< 2 Samueli 24 >

1 Nthawi inanso Yehova anawakwiyira Aisraeli ndipo anawutsa mtima wa Davide kuti awavutitse ndipo anati, “Pita kawerenge Aisraeli ndi Ayuda.”
Aariin Waaqayyoo ammas Israaʼelitti kaʼee Daawitiin, “Dhaqiitii Israaʼelii fi Yihuudaa lakkaaʼi” jedhee isaanitti kakaase.
2 Choncho mfumu inati kwa Yowabu pamodzi ndi atsogoleri a ankhondo amene anali nawo. “Pitani pakati pa mafuko onse a Israeli kuyambira ku Dani mpaka ku Beeriseba kuti mukawerenge anthu omenya nkhondo ndi cholinga choti ndidziwe chiwerengero chawo.”
Kanaafuu mootichi Yooʼaabii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa bira turaniin, “Akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf gosoota Israaʼel kanneen Daanii hamma Bersheebaatti jiraatan hunda keessa deemaatii namoota loluu dandaʼan galmeessaa” jedhe.
3 Koma Yowabu anayankha mfumu kuti, “Yehova Mulungu wanu achulukitse ankhondo anu kukhala miyandamiyanda, ndipo alole inu mbuye wanga mfumu mudzazione zimenezi. Koma nʼchifukwa chiyani inu mbuye wanga mfumu mukufuna kuchita zimenezi?”
Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo Waaqni kee loltoota kee dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu; iji gooftaa koo mootichaas waan kana haa argu. Garuu gooftaan koo mootichi maaliif waan kana gochuu barbaade?” jedhe.
4 Komabe mawu a mfumu anapambana mawu a Yowabu ndi atsogoleri a ankhondo. Choncho anachoka pamaso pa mfumu kupita kukawerenga anthu omenya nkhondo mu Israeli.
Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaa yaada geeddarachiise; kanaafuu isaan fuula mootichaa duraa baʼanii namoota Israaʼel kanneen loluu dandaʼan galmeessuu deeman.
5 Atawoloka Yorodani, iwo anamanga misasa yawo pafupi ndi Aroeri kummwera kwa mzinda wa ku chigwa ndipo kenaka iwo anapita ku dziko la Gadi mpaka ku Yazeri.
Isaanis erga Yordaanos ceʼanii booddee gara kibba magaalaa sulula keessatti argamuutiin Aroʼeer bira qubatan; achii immoo Gaad keessa darbanii Yaʼizeeritti qajeelan.
6 Iwo anapita ku Giliyadi ndi ku chigwa cha Tahitimu Hodisi ndipo anapitirira mpaka ku Dani Yaani ndi madera ozungulira Sidoni.
Isaanis gara Giliʼaadii fi Tabaason Adasaay, itti aansanii gara Daan yaaʼanii achii immoo naannaʼanii Siidoonaa dhaqan.
7 Kenaka iwo anapita molunjika linga la ku Turo ndi ku mizinda yonse ya Ahivi ndi Akanaani. Pomaliza anapita ku Beeriseba ku Negevi wa ku Yuda.
Ergasii immoo gara Daʼannoo Xiiroos, gara magaalaawwan Hiiwotaatii fi Kanaʼaanotaa hundaa dhaqan. Dhuma irratti immoo gara Bersheebaa kan kibba Yihuudaatti argamtu sanaa dhaqan.
8 Atayendayenda mʼdziko lonse anabwerera ku Yerusalemu patapita miyezi isanu ndi inayi ndi masiku makumi awiri.
Isaanis erga guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii booddee jiʼa sagalii fi bultii digdamaatti Yerusaalemitti deebiʼan.
9 Yowabu anapereka chiwerengero cha anthu ankhondo kwa mfumu: Mu Israeli munali anthu 800,000 amphamvu amene amadziwa kugwiritsa ntchito lupanga ndipo mu Yuda munali anthu 500,000.
Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii mootichatti hime; Israaʼel keessa namoota lolaaf gaʼumsa qaban kanneen goraadee qabachuu dandaʼan kuma dhibba saddeeti, Yihuudaa keessa immoo namoota kuma dhibba shanitu ture.
10 Davide anatsutsika mu mtima mwake atatha kuwerenga anthuwo ndipo anapemphera kwa Yehova kuti, “Ine ndachimwa kwambiri pa zimene ndachita. Tsono Yehova, ndikupempha kuti mukhululuke kulakwa kwa mtumiki wanu. Ine ndachita zopusa kwambiri.”
Daawit waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef Waaqayyoon, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Yaa Waaqayyo, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
11 Davide asanadzuke mmawa mwake mawu a Yehova anafika kwa mneneri Gadi, mlosi wa Davide kuti,
Guyyaa itti aanutti utuu Daawit hirribaa hin kaʼin ergaan Waaqayyoo gara waa himaa Daawit gara Gaad raajichaa dhufe; ergaan sunis,
12 “Pita ukamuwuze Davide kuti, ‘Yehova akuti, Ine ndikukupatsa zinthu zitatu izi. Usankhepo chimodzi pa zimenezi choti ndikuchitire.’”
“Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna; akka ani isa sitti fiduuf isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi” jedha.
13 Choncho Gadi anapita kwa Davide ndipo anati kwa iye, “Kodi mungakonde kuti mʼdziko mwanu mukhale njala kwa zaka zitatu? Kapena kuti mukhale mukuthawa adani anu kwa miyezi itatu? Kapena kuti mʼdziko muno mukhale mliri kwa masiku atatu? Tsopano, ganizirani bwino ndipo musankhe chomwe mudzamuyankhe amene wandituma.”
Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee, “Waggaa torba biyya kee irra beelli haa buʼuu? Yookaan diinonni kee jiʼa sadiif si haa ariʼanii? Yookaan dhaʼichi guyyaa sadii biyya kee haa dhaʼuu? Egaa amma itti yaadiitii waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteessi” jedheen.
14 Davide anati kwa Gadi, “Ine ndavutika kwambiri mu mtima mwanga. Ife atilange ndi Yehova pakuti chifundo chake ndi chachikulu, koma ndisalangidwe ndi anthu.”
Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa guddaa taʼeef nu harka Waaqayyoo haa seennu; garuu akka ani harka namaa seenu hin godhin” jedhe.
15 Choncho Yehova anabweretsa mliri pa Aisraeli, kuyambira mmawa mpaka pa nthawi imene anafuna mwini wake, ndipo unapha anthu 70,000 kuyambira ku Dani mpaka ku Beeriseba.
Kanaafuu Waaqayyo guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman.
16 Pamene mngelo anatambasula dzanja lake kuti awononge Yerusalemu, Yehova anamva chisoni chifukwa cha zowawazo ndipo anati kwa mngelo amene ankawononga anthu uja, “Basi kwakwanira! Leka kuwononga.” Nthawi imeneyo mngelo wa Yehova anali atayima pamalo opunthira tirigu a Arauna Myebusi.
Yeroo ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti Waaqayyo sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture.
17 Davide ataona mngelo amene ankakantha anthu uja, anati kwa Yehova, “Ine ndi amene ndachimwa. Ine mʼbusa ndiye ndachita zoyipa. Anthuwa ali ngati nkhosa zosalakwa. Kodi iwowa achita chiyani? Langani ineyo pamodzi ndi banja langa.”
Daawit yommuu ergamaa Waaqayyoo kan namoota ajjeesaa ture sana argetti, Waaqayyoon, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe.
18 Tsiku limenelo Gadi anapita kwa Davide ndi kukanena kuti, “Pitani kamangeni guwa lansembe la Yehova pamalo opunthira tirigu a Arauna Myebusi.”
Gaafas Gaad gara Daawit dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaari” jedheen.
19 Ndipo Davide anapita monga momwe Yehova anamulamulira kudzera mwa Gadi.
Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe.
20 Arauna atayangʼana ndi kuona mfumu ndi anthu ake akubwera kumene kunali iye, iyeyo anatuluka ndi kuwerama pamaso pa mfumu mpaka nkhope yake kugunda pansi.
Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
21 Arauna anati, “Nʼchifukwa chiyani mbuye wanga mfumu mwabwera kwa mtumiki wanu?” Davide anayankha kuti, “Kudzagula malo ako opunthira tirigu kuti ndimangire Yehova guwa lansembe kuti mliri uli pa anthuwa usiye.”
Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe. Daawit immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchuufin dhufe” jedhee deebise.
22 Arauna anati kwa Davide, “Mbuye wanga mfumu mutenge chilichonse chimene chikukondweretseni ndi kuchipereka nsembe. Nazi ngʼombe zazimuna za nsembe yopsereza, nazi zopunthira tirigu ndi magoli angʼombe kuti zikhale nkhuni.
Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira.
23 Inu mfumu, Arauna akupereka zonsezi kwa inu mfumu.” Arauna anatinso kwa iye, “Yehova Mulungu wanu akuvomerezeni.”
Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Waaqayyo Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe.
24 Koma mfumu inayankha Arauna kuti, “Ayi, Ine ndikunenetsa kuti ndikulipira. Sindidzapereka kwa Yehova Mulungu wanga nsembe yopsereza imene sindinavutikire.” Kotero Davide anagula malo wopunthira tiriguwo ndi ngʼombe ndipo anapereka kwa Araunayo masekeli asiliva makumi asanu.
Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Waaqayyo Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise. Kanaafuu Daawit oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite.
25 Davide anamanga guwa lansembe la Yehova pamenepo ndipo anaperekapo nsembe zopsereza ndi nsembe zachiyanjano. Ndipo Yehova anayankha pempherolo mʼmalo mwa dziko lonse, ndipo mliri unatha pa Aisraeli.
Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Waaqayyos kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.

< 2 Samueli 24 >