< Eksodo 31 >
1 Ndipo Yehova anati kwa Mose,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Taona, ndasankha Bezaleli mwana wa Uri, mwana wa Huri, wa fuko la Yuda.
“Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera;
3 Ndipo ndamudzaza ndi Mzimu wa Mulungu kotero kuti ali ndi luso ndi nzeru zomvetsa zinthu ndipo akudziwa bwino ntchito zonse zamanja monga izi:
ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera;
4 Kulemba ndondomeko ya ntchito zaluso ndi kupanga zinthu zagolide, zasiliva ndi zamkuwa,
Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf;
5 kusema ndi kuyika miyala yokongola, kukonza zinthu zamatabwa ndiponso kugwira ntchito ina iliyonse yamanja.
akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
6 Ndasankhanso Oholiabu mwana wa Ahisamaki wa fuko la Dani. Ndiponso ndapereka nzeru kwa anthu aluso motero adzagwira ntchito zonse zimene ndakulamulira kuti zichitike monga izi:
Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. “Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
7 Kupanga tenti ya msonkhano, bokosi laumboni pamodzi ndi chophimbira chake, ndiponso zonse za mu tenti,
“Isaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
8 tebulo ndi zida zake, choyikapo nyale cha golide wabwino kwambiri ndi ziwiya zake zonse, guwa lofukizirapo lubani,
minjaalaa fi miʼa isaa, baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, iddoo aarsaa ixaanaa,
9 guwa lansembe yopsereza ndi ziwiya zake zonse, beseni ndi nsichi yake,
iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
10 ndiponso zovala zonse zolukidwa, zovala zopatulika za Aaroni wansembe pamodzi ndi za ana ake, zovala pamene akutumikira monga ansembe,
wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
11 ndiponso mafuta odzozera ndi lubani wonunkhira wa ku malo opatulika. Iwo azipanga monga momwe Ine ndinakulamulira.”
Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan. “Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.”
12 Ndipo Yehova anati kwa Mose,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
13 “Uza ana a Israeli kuti azisunga Masabata anga. Ichi chidzakhala chizindikiro pakati pa inu ndi Ine pamodzi ndi zidzukulu zanu mʼtsogolomo, chosonyeza kuti Ine ndine amene ndimakuyeretsani.
“Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.
14 “Motero muzisunga tsiku la Sabata chifukwa ndi loyera kwa inu. Aliyense amene adetsa tsiku la Sabata ayenera kuphedwa. Aliyense amene agwira ntchito iliyonse pa tsikuli ayenera kuchotsedwa pakati pa anthu anzake.
“‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
15 Mugwire ntchito kwa masiku asanu ndi limodzi koma tsiku lachisanu ndi chiwiri ndi Sabata, lopuma, tsiku lopatulika la Yehova. Aliyense amene agwira ntchito iliyonse pa tsiku la Sabata ayenera kuphedwa.
Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
16 Aisraeli onse komanso zidzukulu zawo mʼtsogolo azidzasunga tsiku la Sabata ngati pangano lamuyaya.
Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan.
17 Tsiku la Sabata lidzakhala chizindikiro chamuyaya pakati pa Ine ndi Aisraeli chosonyeza kuti Yehova analenga za kumwamba ndi dziko lapansi kwa masiku asanu ndi limodzi ndi kuti pa tsiku lachisanu ndi chiwiri analeka kugwira ntchito napumula.”
Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’”
18 Yehova atamaliza kuyankhula ndi Mose pa phiri la Sinai, anamupatsa Mose miyala iwiri yaumboni, imene Mulungu analembapo ndi chala chake.
Waaqayyo akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne.