< Ezara 5 >

1 Nthawi imeneyo aneneri Hagai ndi Zekariya, mwana wa Ido, ankayankhula kwa Ayuda okhala mʼdziko la Yuda ndi mu Yerusalemu mʼdzina la Mulungu wa Israeli, amene anali nawo.
Yeroo kanatti Haageen raajichii fi Zakkaariyaas ilmi Iddoo raajichi, maqaa Waaqa Israaʼel kan isaan wajjin jiraatu sanaan Yihuudoota warra Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan.
2 Pambuyo pake Zerubabeli mwana wa Sealatieli ndi Yesuwa mwana wa Yozadaki ananyamuka nakayambanso kumanga Nyumba ya Mulungu mu Yerusalemu. Ndipo aneneri a Mulungu anali nawo pamodzi, kuwathandiza.
Kana irratti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuun ilmi Yoosaadaaq Yerusaalem keessatti mana Waaqaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Raajonni Waaqaas isaan gargaaruuf isaanuma wajjin turan.
3 Pa nthawi imeneyo Tatenai, bwanamkubwa wa chigawo cha patsidya pa Yufurate pamodzi ndi Setari-Bozenai ndi anzawo anapita kwa iwo ndi kukawafunsa kuti, “Anakulolani ndani kuti mumangenso Nyumba imeneyi ndi kutsiriza khoma lake?”
Yeroo sanatti Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi deeggartoonni isaanii gara isaanii dhaqanii, “Akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin dallaa dhagaa kanas akka duriitti deebiftan eenyutu isiniif eeyyame?” jedhanii gaafatan.
4 Anawafunsanso kuti, “Kodi anthu amene akumanga nyumbayi mayina awo ndani?”
Akkasumas, “Maqaan warra mana kana ijaaruu eenyu faʼi?” jedhanii gaafatan.
5 Koma Mulungu wawo amayangʼanira atsogoleri Ayuda, motero kuti anthu aja anaganiza kuti asawaletse kumanga Nyumbayo mpaka atalembera mfumu Dariyo kalata ndi kulandira yankho lake.
Garuu iji Waaqa isaanii maanguddoota Yihuudaa irra turte; isaanis hamma gabaasni sun Daariyoos bira gaʼee deebiin isaa barreeffamaan dhufutti hojii hin dhaabne.
6 Iyi ndi kalata imene Tatenai bwanamkubwa wa dera la patsidya pa Yufurate, ndiponso Setari-Bozenai ndi anzake, akazembe amene anali mʼchigawo cha patsidya pa Yufurate, anatumiza kwa mfumu Dariyo
Kunis garagalchaa xalayaa Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayi, deeggartoonni isaanii fi qondaaltonni Gama Laga Efraaxiis jiraatan Daariyoos Mootichatti erganii ti.
7 Analemba kalatayo motere: Kwa mfumu Dariyo: Mukhale ndi mtendere wonse.
Gabaasni isaan erganiif sunis akkana jedha: Gara Daariyoos Mootichaa: Nagaa ulfinaan guutame siif ergina.
8 Amfumu mudziwe kuti ife tinapita ku dziko la Yuda ku Nyumba ya Mulungu wamkulu. Nyumbayo ikumangidwa ndi miyala ikuluikulu ndipo akuyala matabwa pa makoma. Ntchitoyi ikugwiridwa mwachangu ndipo ikuyenda bwino kwambiri mwautsogoleri wawo.
Mootichi akka nu gara aanaa Yihuudaa gara mana qulqullummaa Waaqa guddichaa dhaqnee turre haa beeku. Namoonni dhagaa gurguddaadhaan mana sana ijaaraa, laaxaas keenyan manaa keessa kaaʼaa jiru. Hojiin kunis ciminaan hojjetamaa harka isaanii jalatti guddina argisiisaa jira.
9 Ndipo tinawafunsa atsogoleriwo kuti, “Anakulolezani kuti mumangenso Nyumbayi ndi kutsiriza makoma ake ndani?”
Nu maanguddoota sana dubbifnee, “Eenyutu akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin ijaarsa isaa akka duriitti deebiftan isiniif eeyyame?” jennee isaan gaafanne.
10 Tinawafunsanso mayina a atsogoleri awo, kuti tikalemba mayina atsogoleriwo tidzakudziwitseni kuti muwadziwe.
Akkasumas akka maqaa hooggantoota isaanii barreessinee si beeksifnuuf maqaa isaanii illee gaafannee ture.
11 Yankho limene anatipatsa ndi ili: “Ife ndife atumiki a Mulungu wa kumwamba ndi wa dziko lapansi, ndipo tikumanganso Nyumba imene mfumu ina yamphamvu ya Israeli inamanga ndi kuyitsiriza zaka zambiri zapitazo.
Isaanis deebii kana nuu kennan: “Nu garboota Waaqa samii fi lafaa ti; nu mana qulqullummaa kan bara dheeraan dura ijaarame, kan mootiin Israaʼel guddichi ijaaree fixe sana deebifnee ijaaraa jirra.
12 Koma chifukwa chakuti makolo athu anakwiyitsa Mulungu wakumwamba, Iye anawapereka kwa Nebukadinezara Mkalideya, mfumu ya Babuloni, amene anawononga Nyumbayi ndi kutenga anthu onse kupita nawo ku ukapolo ku Babuloni.
Garuu sababii abbootiin keenya Waaqa samii aarsaniif inni dabarsee harka Nebukadnezar namicha biyya Kaldootaa, mootii Baabilonitti isaan kenne; innis mana qulqullummaa kana barbadeessee uummatas biyyaa baasee Baabilonitti geesse.
13 “Komabe chaka choyamba cha Koresi, mfumu ya ku Babuloni, mfumu Koresiyo anapereka lamulo lakuti Nyumba ya Mulunguyi imangidwenso.
“Taʼu illee waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros mooticha Baabilon keessa Qiiros Mootichi akka manni Waaqaa kun deebifame ijaaramuuf labsii tokko labse.
14 Ndipo ziwiya zagolide ndi zasiliva za ku Nyumba ya Mulungu zimene Nebukadinezara anazitenga mʼNyumba ya Mulungu ku Yerusalemu ndi kukaziyika mʼnyumba ya milungu ya ku Babuloni, anakazichotsa ku nyumba ya milungu ya ku Babuloniko ndi kuzipereka kwa Sesibazara, amene mfumu inamusankha kukhala bwanamkubwa.
Innis miʼa warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa guuree Baabilonitti geesse sana masaraa mootummaa Baabilon keessaa ni baase. Qiiros Mootichi namicha Sheeshbasaar jedhamu kan inni bulchaa godhee muude sanatti miʼa kana kennee
15 Tsono mfumuyo inamuwuza kuti, ‘Tenga ziwiyazi ukaziyike mʼNyumba ya Mulungu ku Yerusalemu. Ndipo Nyumba ya Mulunguyo ikamangidwenso pa maziko ake akale.’
akkana jedheen; ‘Miʼa kana fuudhii dhaqiitii mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessa jiru sanatti galchi. Mana Waaqaas iddoo isaatti deebisii ijaari.’
16 “Choncho Sesibazarayo anabwera ndi kumanga maziko a Nyumba ya Mulunguyo mu Yerusalemu. Kuyambira tsiku limenelo mpaka lero yakhala ikumangidwa ndipo sinathebe.”
“Ergasiis Sheeshbasaar kun dhufee hundee mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa buuse. Yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti manni sun ijaaramaa jira; garuu amma illee hin dhumne.”
17 Nʼchifukwa chake ngati chingakukomereni amfumu, pachitike kafukufuku mʼnyumba yaufumu mosungira chuma ndi mabuku okhudza mbiri ya Babuloni kuti tione ngati mfumu Koresi inalamuladi za kumanganso Nyumba ya Mulungu mu Yerusalemu. Kenaka amfumu mutiwuze zomwe zikukondweretsani kuti mugamule pa nkhani imeneyi.
Egaa amma yoo fedhii mootichaa taʼe, Qiiros Mootichi dhugumaan akka manni Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee ijaaramuuf labsii baasuu fi baasuu baachuu isaa beekuuf galmeen masaraa mootummaa Baabilon haa qoratamu. Ergasiis mootichi yaada waan kana irratti qabu nuuf haa ergu.

< Ezara 5 >