< Deuteronomo 9 >
1 Mvera Israeli. Watsala pangʼono kuwoloka Yorodani ndi kukathamangitsa mitundu ikuluikulu ndi yamphamvu kuposa iweyo, imene mizinda yake ndi ikuluikulu yokhala ndi makoma ofika mpaka kumwamba.
Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa samii gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta.
2 Anthuwo ndi ataliatali, Aanaki! Ukudziwa za iwo ndipo unamvapo zikunenedwa kuti, “Ndani amene angalimbane ndi Aanaki?”
Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, “Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?” jedhamu illee dhageesseerta.
3 Koma khulupirira lero kuti Yehova Mulungu wako amene ali patsogolo pako ali ngati moto wonyeketsa. Adzawononga iwowo ndipo adzawagonjetsa iweyo ukuona. Pamenepo udzawathamangitsa ndi kuwakantha mwamsanga, monga momwe Yehova wakulonjezera.
Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Waaqayyo Waaqa kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Waaqayyo si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.
4 Yehova Mulungu wako akadzawapirikitsa pamaso pako, usadzanene mu mtima mwako kuti, “Yehova wandibweretsa kuno kudzalanda dziko lino chifukwa cha kulungama kwanga.” Ayi, koma ndi chifukwa cha kuyipa kwa anthu amene Yehova ati awapirikitse pamaso pako.
Erga Waaqayyo Waaqni kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, “Waaqayyo sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide” hin jedhin. Waaqayyo sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa.
5 Sukalowa ndi kutenga dziko lawolo chifukwa cha kulungama kwako kapena kukhulupirika kwako koma chifukwa cha kuyipa kwa anthuwo. Yehova Mulungu wako awapirikitsa pamaso pako kuti akwaniritse zimene analumbira kwa makolo ako Abrahamu, Isake ndi Yakobo.
Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin Waaqayyo kakuu abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif gale sana guutuudhaaf jedhee Waaqayyo Waaqni kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa.
6 Tsono zindikira kuti si chifukwa cha kulungama kwako kuti Yehova Mulungu wako akukupatsa dziko labwinoli kuti ulitenge popeza ndiwe wokanika.
Egaa Waaqayyo Waaqni kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii.
7 Kumbukirani izi ndipo musayiwale mmene munaputira mkwiyo wa Yehova Mulungu mʼchipululu muja. Kuyambira tsiku limene munatuluka mu Igupto mpaka pamene munafika kuno, mwakhala owukira Yehova.
Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti Waaqayyotti fincilaa turte.
8 Ku Horebu munaputa mkwiyo wa Yehova, kotero kuti anakwiya kwambiri nafuna kukuwonongani.
Isin Kooreebitti iyyuu Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasnaan Waaqayyo isin barbadeessuuf isinitti aare.
9 Nditakwera ku phiri kuti ndikalandire miyala iwiri ya malamulo, ya pangano limene Yehova anachita ndi inu, ndinakhala ku phiriko kwa masiku makumi anayi usiku ndi usana, sindinadye buledi kapena kumwa madzi.
Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu Waaqayyo isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne.
10 Yehova anandipatsa miyala iwiri yolembedwa ndi chala chake. Pa miyalapo panali malamulo onse amene Yehova analengeza kwa inu pa phiri kuchokera mʼmoto pa tsiku la msonkhano.
Waaqayyos gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Waaqayyootiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan Waaqayyo yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan.
11 Pakutha pa masiku makumi anayi usiku ndi usana, Yehova anandipatsa miyala iwiri, miyala ya pangano.
Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti Waaqayyo gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne.
12 Tsono Yehova anandiwuza, “Tsikako kuno msanga, chifukwa anthu ako aja unawatulutsa ku Iguptowa adziyipitsa. Iwo apatukapo mofulumira pa zimene ndinawalamulira ndipo adzipangira fano lachitsulo.”
Gaafas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Waaqa baqfamee hojjetame tolfataniiruutii.”
13 Ndipo Yehova anati kwa ine, “Anthu awa ndawaona ndipo ndi anthu okanikadi!
Waaqayyo ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa!
14 Ndilekeni ndiwawononge ndi kufafaniza mayina awo pa dziko lapansi. Ndipo ndidzakuyesa iwe mtundu wa anthu wamphamvu ndi wochuluka kuposa iwo.”
Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee samii gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha.”
15 Choncho ndinatembenuka ndi kutsika phiri moto ukanayakabe. Ndipo miyala iwiri ya pangano inali mʼmanja mwanga.
Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan.
16 Ine poyangʼana ndinaona kuti inu munachimwira Yehova Mulungu wanu. Munadzipangira fano lowumbidwa ngati mwana wangʼombe. Inuyo munapatuka msanga kuchoka pa njira imene Yehova anakulamulirani.
Anis nan arge; kunoo isin Waaqayyo Waaqa keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Waaqa baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa Waaqayyo isin ajaje irraa jalʼattan.
17 Motero ine ndinaponya pansi miyala imene inali mʼmanja mwanga, ndi kuyiphwanya inu mukuona.
Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse.
18 Tsono nthawi yomweyo ndinagwa chafufumimba pamaso pa Yehova kwa masiku makumi anayi usiku ndi usana. Sindinadye buledi kapena kumwa madzi chifukwa cha machimo onse amene munawachita, kuchita zoyipa pamaso pa Yehova ndi kumukwiyitsa kwambiri.
Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula Waaqayyoo duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture.
19 Ine ndinachita mantha ndi mkwiyo ndi ukali wa Yehova chifukwa anakwiya nanu kokwanira kukuwonongani. Koma Yehova anandimveranso.
Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa Waaqayyoo nan sodaadhe. Waaqayyo garuu amma illee na dhagaʼe.
20 Ndipo Yehova anakwiya ndi Aaroni ndipo akanamuwononga, koma ine ndinamupemphereranso Aaroniyo.
Waaqayyo Aroonin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Arooniifis nan kadhadhe.
21 Ndiponso ndinatenga chinthu chanu choyipacho, mwana wangʼombe amene munapangayo, ndi kumuwotcha pa moto. Kenaka ndinamuphwanya ndi kumuperapera ndikukhala ngati fumbi ndipo ndinawaza fumbilo mu mtsinje umene unkayenda kuchokera mʼphiri.
Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse.
22 Inu munamukwiyitsanso Yehova ku Tabera, ku Masa ndi ku Kibiroti Hatava.
Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti Waaqayyo dheekkamsiiftan.
23 Ndipo Yehova atakutulutsani ku Kadesi Barinea anati, “Pitani mukatenge dziko limene ndakupatsani.” Koma munawukira ulamuliro wa Yehova Mulungu wanu. Inu simunamukhulupirire kapena kumumvera.
Waaqayyo yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, “Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa” isiniin jedhe. Isin garuu ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis.
24 Kuyambira pamene ndinakudziwani, mwakhala owukira Yehova.
Isin erga ani isin beekee jalqabdanii Waaqayyotti finciltaniirtu.
25 Ine ndinagwa chafufumimba pamaso pa Yehova kwa masiku makumi anayi usana ndi usiku chifukwa Yehova ananena kuti akuwonongani.
Sababii Waaqayyo akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula Waaqayyoo duratti lafatti nan gombifame.
26 Ndinapemphera kwa Ambuye ndi kuti, “Haa Yehova Wamkulukulu, musawawononge anthu anu, chuma chanuchanu chimene munachipulumutsa ndi mphamvu yanu yayikulu ku Igupto ndi dzanja lanu la mphamvu.
Anis akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin.
27 Kumbukirani atumiki anu Abrahamu, Isake ndi Yakobo. Musatengere kupulupudza, kuyipa ndi kuchimwa kwawo anthuwa.
Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin.
28 Kupanda kutero, ndiye kuti anthu a ku dziko lija munatitulutsaku adzati, ‘Yehova anawatulutsa kuti akawaphe mʼchipululu popeza sanathe kukawalowetsa mʼdziko limene anawalonjeza ndipo anadana nawo.’
Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘Waaqayyo waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha.
29 Koma iwowa ndi anthu anu, chuma chanu chimene munachitulutsa ndi mphamvu yanu yayikulu ndi mkono wanu wotambasuka.”
Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha.”