< Ezekieli 21 >
1 Yehova anandiyankhula nati:
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Iwe mwana wa munthu, tembenuka uyangʼane ku Yerusalemu ndipo ulalike mawu odzudzula malo ake opatulika. Unenere zodzudzula anthu a ku Yerusalemu.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu;
3 Uwawuze kuti, Ambuye Yehova akuti, ‘Taona, Ine ndidzalimbana nawe. Ndidzasolola lupanga langa mʼchimake ndi kuwononga anthu olungama ndi ochimwa omwe.
akkanas isheen jedhi: ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa.
4 Motero ndidzapha aliyense kuchokera kummawa mpaka kumpoto.
Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama.
5 Pamenepo anthu onse adzadziwa kuti Ine Yehova ndi amene ndasolola lupanga langa mʼchimake; sindidzalilowetsanso mʼchimakemo.’
Akka ani Waaqayyo goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’
6 “Tsono iwe mwana wa munthu, buwula. Buwula pamaso pawo ndi mtima wosweka ndi wachisoni chachikulu.
“Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi.
7 Ndipo akadzakufunsa kuti, ‘Nʼchifukwa chiyani ukubuwula?’ Iwe udzayankhe kuti, ‘Ndikubuwula chifukwa cha nkhani imene ndamva. Zikadzachitika zimenezi, mitima yonse idzangoti fumu, manja onse adzangolefuka, mpweya wawo udzawathera, ndipo mawondo onse adzangoti zii.’ Izi zikubwera! Ndipo zidzachitika ndithu, akutero Ambuye Yehova.”
Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
8 Yehova anandiyankhulanso kuti,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
9 “Iwe mwana wa munthu, unenere ndipo unene kuti, Ambuye Yehova akuti, “Izi ndi zimene Yehova akunena: Lupanga, lupanga, lanoledwa ndipo lapukutidwa.
“Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi: “‘Goraadee! Goraadee! Goraadee qaramee cululuqfame,
10 Lanoledwa kuti likaphe, lapukutidwa kuti lingʼanime ngati mphenzi! “‘Kodi tingakondwere bwanji? Wanyoza ndodo, mwana wanga ndi chilichonse cha mtengo.
kan ajjeesuuf qarame, akka balaqqee calaqqisuudhaaf cululuqfame! “‘Nu bokkuu ilma koo Yihuudaatiin gammannaa? Goraadeen ulee akkasii hunda tuffata.
11 “‘Lupanga laperekedwa kuti lipukutidwe, ndi kuti linyamulidwe, lanoledwa ndi kupukutidwa, kuti liperekedwe mʼmanja mwa munthu amene amapha.
“‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf cululuqfamuuf ramadameera; harka warra nama qaluutti kennamuuf qaramee cululuqfameera.
12 Fuwula ndi kulira, iwe mwana wa munthu, pakuti zimenezi zidzagwera anthu anga; zidzagweranso akalonga onse a Israeli. Adzaphedwa ndi lupanga pamodzi ndi anthu anga. Chifukwa chake udzigugude pa chifuwa ndi chisoni.
Yaa ilma namaa, kun saba kootti, ilmaan mootota Israaʼel hundatti dhufeeraatii, iyyii wawwaadhu. Isaan saba koo wajjin goraadeedhaaf kennamaniiru. Kanaafuu ati laphee kee rukuti.
13 “‘Ambuye Wamphamvuzonse akuti: Ndikuwayesa anthu anga, ndipo ngati satembenuka mtima, ndiye kuti zimenezi sizidzalephera kuwagwera.’
“‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha Waaqayyo Gooftaan.’
14 “Tsono mwana wa munthu, nenera ndipo uwombe mʼmanja. Lupanga likanthe kawiri ngakhale katatu. Limenelo ndilo lupanga lophera anthu. Inde ndilodi lupanga lophera anthu koopsa limene likuwazungulira.
“Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu; harka kees walitti rurrukuti. Goraadeen yeroo lama, yeroo sadiis haa dhaʼu. Goraadeen kun goraadee nama fixu, goraadee akka malee nama fixu, kan qixa hundaan isaan marsuu dha.
15 Ndawayikira pa zipata zawo zonse lupanga laphuliphuli kuti ataye mtima ndiponso kuti anthu ambiri agwe. Aa! Lapangidwa lupanga kuti lizingʼanima ngati mphenzi ndi kuti azilisolola kuphera anthu.
Kunis akka onneen baqxee hedduun isaanii barbadeeffamaniif ani balbala isaanii hunda dura ajjeechaaf goraadee kaaʼeera. Wayyoo! Inni akka calaqqisuuf haxaaʼameera; inni nama ajjeesuuf cululuqfame.
16 Iwe lupanga, ipha anthu kumanja, kenaka kumanzere, kulikonse kumene msonga yako yaloza.
Yaa goraadee, kallattii qara keetii hundaan karaa mirgaatiinis, karaa bitaatiinis kuti.
17 Inenso ndidzawomba mʼmanja mwanga, ndipo ndidzaziziritsa ukali wanga Ine Yehova ndayankhula.”
Anis harka koo walitti nan rurrukuta; dheekkamsi koos ni qabbanaaʼa. Ani Waaqayyo dubbadheeraa.”
18 Yehova anandiyankhulanso kuti,
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
19 “Iwe mwana wa munthu, ulembe zizindikiro za misewu iwiri imene lupanga la mfumu ya ku Babuloni lingathe kudzeramo. Misewu yonse ikhale yochokera mʼdziko limodzi. Ika chikwangwani pa mphambano yopita mu mzinda.
“Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi.
20 Ulembe chizindikiro pa msewu umene lupanga lidzadzere popita ku Raba wa ku Amoni, ndiponso ku Yuda ndi ku Yerusalemu, mzinda wotetezedwa.
Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu.
21 Pakuti mfumu ya ku Babuloni yayima pa msewu, pa mphambano ya misewu iwiriyo. Ikuwombeza ndi mivi yake kuti idziwe njira yoyenera kudzeramo. Ikupempha nzeru kwa milungu yake ndipo ikuyangʼana chiwindi cha nyama yoperekedwa ku nsembe.
Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.
22 Mʼdzanja lake lamanja muli muvi waula wolembedwa Yerusalemu. Kumeneko mfumuyo idzayika zida zogumulira, idzalamula kupha anthu ndiponso kufuwula mfuwu wa nkhondo. Mfumuyo idzapanga zida zogumulira makoma, kuwunda mitumbira ya nkhondo ndi kumanga nsanja za nkhondo.
Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe.
23 Koma kwa anthu a ku Yerusalemu zidzaoneka ngati zowombeza zabodza chifukwa cha malumbiro amene anachita kwa mfumuyo. Koma mfumuyo idzawakumbutsa za zolakwa zawo kuti atengedwe ku ukapolo.
Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata.
24 “Nʼchifukwa chake Ambuye Yehova akuti, ‘Popeza mwandikumbutsa zolakwa, moti kundiwukira kwanu kwaonekera poyera ndi kuti mu zochita zanu zonse mukuonetsa machimo anu, nʼchifukwa chake mudzagwidwa ndi kutengedwa ukapolo.
“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu.
25 “‘Tsono iwe kalonga wonyozedwa ndi woyipa wa Israeli, amene tsiku lako lafika, amene nthawi yako yolangidwa yafika penipeni,
“‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe,
26 Ambuye Yehova akuti: Vula nduwira, chotsa chipewa chaufumu. Zinthu sizidzakhala monga zinalili: anthu wamba adzakwezedwa ndipo okwezedwa adzatsitsidwa.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama.
27 Chipasupasu! Chipasupasu! Ine ndidzawupasula mzindawo! Ndipo sadzawumanganso mpaka atafika amene ali woyenera kuwulandira; Ine ndidzawupereka kwa iyeyo.’
Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’
28 “Ndipo iwe mwana wa munthu, nenera kuti, ponena za Aamoni ndi zonyoza zawo, Ambuye Yehova akuti, “‘Lupanga, lupanga, alisolola kuti liphe anthu, alipukuta kuti liwononge ndi kuti lingʼanime ngati mphenzi.
“Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha: “‘Goraadee, goraadee, kan ajjeesuuf luqqifame, akka fixuu fi akka calaqqisuuf kan haxaaʼame!
29 Zimene akuti akuona mʼmasomphenya zokhudza inu ndi zabodza. Mawula awo okhudza inu ndi abodzanso. Mudzakhala pamodzi ndi anthu oyipa amene tsiku lawo lafika, ndiye kuti nthawi ya kulangidwa kwawo komaliza.
Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif, raajiin sobaa siif jiraatu iyyuu, inni morma hamoota ajjeefamuu qaban kanneen guyyaan isaanii dhiʼaate, warra yeroon adabbii isaanii gaʼe irra ni kaaʼama.
30 “‘Bwezerani lupanga mʼchimake. Ku malo kumene inu munabadwira, mʼdziko la makolo anu, ndidzakuweruzani.
Goraadee manʼee isaatti deebisi; iddoo ati itti dhalattetti, biyya akaakayyuu keetiitti, ani sitti nan mura.
31 Ndidzakhuthula ukali wanga pa inu, ndipo mkwiyo wanga udzakuyakirani. Ndidzakuperekani mʼmanja mwa anthu ankhanza; anthu odziwa bwino kuwononga zinthu.
Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ibidda aarii kootiis sitti nan buufa; ani namoota hamoo kanneen balleessuudhaan beekamanitti dabarsee sin kenna.
32 Mudzakhala ngati nkhuni pa moto. Ena adzakhetsa magazi anu mʼdziko lanu lomwe. Simudzakumbukiridwanso pakuti Ine Yehova ndayankhula.’”
Ati qoraan ibiddaa taata; dhiigni kee biyya kee keessatti dhangalaʼa; siʼachi hin yaadatamtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii.’”