga.” Choncho Rebeka anatenga nsalu ndi kufunda kumaso.
tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte. Tajaajilaan sunis, “Inni gooftaa koo ti” jedhee deebiseef. Kanaafuu haguuggii ishee fudhattee ofitti haguugde.
66 Tsono wantchito uja anawuza Isake zonse zimene anazichita.
Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime.
67 Isake analowa naye Rebeka mu tenti ya amayi ake Sara, ndipo anakhala mkazi wake. Isake anamukonda kwambiri Rebeka mkazi wake motero kuti zimenezi zinamutonthoza imfa ya amayi ake.
Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.

< Genesis 24 >