< Deuteronomo 11 >
1 Muzikonda Yehova Mulungu wanu ndipo nthawi zonse muzitsata zimene Iyeyo anakulamulani, malangizo, zikhazikitso ndi malamulo ake.
Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
2 Lero kumbukirani kuti si ana anu amene anaona ndi kulawa chilango cha Yehova Mulungu wanu: ukulu wake, dzanja lake lamphamvu, mkono wake wotambasuka;
Kan adabbii Waaqayyo Waaqa keessanii, surraa isaa, harka isaa jabaa fi irree isaa kan diriirfame beeke yookaan arge isinuma malee akka ijoollee keessan hin taʼin harʼa yaadadhaa.
3 zizindikiro zozizwitsa zimene anazionetsa ndi zinthu zimene anazichita mʼkati mwa Igupto, Farao mfumu ya Igupto ndi kwa dziko lake lonse;
Mallattoowwanii fi wantoota inni Gibxi keessatti Faraʼoon mootii Gibxii fi biyya isaa guutuu irratti hojjete,
4 zimene Iye anachita kwa gulu lankhondo la Aigupto, kwa akavalo ndi magaleta awo, mmene Iye anawamizira ndi madzi a mu Nyanja Yofiira pamene amakuthamangitsani, ndi mmene Yehova anawagonjetsera kufikira lero.
waan inni loltoota Gibxi, fardeenii fi gaariiwwanis godhe, utuma isaan isin duukaa buʼanuu akka inni Galaana Diimaadhaan isaan haguuge, akka itti Waaqayyo badiisa bara baraa isaanitti fide yaadadhaa.
5 Si ana anu amene anaona zimene Iye anakuchitirani mʼchipululu kufikira pamene munafika pa malo anu,
Waan inni hamma isin iddoo kana geessanitti lafa gammoojjii keessatti isiniif godhe kan arge ijoollee keessan miti;
6 ndi zimene anachitira Datani ndi Abiramu, ana aamuna a Eliabu mwana wa Rubeni, pamene nthaka inatsekula pakamwa pake pakati pa Aisraeli onse ndi kuwameza pamodzi ndi katundu wawo, matenti awo ndi chilichonse chawo.
isaan waan inni gaafa lafti afaan ishee banattee guutummaa Israaʼel gidduutti Daataanii fi Abiiraam ilmaan Eliiyaab namicha gosa Ruubeen sana maatii isaanii wajjin, dunkaanota isaaniitii fi qabeenya isaanii kan lubbuu qabu hunda liqimsitetti isaan godhe hin argine.
7 Koma ndinuyo amene munaona ntchito zonse zikuluzikulu zimenezi Yehova anakuchitirani.
Iji keessan garuu waan guddaa Waaqayyo godhe kanneen hunda argeera.
8 Tsono muzisunga malamulo onse amene ndikukupatsani lero kuti mukhale ndi mphamvu ndi kuti mupite kukalanda mʼdziko limene mwakhala pangʼono kulowamo mukawoloka Yorodani,
Kanaafuu isin akka Yordaanosiin ceetanii biyya dhaaluuf jirtanitti galuuf jabaattaniif ajajawwan ani harʼa isinii kennu hunda eegaa;
9 ndiponso kuti mukhalitse mʼdziko limene Yehova analumbira kupatsa makolo anu ndi zidzukulu zawo, lomwe ndi dziko loyenda mkaka ndi uchi.
kunis akka isin biyya Waaqayyo abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate kan aannanii fi damma baasu sana keessatti bara dheeraa jiraattaniif.
10 Dziko limene mukukalanda ndi kulowamo silokhala ngati dziko la ku Igupto kumene mukuchokera ayi, kuja mumadzala mbewu ndi kumathirira ndi mapazi anu ngati ku dimba.
Biyyi ati dhaaluuf itti galaa jirtu kun akka biyya Gibxi kan ati keessaa baatee dhufte kan ati akkuma lafa biqiltuutti sanyii kee facaaftee miilla keetiin bishaan obaafte sanaa miti.
11 Koma dziko limene mukalande mukawoloka Yorodani ndi dziko la mapiri ndi zigwa, dziko limene limalandira mvula kuchokera kumwamba.
Biyyi ati Yordaanos ceetee dhaaltu kun garuu biyya tulluuwwanii fi sululawwanii kan samiidhaa bokkaa argatuu dha.
12 Ili ndi dziko limene Yehova Mulungu wanu amalisamalira. Maso a Yehova Mulungu wanu amaliyangʼanira nthawi zonse kuchokera ku mayambiriro a chaka mpaka kumapeto kwake.
Biyyi kun biyya Waaqayyo Waaqni kee kunuunsuu dha; jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaattis iji Waaqayyo Waaqa keetii ishee irraa hin buqqaʼu.
13 Choncho mukasunga mokhulupirika malamulo amene ndikukupatsani lero lino, kukonda Yehova Mulungu wanu ndi kumutumikira Iyeyo ndi mtima wanu wonse ndi moyo wanu wonse,
Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan,
14 pamenepo ndidzatumiza mvula mʼdziko mwanu pa nthawi yake mʼnyengo ya dzinja ndi chilimwe, kuti mudzakolole tirigu wambiri ndi kuti mudzakhale ndi vinyo watsopano ndi mafuta.
akka ati midhaan kee, wayinii keetii fi zayitii kee galfattuuf ani yeroo isaatti bokkaa birraatii fi bokkaa arfaasaa lafa keetti nan roobsa.
15 Ndidzakupatsani udzu mʼminda mwanu woti muzidzadyetsera ngʼombe zanu ndipo inuyo mudzadya ndi kukhuta.
Loon keetiif marga bakkee nan kenna; atis nyaattee quufta.
16 Dzisamalireni nokha, kuopa kuti mungakopeke mtima ndi kubwerera mʼmbuyo kuyamba kutumikira milungu ina ndi kumayigwadira.
Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.
17 Mukatero Yehova Mulungu wanu adzakukwiyirani kwambiri, nadzaletsa thambo kuti lisabweretsenso mvula ndipo dziko silidzapereka zokolola. Choncho mudzawonongeka msanga mʼdziko limene Yehova akukupatsani.
Ergasii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; innis akka bokkaan hin roobne, laftis oomisha hin kennineef samiiwwan ni cufa; isinis biyya gaarii Waaqayyo isiniif kennu irraa daftanii ni baddu.
18 Sungani mawu amenewa mu mtima mwanu ndi mʼmaganizo mwanu, muwamangirire pa mikono yanu ndipo muwayike pamphumi panu.
Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa.
19 Mawuwa muziphunzitsa ana anu, muzikamba za iwo pamene mukhala pansi mʼnyumba zanu, pamene mukuyenda mʼnjira, pamene mugona ndi pamene mukudzuka.
Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
20 Muwalembe pa mphuthu za nyumba zanu ndi pa zipata zanu,
Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi;
21 kuti inu ndi ana anu mukhale mʼdziko limene Yehova analumbira kupatsa makolo anu mpaka kalekale monga umakhalira mlengalenga pamwamba pa dziko.
kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya Waaqayyo abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii samiiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf.
22 Mukatsatira mosamalitsa malamulo amene ndikukupatsaniwa, kukonda Yehova Mulungu wanu, kuyenda mʼnjira zake zonse ndi kumugwiritsitsa Iye
Yoo isin ajajawwan ani isiniif kennu kanneen hunda of eeggannoodhaan duukaa buutan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattan, karaa isaa hunda irra deemtanii fi isatti maxxantan,
23 Yehova adzapirikitsa mitundu ina yonseyi inu musanafike ndipo mudzagonjetsa mitundu ikuluikulu ndi yamphamvu kuposa inu.
Waaqayyo saboota hunda fuula keessan duraa ariʼee ni baasa; isinis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo ni dhaaltu.
24 Malo aliwonse amene mudzaponda adzakhala anu: dziko lanu lidzachokera ku chipululu mpaka ku Lebanoni, ndi ku Mtsinje wa Yufurate mpaka ku nyanja ya kumadzulo.
Lafti miilli keessan irra dhaabate hundinuu keessan taʼa; daariin keessanis gammoojjiidhaa hamma Libaanoonitti, laga Efraaxiisii hamma galaana lixaatti ni balʼata.
25 Palibe munthu amene adzalimbana nanu. Monga analonjezera, Yehova adzachititsa kuti anthu onse mʼdziko limene mukupitalo adzachite nanu mantha ndi kukuopani.
Namni kam iyyuu fuula keessan dura dhaabachuu hin dandaʼu. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma isin abdachiisetti rifachiisuu fi sodaachisuu keessan lafa isin dhaqxan hunda irra ni buusa.
26 Taonani, lero ndikuyika dalitso ndi temberero pakati panu,
Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa;
27 dalitso ngati mumvera malamulo a Yehova Mulungu wanu amene ndikukupatsani lero.
eebbi kunis yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha.
28 Temberero ngati simumvera malamulo a Yehova Mulungu wanu ndi kupatuka pa njira imene ndikulamulirani lero potsata milungu ina imene simunayidziwe.
Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha.
29 Yehova Mulungu wanu akakakufikitsani mʼdziko mukukalandalo kuti mulowemo mukanene za madalitso pa Phiri la Gerizimu, ndi za matemberero pa Phiri la Ebala.
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtu kanatti si fidutti Tulluu Gerziim irratti eebba, Tulluu Eebaal irratti immoo abaarsa labsita.
30 Monga mudziwa, mapiriwa ali kutsidya kwa Yorodani, kumadzulo kolowera dzuwa, kufupi ndi mitengo ya thundu ya More, mʼdziko la Akanaani aja okhala ku Araba moyangʼanana ndi Giligala.
Tulluuwwan kunneen Yordaanos gamatti, karaa gara lixa biiftuutti geessuun gama lixaatti, muka Mooree guddicha biratti, biyya Kanaʼaanota Arabbaa keessa jiraatan keessatti fuullee Gilgaalitti argamu mitii?
31 Mwatsala pangʼono kuwoloka Yorodani kuti mulowe ndi kutenga dziko limene Yehova Mulungu wanu akukupatsani. Mukadzalitenga dzikolo ndi kukhalamo,
Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu seentanii dhaaluuf Yordaanosin ceʼuudhaaf jirtu; yommuu lafa sana dhaaltanii irra jiraattanitti,
32 mudzaonetsetse kuti mukumvera malangizo ndi malamulo amene ndikukuwuzani lero.
ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu hunda eegaa.