< Estere 7 >

1 Choncho mfumu ndi Hamani anabwera kudzadya phwando la mfumukazi Estere.
Mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan;
2 Pa tsiku lachiwiri akumwa vinyo, mfumu inafunsanso kuti, “Kodi iwe mfumukazi Estere, chimene ufuna kupempha nʼchiyani? Chimene uti upemphe ndidzakupatsa. Choncho ukufuna chiyani? Ngakhale utafuna theka la ufumu ndidzakupatsa.”
utuma guyyaa lammaffaa sanatti daadhii wayinii dhugaa jiranuu, mootichi akkana jedhee gaafate; “Yaa Asteer Mootittii wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maal? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan wanni ati gaafattu siif kennama.”
3 Kenaka mfumukazi Estere anayankha kuti, “Ngati mwandikomera mtima, inu mfumu, ndipo ngati chingakukomereni mfumu, pempho ndi chokhumba changa ndi ichi, mulole kuti ine ndi abale anga tisungidwe tonse ndi moyo.
Asteer Mootittiin akkana jettee deebifte; “Yaa mooticha, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, yoo wanni kunis mooticha gammachiise, lubbuu koo naaf oolchi; kadhaan koo kanuma. Saba koo illee naaf baraar; gaaffiin koos kanuma.
4 Popeza ine ndi anthu a mtundu wanga tagulitsidwa kuti atiwononge, atiphe ndi kutifafaniziratu. Akanangotigulitsa kokha tikanakhala chete, chifukwa chimene mdani wathuyo akanakupatsani mfumu sibwenzi mutasowa nacho mtendere.”
Anii fi sabni koo ajjeefamuutti, barbadeeffamuu fi lafa irraa balleeffamuutti gurguramneerraatii. Nu utuu dhiiraa fi dubartiin garbummaa qofatti gurguramne taʼee, ani silaa nan calʼisan ture; rakkinni akkasii mooticha jeequuf sababii gaʼaa mitiitii.”
5 Mfumu Ahasiwero anamufunsa mfumukazi Estere, “Kodi iyeyu ndi ndani ndipo ali kuti amene saopa kuchita chinthu chotere?”
Ahashweroos Mootichis, “Inni eenyuu? Namni waan akkasii gochuuf ija jabaate sun eessa jira?” jedhee Asteer Mootittii gaafate.
6 Estere anati, “Wotizunza ndiponso mdani wathu! Munthu woyipayo ndi Hamani.” Kenaka Hamani anagwidwa ndi mantha pamaso pa mfumu ndi mfumukazi.
Asteer immoo, “Amajaajii fi diinni sun Haamaan namichuma jalʼaa kanaa dha” jette. Kana irratti Hamaan fuula mootichaatii fi mootittii duratti akka malee rifate.
7 Mfumu itakwiya kwambiri inanyamuka pa phwando nipita ku munda wa maluwa wa nyumba yaufumu. Koma Hamani, pozindikira kuti mfumu yaganiza kale kumuchitira choyipa, anatsalira mʼnyumba kupempha Estere kuti apulumutse moyo wake.
Mootichis aaree kaʼee daadhii wayinii isaa dhiisee gad baʼee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa seene. Haamaan garuu akka mootichi isa balleessuudhaaf kutate beekkatee lubbuu ofii oolfachuudhaaf Asteer Mootittii kadhachuudhaaf duubatti hafe.
8 Mfumu itabwerera kuchokera ku munda wa maluwa wa nyumba yaufumu uja ndi kulowanso mʼchipinda chaphwando, anapeza Hamani atagona chafufumimba pa mpando wa khutagone pomwe Estere anakhalapo. Mfumu inayankhula mokweza kuti, “Kodi afunanso kuvula mfumukazi momukakamiza pamene ine ndili mʼnyumba?” Mfumu isanatsirize kuyankhula mawu awa, atumiki ake anaphimba nkhope ya Hamani.
Yeroo mootichi iddoo biqiltuu masaraa mootummaatii gara galma cidhaatti deebiʼetti Haamaan siree Asteer itti irkattee turte irratti gombifamee ture. Mootichis, “Inni inumaa iyyuu manuma koo keessatti utuma isheen na wajjin jirtuu ishee qabataa?” jedhee dubbate. Akkuma dubbiin kun afaan mootichaatii baʼeen isaan fuula Haamaan haguugan.
9 Haribona, mmodzi wa adindo ofulidwa amene ankatumikira mfumu anati, “Mtanda wotalika mamita 23 uli mʼnyumba ya Hamani. Mtandawu, Hamani anapangira Mordekai, uja amene anapulumutsa mfumu ku chiwembu.” Mfumu inati, “Mpachikeni pamenepo!”
Ergasiis xuʼaashiiwwan mooticha tajaajilan keessaa Harboonaan akkana jedhe; “Mukni dhundhuma shantama ol dheeratu tokko mana Haamaa bira dhaabameera. Muka kanas Haamaanitu Mordekaayi isa mooticha gargaaruudhaaf dubbate sana itti fannisuudhaaf dhaabe.” Mootichis, “Achi irratti isa fannisaa!” jedhe.
10 Choncho anamupachika Hamani pa mtanda umene anakonzera Mordekai. Kenaka mkwiyo wa mfumu unatsika.
Kanaafuu isaan muka inni Mordekaayiif qopheesse sana irratti Haamaanin fannisan. Ergasiis aariin mootichaa ni qabbanaaʼe.

< Estere 7 >