< Amosi 4 >

1 Imvani mawu awa, inu ngʼombe zazikazi za ku Basani, okhala pa Phiri la Samariya, inu akazi amene mumapondereza anthu osauka ndi kuzunza anthu osowa ndi kumanena kwa amuna anu kuti, “Tipatseni zakumwa!”
Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan, yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii dhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan dubbii kana dhagaʼaa.
2 Ambuye Yehova, mwa kuyera mtima kwake walumbira kuti, “Nthawi idzafika ndithu pamene adzakukokani ndi ngowe, womaliza wa inu adzakokedwa ndi mbedza.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera: “Yeroon isin itti hokkoodhaan, isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin qabamu tokko dhugumaan ni dhufa.
3 Mudzatulukira mʼmingʼalu ya pa khoma aliyense payekhapayekha, ndipo mudzatayidwa ku Harimoni,” akutero Yehova.
Isin tokko tokkoon qajeeltanii qaawwa dallaatiin ni baatu; gara Harmoonittis ni darbatamtu” jedha Waaqayyo.
4 “Bwerani ku Beteli mudzachimwe; ndi ku Giligala kuti mudzapitirize kuchimwa. Bweretsani nsembe zanu mmawa uliwonse, bweretsani chakhumi chanu masiku atatu aliwonse.
“Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa; Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa. Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa; waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa harka tokko fidaa.
5 Wotchani buledi wokhala ndi yisiti ngati nsembe yachiyamiko ndi kumanyadira poyera za zopereka zanu zaufulu. Inu Aisraeli, zinyadireni nsembezo, pakuti izi ndi zimene mumakonda kuchita,” akutero Ambuye Yehova.
Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa; aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas; yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii, ittiin boonaa” jedha Waaqayyo Gooftaan.
6 “Ndine amene ndinakusendetsani milomo mʼmizinda yanu yonse, ndipo munasowa chakudya mʼmizinda yanu. Komatu inu simunabwerere kwa Ine,” akutero Yehova.
“Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera; magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
7 “Ndinenso amene ndinamanga mvula patangotsala miyezi itatu kuti mukolole. Ndinagwetsa mvula pa mzinda wina, koma pa mzinda wina ayi, mvula inkagwa pa munda wina; koma sinagwe pa munda wina ndipo mbewu zinawuma.
“Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafutti bokkaa isin irraa nan kute. Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergee kaan irraa immoo nan dhaabe. Lafti qonnaa tokko bokkaa argatee kaan garuu homaa dhabee goge.
8 Anthu ankayenda mzinda ndi mzinda kufuna madzi, koma sanapeze madzi okwanira kumwa. Komabe inu simunabwerere kwa Ine,” akutero Yehova.
Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore; garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
9 “Nthawi zambiri ndinakantha mbewu zanu ndiponso minda ya mpesa, ndinayikantha ndi chinsikwi ndiponso ndi chiwawu. Dzombe linawononga mikuyu yanu ndi mitengo ya olivi. Komabe inu simunabwerere kwa Ine,” akutero Yehova.
“Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fi wayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse. Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
10 “Ine ndinabweretsa miliri pakati panu monga ndinachitira ku Igupto. Ndinapha anyamata anu ndi lupanga, ndinapereka akavalo anu kwa adani. Ndinakununkhitsani fungo la mitembo lochokera mʼmisasa yanu ya nkhondo. Komatu inu simunabwerere kwa Ine,” akutero Yehova.
“Ani akkuman biyya Gibxi godhe sana dhaʼicha isinitti nan erge. Ani fardeen isin boojitan wajjin dargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe. Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
11 “Ndinawononga ena mwa inu monga ndinawonongera Sodomu ndi Gomora. Inu munali ngati chikuni choyaka chimene chafumulidwa pa moto. Komabe inu simunabwerere kwa Ine,” akutero Yehova.
“Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sana isin keessaa nama tokko tokko garagalcheera. Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
12 “Choncho izi ndi zimene ndidzakuchitire iwe Israeli, chifukwa ndidzakuchitira zimenezi, konzekera kukumana ndi Mulungu wako, iwe Israeli.”
“Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha; sababii ani akkana isin godhuuf yaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.”
13 Iye amene amawumba mapiri, amalenga mphepo, ndipo amawululira munthu za mʼmaganizo ake, Iye amene amasandutsa usana kuti ukhale mdima, ndipo amayenda pa zitunda za dziko lapansi, dzina lake ndi Yehova Mulungu Wamphamvuzonse.
Inni tulluuwwan tolchee bubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun, inni barii dukkaneessee iddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun, maqaan isaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.

< Amosi 4 >