< Amosi 8 >
1 Zimene Ambuye Yehova anandionetsa ndi izi: dengu la zipatso zakupsa.
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.
2 Iye anandifunsa kuti, “Amosi nʼchiyani ukuona?” Ine ndinayankha kuti, “Dengu la zipatso zakupsa.” Ndipo Yehova anati kwa ine, “Nthawi yachimaliziro yawakwanira anthu anga Aisraeli; sindidzawakhululukiranso.
Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”
3 “Tsiku limenelo,” Ambuye Yehova akulengeza kuti, “Nyimbo za mʼNyumba ya Mulungu zidzasanduka kulira kofuwula. Mitembo ya anthu idzachuluka, ndipo adzayiponya ponseponse! Kudzangoti zii!”
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!”
4 Imvani izi, inu amene mumapondereza anthu osowa ndipo simulabadira anthu osauka a mʼdzikomu.
Isin warri rakkattoota dhidhiittanii hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;
5 Mumanena kuti, “Kodi chikondwerero cha mwezi watsopano chidzatha liti kuti tigulitse zinthu? Ndipo tsiku la Sabata litha liti kuti tigulitse tirigu, kuti tichepetse miyeso, kukweza mitengo kuti tibere anthu ndi miyeso ya chinyengo,
isin akkana jettu; “Akka nu midhaan gurgurannuuf Baatiin Haaraan yoom goobana? Akka nu qamadii gabaa baafannuuf Sanbanni yoom darba?” Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin nama gowwoomsitanii saamtu;
6 tigule osauka ndi ndalama zasiliva ndi osowa powapatsa nsapato, tigulitse ngakhale mungu wa tirigu?”
hiyyeeyyii meetiidhaan, rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii girdiis qamadii wajjin gurgurattu.
7 Yehova amene Yakobo amamunyadira, walumbira kuti: Ine sindidzayiwala chilichonse chimene anachita.
Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.
8 “Kodi dziko silidzagwedezeka chifukwa cha zimenezi, ndi onse okhala mʼmenemo kulira mwachisoni? Dziko lonse lidzavunduka ngati mtsinje wa Nailo; lidzagwedezeka kenaka nʼkukhala bata ngati mtsinje wa ku Igupto.
“Sababii kanaaf lafti kirkirtee namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; isheen akkuma laga Gibxi ol dadarbatamtee liqimfamti.”
9 “Tsiku limenelo,” Ambuye Yehova akunena kuti, “Ndidzadetsa dzuwa masana ndi kugwetsa mdima pa dziko lapansi dzuwa likuswa mtengo.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, “Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.
10 Maphwando anu achipembedzo ndidzawasandutsa kulira kwa chisoni ndipo kuyimba kwanu konse ndidzakusandutsa maliro. Ndidzakuvekani chiguduli nonsenu ndi kumeta mipala mitu yanu. Nthawi imeneyo idzakhala ngati yolira mwana wamwamuna mmodzi yekhayo, ndipo tsikulo lidzakhala lowawa mpaka kutha kwake.
Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii mataa keessan haaddattan nan godha. Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”
11 “Nthawi ikubwera,” Ambuye Yehova akunena kuti, “Ndidzagwetsa njala mʼdziko lonse; osati njala ya chakudya kapena ludzu la madzi, koma njala yofuna kumva mawu a Yehova.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
12 Anthu azidzangoyendayenda kuchoka ku nyanja ina kupita ku nyanja ina. Azidzangoyendayenda kuchoka kumpoto kupita kummawa, kufunafuna mawu a Yehova, koma sadzawapeza.
Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha galaanaa gara galaanaatti, kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru; garuu hin argatan.
13 “Tsiku limenelo “anamwali okongola ndi anyamata amphamvu adzakomoka ndi ludzu.
“Bara sana “Shamarran babbareedoo fi dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.
14 Onse amene amalumbira pa tchimo la Samariya, kapena kumanena kuti, ‘Iwe Dani, pali mulungu wako wamoyo,’ kapena, ‘Pali mulungu wamoyo wa ku Beeriseba.’ Iwowo adzagwa ndipo sadzadzukanso.”
Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan, yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”